Advertisements
jump to navigation

HRW: Dispatches: Using Courts to Crush Dissent in Ethiopia. #OromoProtests May 11, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , , , , , , ,
trackback

Odaa Oromoo

hrwlogo

Dispatches: Using Courts to Crush Dissent in Ethiopia

(HRW) — For the past six months, thousands of people have taken to the streets in Ethiopia’s largest region, Oromia, to protest alleged abuses by their government. The protests, unprecedented in recent years, have seen Ethiopia’s security forces use lethal force against largely peaceful protesters, killing hundreds and arresting tens of thousands more.

The government is inexorably closing off ways for Ethiopians to peacefully express their grievances, not just with bullets but also through the courts. In recent weeks, the Ethiopian authorities have lodged new, politically motivated charges against prominent opposition politicians and others, accusing them of crimes under Ethiopia’s draconian counterterrorism law.

Just last week, Yonatan Tesfaye Regassa, the head of public relations for the opposition Semayawi Party (the Blue Party), was charged with “planning, preparation, conspiracy, incitement and attempt” of a terrorist act. The authorities citied Yonatan’s Facebook posts about the protests as evidence; he faces 15 years to life in prison, if convicted.

#OromoProtests in Oromia, December 2015

In April, Bekele Gerba, deputy chairman of the Oromo Federalist Congress (OFC), Oromia’s largest registered political party, and 21 others, including many senior OFC members, were charged under the counterterrorism law, four months after their arrest on December 23, 2015. Bekele is accused of having links with the banned Oromo Liberation Front, a charge frequently used by the government to target ethnic Oromo dissidents and others. Deeply committed to nonviolence, Bekele has consistently urged the OFC to participate in elections despite the ruling party’s iron grip on the polls. Bekele and the others have described horrible conditions during their detention, including at thenotorious Maekalawi prison, where torture and other ill-treatment are routine.

The authorities also charged 20 university students under the criminal code for protesting in front of the United States Embassy in Addis Ababa in March, 2016. The “evidence” against them included a video of their protest and a list of demands, which included the immediate release of opposition leaders and others arrested for peaceful protests, and the establishment of an independent body to investigate and prosecute those who killed and injured peaceful protesters. They face three years in prison if convicted.

The Ethiopian government is sending a clear message when it charges peaceful protesters and opposition politicians like Bekele Gerba with terrorism. The message is that no dissent is tolerated, whether through social media, the electoral system, or peaceful assembly.


ODUU

Itoophiyaan Uummata mirga isaa gaafatu jumlaan akka hiituu fi ajjeestu Saaxilame.

OMN:Oduu Caamsaa 11,2016 Qorataan mirga dhala namaa kan gaanfa Afrikatti Qorannoo geggeessan Filex Horne dhiheenna kana ibsa baasaniin, mootummaan Itiyoophiyaa mormii biyyattii keessatti geggeeffama jiru dhaabsisuuf jecha, hidhaa filannoo taasifatee jira jedhan.

Qorataa waa’ee mirga dhala nama  ka ta’e Felix Horne, qorannoo isaa ta gaafa Afirkatti taasisee Caamsa 09, bara 2016 baasen, mormii ji’oota ja’an dabran geggeeffame irratti mootummaan Itiyoophiyaa lammiilee nagaa irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwachuu dubbata.

Humnootii tikaa mootummaa tarkaanfii ajjeechaa geggeessaniin, namoonni dhibba hedduu yoo ajjeefaman, kumootatti kan laakkawaman ammoo hidhamuu isaanii Flex gabaasa isaa kanaan mirkaneessee jira.

Akka gabaasa kanaatti, mootummaan Itoophiyaa mormii guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffame dura dhaabbachuuf jecha, tarkaanfii gara jabeennaa kana raawwachuun isaa sirrii akka hin taane Filex gabaasa isaa kanaan ibsee jira.

Dhiyeenna kana immoo dubbiin bifaa jijjiirattee, mormii tana dhaabsisuufi nama hidhuun filannoo duraa ta’uu dubbata.

Akka Filex jedhutti, torbaanuma dabree kana keessa paarti mormituu Blue Party jedhamutti, dura taa’aa hariiroo uummata kan ta’e obbo Yonaataan Tesfaaye Reggaasa, gochoota shororkeessumma karoorsuu, qindeessuu fi nama kakaasuu yaali gootee jechuun seera farra shororkeessummaatin himatan.

Akkaa ragaatti wanni irratti dhiyaate facebook irratti waa’ee mormi maxxansitee ka jedhuu yoo ta’uu, yakki kun ka isaa taanan hidhaa gannaa kudhan shaniitti(15) isa eeggata jedhaa Felix.

Ji’aa Eblaa ka dabre keessa hoogganoota paarti kongirasii Federalistii Oromoo kan ta’an, Obbo Beqalaa Garbaa fi, miseensota Paarti isaanii namoota 21fi daraggoota hedduu dabalatee, eegi murtii tokko malee ji’aa afur hidhamanii duubatti, seeraa shororkeessummaatiin himatamuu dubata.

Akka Felix Horne  gabaaasa qorannoo isaa irraatti tuqetti, obboo Baqqalaa Garbaa ka ittin himatamee, yakka walitti dhuffeenna Addaa Bilisummaa Oromootiin walin qabdan, ilaalcha uummanni Oromoo biyyitti keessatti hacuucaatu irra ga’a ka jedhuu fi, waan akkaa akkaatiin himatamee jedha.

Hata’uu malee obbo Baqqalaan adoo mootummaan biyya bulchaa jiru qawwee qabatee lammiitti roorrisaa jiruu, paartiin isaanii karaa nagaayaan filannoo geggeessu akka qabu gadi faggeennaan mormaa turee jedha.

Yoo mana hidha keessaa turanitti obbo Baqqalaa fi miseensonni isaalleen haala suukaneessaa keessaa jirachu, dubbachu isaanii himee, kun ammoo dhaanichaa fi dararamiinsa hamaa akka ofi keessa qabu ibsan.

Gamaa biraatiin mootummaan Itoophiyaa barattoota University namoota 20, gaafa baatii Bitotteessa bara 2016, Embassy United State ka Finfinnee jiru duratti mormii geggeesitan jechuun, seera yakkaatin himachuu isaallee dubbata.

Akkaa ragaatti wanni irratti dhiyaate, video mormii ka hoggantoota mormitoota fi namoota  nagaa ka hiriiraa bahuun hidhaman hatattamaan akka gadi dhiifaman gaafatuu fi, qaamni walaba hundeeffamee dhimma mormiin irratti ka’ee akka qorannoo geggeessu, gaafachuu isaanii dubbata.

Akka Felix Horne jedhutti, yoo yakki kun ka  isaanitti murtaa’u ta’ee, ijoollee tana tokko tokkoo isaanii hidhaa gannaa sadiittu eegata jedha.

Dhuma irratti mootummaan Itoophiyaa kana taasisuun isaa ergaa ifaa dabarsaa jedha felix.

Kun immoo, ammaan eegi karaa midiyaa hawaasaatiin ta’ee, kara sirna filannoo yokaan karaa nagaatilleen gurmaa’an mormuun, ka hin danda’amne ta’uu argisiisaa jedha.

Liiban Halaketiin.

Itoophiyaan Uummata mirga isaa gaafatu jumlaan akka hiituu fi ajjeestu Saaxilame.

Advertisements

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: