Economic and development analysis: Perspectives on economics, society, development, freedom & social justice. Leading issues in Oromo, Oromia, Africa & world affairs. Oromo News. African News. world News. Views. Formerly Oromia Quarterly
As a continuation of the celebration of Oromo national and Cultural Holiday annual season, massive people turned out on 7th October 2018 to celebrate the colorful Irreechaa season at Malkaa Ateetee, in Buraayyuu. The event was colorfully and peacefully held and concluded with full of joy at Hora Gafarsaa in Buraayyu, Oromia, 10 km west to Finfinnee, the capital of Oromia. This is the 2nd biggest Irreecha Birraa celebration a week after the grand festival at Hora Harsadii, Bishoftuu, on 30th September 2018.
The Gamo people also celebrated Irreecha at Malkaa Ateetee with Oromo people.
Irreechi Malkaa Ateetee Onkoloolessa 7 bara 2018 haala bareedaa fi nagayaan irreeffatame. #Irreecha2018
“የቡራዩ የመልካ አቴቴ ኢሬቻ በሰላምና በፍቅር ተጠናቋል። የአከባቢው አሮሞ ህዝብ ከጋሞ ወንድሞች፣ እህቶችና ከሌሎችም ወንድሞች ጋር አብረው አክብረዋል.” Milkeessaa Miidhagaa
Torban Irreecha Hora Arsadeetti kabajametti, Irreecha Malkaa Ateetee Buraayyuutti, Irreecha Biyya Ameerikaa kutaa Miniyaapoolis magaalaa Lakkuutti, Awustraaliyaa magaalaa Melboornitti, akkasumas kan Keenyaa Naayiroobii ammoo Siitii Paark bakka jedhamutti kabajamee ooleera.BBCAfaan Oromoo. Goodayyaa suuraaHirmaattota Irreecha Keeniyaa magaalaa Naayiroobii, kan bara 2018Irreecha namoota 6 irraa hanga miiliyoona 6ttiIrreecha Arfaasaa AwustiraaliyaattiIrreecha biyyoota addunyaa gara garaa keessatti
Irreecha Hora Arsadee bara kanaas kan adda taasisan taateewwan hedduutu jiru. Isaan keessaas:
Sabaaafi sablammoonni obbolaan Oromoo hedduun irratti hirmaachuudha. Gareedhaan gurmaa’anii uffataafi waan eenyummaa isaanii calaqqisiisuun faayamanii sabaafi sablamoonni Kibbaa irratti argaman, saba Sidaamaa, saba Koonsoofi saba Alaabaa akka jiran gabaafnee turre.
Lakkoofsi namootaa irreecha Hora Arsadee bara kanaarratti argamees dabaluun olitti namoonni sababa gara garaan biyyaa baqatanii turan wagoota hedduun booda deebiyanii irratti argamanii galata galfataniiru.
Irreecha bara kanaa waanti adda taasisu kan biraan namoonni gaa’ela isaanii guyyaa galataa kana raawwatan baayyeen jiraachuudha.
Goodayyaa suuraaHirmaattota Irreecha Hora Arsadee kan bara 2018 keessa
Namoota Irreecha Hora Arsadee kanarratti cidha isaanii raawwatan keessaa misirroonni nuti dubbifne maaliif akka guyyaa kana filatan yeroo dubbatan, guyyaa tokkummaafi jaalalaa waan ta’eef jedhu.
Itti karoorfatanii Jimmarraa akka dhufan kan dubbatan warri walfuudhan kun, carraa namoonni miliyoonaan lakkaa’aman amaamota isaaniif ta’ellee ni dubbatu.
Irreecha 2018: Horri Finfinne hora jahan keessaa isa angafaati.
Irreechi bakkawwan kabajame maratti galata galfachuun alatti ergaan tokkumma cimsachuu, jaalala qabaachuufi quba walqabaachuu akka ta’e hirmaattonni Irreecha kan Naayiroobii irratti hirmaatan ni dubbatu.
Irreechi waltajjii aadaafi eenyummaa ta’uurra darbees kan tokkummaafi jaalalaa ta’uu isaatiinis maqaa gaarii horachaa deemuun dagagaa jiraachuu hirmaattonni ragaa ba’u.
VIIDIYOO ‘Irreecha’ Naayroobii VOA Afaan Oromoo irraa as tuquun ilaalaa.
Irreecha Aanaa Ammaayyaa Horaa Gaangooti irreeffatameera. https://www.facebook.com/tesfaye.assefa.739/posts/2357724517788071Irreecha malkaa Sabbataa haala gaariin Irreeffatame.
Comments»
No comments yet — be the first.