(Oromedia, Finfinnee, 05 Mudde 2015) Waggoota jahaa oliif Maakkalaawi fi Qaalittiitti dararamaa kan ture Dabalaa Xaafaa humnoota tikaa wayyaaneen ajjeefame.
Oduun Finfinnee irraa nu geesse akka ibsitutti, Dabalaan gaafa Mudde 2 bara 2015 magaalaa Fichee keessaa humnoota tikaatin ukkaamfame.
Yeroo san irraa kaasee haga guyyaa lammataatti reeffi isaa magaalaa Caancotirra kiilo meetira tokko irratti argametti, achi buuteen isaa dhabamee ture.
Dhalataa Godina Shawaa Kaaba Aanaa Dagam Ganda leeman Caarakii mana murtii aanaa Dagam keessa hojjechaa kan ture Obboo Dabalaa Xaafaa Roobii, sababa Oromummaa isaatiin yakkamee woggaa 6 mana hidhaa Makalaawii fi Qallittii kessatti hiraarfamaa ture.
Ob Dabalaan hidhaa waggaa jahaa booda bara darbe mana hidhaati gadi lakkifamee akka ture odeessi nu gahe addeessee jira.
Dabalaa Xaafaa mana hidhaa Maaíkalaawwiitti akka bare kan nuuf ibse hiriyyaan isaa tokko, Dabalaan kutataa, jabaa fi falmataa haqaa taúu isa aragaa bahee jira.
“Guyyaa gaafa mana hidhaa maa’ikelaawwii kutaa dukkanaatti wal barree kaasnee Dabalaa Xaafaa waliin hiriyaa turre,”kan jedhe hiriyyaan isaa kun, Dabalaan Amajjii 1, bara 2007 waggaa saddeet dura sababa Oromummaa isaatiin bakka hojii isaa irraa akka butame nuuf ibseera.
“Bara sana wayitan kutaa dukkanni ija natti babaasu keessa taa’ee dhiphadhu, kutaa cina koo jiru keessaa namni tokko gidaara natti rukutee sagalee hasaasuutiin, “jabaadhu!” naan jedha, “kan jedhe hiriyaan isa akun, “maqaa fi eenyummaa keenya osoo hinbariin nama haala sanaan baatii sadiif turre, “jechuun jabina isaaf ragaa baheera.
“Booda namoota biroo 35 waliin lakkoofsa galmee yakkaa 54411 jalatti waamamaa himatamne,”kan jedh miiltoon Dabalaa kun, “guyyaa himatni nutti banamee kaasee waan hundaa waliin dabarsine; waliin yakkamtoota taanee nutti murteeffame; waliin dhugaa hammannee baddaa fi gammoojjii geeffamne balbala mana hidhaa lakkoofne, “jechuun gidiraan dhalli Oromoo Bilisummaa barbaadan argaa jiran tarreesse.
“Achittis walitti obsa halkanoota waan hin bariine hin fakkaanne, guyyoota waan jijjiiraman hinfakkaanne heddu dabarsine,” jechuunis kutannoo fi jabina ittiin hidhaa fi gidraa san keessa darban nu mil’achiise.
“Garuu edaa duuti dhihoo jirti,”kna jedhe miltoon Dabalaa kun, “kufaatiin goota kanaa nuti har’as taanaan jireenyaaf illee wabii kan hinqabne, duutis baay’ee nutti dhihoo jiraachuu mirkaneessa,”jechuun haala jiru addeesse.
“Goota summii jireenyaa waliin unachaa bara dabarfanne haala kanaan dhabuu caalaa wanti nama dhukkubsu hinjiru, ” jechuuni miiraa gadda keessa isaa jiru jechootaan ibse.
“Gaddi koo guddaa, eelaan koos cimaadha,” jedhe.
Sirni awwaalcha Dabalaa Xaafaas bakka firooti isaa fi hiriyooti isaa argaman magaalaa Fiicheetti kabajaan raawwateera.