jump to navigation

Oromia: Irreecha Malkaa Ateetee 2018 Colorfully Celebrated in Buraayyuu at Hora Gafarsaa October 8, 2018

Posted by OromianEconomist in Irreecha, Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , ,
trackback
oromianeconomist
As a continuation of  the celebration of Oromo national and Cultural Holiday annual season, massive people turned out on 7th October 2018 to celebrate the colorful Irreechaa  season at Malkaa Ateetee, in Buraayyuu.  The event was colorfully and peacefully held and concluded with full of joy at Hora Gafarsaa in Buraayyu, Oromia, 10 km west to Finfinnee, the capital of Oromia. This is the 2nd biggest Irreecha Birraa celebration a week after the grand festival at Hora Harsadii, Bishoftuu, on  30th September  2018. The Gamo people also celebrated Irreecha at Malkaa Ateetee with   Oromo people. Irreechi Malkaa Ateetee Onkoloolessa 7 bara 2018 haala bareedaa fi  nagayaan irreeffatame.    #Irreecha2018
  “የቡራዩ የመልካ አቴቴ ኢሬቻ በሰላምና በፍቅር ተጠናቋል። የአከባቢው አሮሞ ህዝብ ከጋሞ ወንድሞች፣ እህቶችና ከሌሎችም ወንድሞች ጋር አብረው አክብረዋል.” Milkeessaa Miidhagaa   Irreecha Birraa Oromoo Malkaa Ateetee Celebration, on Sunday  8th October  2018 in Buraayyuu, Oromia.png   Irreecha Birraa Oromoo Malkaa Ateetee Celebrations, on Sunday  8th October  2018 in Buraayyuu, Oromia.png   Irreecha Birraa Oromoo Malkaa Ateetee Celebration and Oromo Horse Man on Sunday  8th October  2018 in Buraayyuu, Oromia.png   Irreecha Birraa Oromoo Malkaa Ateetee Celebration with Gaamo people, on Sunday  8th October  2018 in Buraayyuu, Oromia.png   Irreecha Birraa Oromoo Malkaa Ateetee Celebration  on Sunday  8th October  2018, Buraayyuu, Oromia.png Suuraa Gammadaa Olaanaa Torban Irreecha Hora Arsadeetti kabajametti, Irreecha Malkaa Ateetee Buraayyuutti, Irreecha Biyya Ameerikaa kutaa Miniyaapoolis magaalaa Lakkuutti, Awustraaliyaa magaalaa Melboornitti, akkasumas kan Keenyaa Naayiroobii ammoo Siitii Paark bakka jedhamutti kabajamee ooleera. BBCAfaan Oromoo. 
Hirmaattota Irreecha Keeniyaa magaala Naayiroobii, Sitii Paark keessatti kabajame,. Onk 07, 2018 ALA
Goodayyaa suuraaHirmaattota Irreecha Keeniyaa magaalaa Naayiroobii, kan bara 2018
Irreecha namoota 6 irraa hanga miiliyoona 6tti Irreecha Arfaasaa Awustiraaliyaatti Irreecha biyyoota addunyaa gara garaa keessatti Irreecha Hora Arsadee bara kanaas kan adda taasisan taateewwan hedduutu jiru. Isaan keessaas: Sabaaafi sablammoonni obbolaan Oromoo hedduun irratti hirmaachuudha. Gareedhaan gurmaa’anii uffataafi waan eenyummaa isaanii calaqqisiisuun faayamanii sabaafi sablamoonni Kibbaa irratti argaman, saba Sidaamaa, saba Koonsoofi saba Alaabaa akka jiran gabaafnee turre. Lakkoofsi namootaa irreecha Hora Arsadee bara kanaarratti argamees dabaluun olitti namoonni sababa gara garaan biyyaa baqatanii turan wagoota hedduun booda deebiyanii irratti argamanii galata galfataniiru. Irreecha bara kanaa waanti adda taasisu kan biraan namoonni gaa’ela isaanii guyyaa galataa kana raawwatan baayyeen jiraachuudha.
Hirmaattota Irreecha Hora Arsadee kan bara 2018 keessa
Goodayyaa suuraaHirmaattota Irreecha Hora Arsadee kan bara 2018 keessa
Namoota Irreecha Hora Arsadee kanarratti cidha isaanii raawwatan keessaa misirroonni nuti dubbifne maaliif akka guyyaa kana filatan yeroo dubbatan, guyyaa tokkummaafi jaalalaa waan ta’eef jedhu. Itti karoorfatanii Jimmarraa akka dhufan kan dubbatan warri walfuudhan kun, carraa namoonni miliyoonaan lakkaa’aman amaamota isaaniif ta’ellee ni dubbatu.
Irreecha 2018: Horri Finfinne hora jahan keessaa isa angafaati.
Irreechi bakkawwan kabajame maratti galata galfachuun alatti ergaan tokkumma cimsachuu, jaalala qabaachuufi quba walqabaachuu akka ta’e hirmaattonni Irreecha kan Naayiroobii irratti hirmaatan ni dubbatu. Irreechi waltajjii aadaafi eenyummaa ta’uurra darbees kan tokkummaafi jaalalaa ta’uu isaatiinis maqaa gaarii horachaa deemuun dagagaa jiraachuu hirmaattonni ragaa ba’u.

VIIDIYOO ‘Irreecha’ Naayroobii VOA Afaan  Oromoo irraa as tuquun ilaalaa. Irreecha Aanaa Ammaayyaa Horaa Gaangooti irreeffatameera. https://www.facebook.com/tesfaye.assefa.739/posts/2357724517788071
Suuraa Tasfaayee Asaffaa
Irreecha malkaa Sabbataa haala gaariin Irreeffatame.
Suuraa Abduljelil Hamid
 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: