jump to navigation

OROMO STUDENT PROTESTORS RELEASED FROM JAIL. Barattooti Oromoo Jaha Hidhaa Hiikaman July 9, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromia wide Oromo Universtiy students Protested Addis Ababa Expansion Master Plan, Oromians Protests, Oromo and the call for justice and freedom.
Tags: , , ,
add a comment

???????????The freed Oromo university students

(OroMedia, Adoolessa 9 bara 2015) Barattooti Oromoo bara 2014 keessa Yunversiitii garaa garaa irraa walitti guuramanii hidhaatti darbaman keessaa jaha bilisaan gadhiifaman.

Maddi keenya Finfinnee irraa akka gabaasetti abarattooti kunneen rakkooleen uummata Oromoo akka furmaata argatuufi uummanni Oromoo seeraan ala qe’ee isaa irraa akka hin buqqaaneef karaa nagaan gaaffii mirgaa warra dhiyeessan keessaa adda baafamanii kanneen hidhaatti darban ture.

Barattootia hiikaman Yunversiitii Saayinsiif Teknooloojii Adaamaatti Dursaa Gumii GAAO kan ture barataa Addunyaa Keessoo, barataaToofik Rashiid Yunversiitii Dirree Dhaawaa irraa, Barataa Leenjisaa Alamaayyoo, Barataa Abdii Kamaal, Barataa Magarsaa Warquu, Barataa Bilisummaa Daammanaa ta’uun beekameera.

Akka odeessa nu gahetti, abrattooti kunneen adda dureedhaan barattoota qindeessitaniittu jedhamanii kanneen himatamuudhaan Finfinnee Mana Hidhaa garaa garaa keessatti dararamaa turaniidha.

OromoPoliticalPrisoners20152

Barattooti kunneen gaafa Waxabajjii 22, 2015 murtii dhumaatiif Mana Murtii Federaalaatti dhiyaatanii sagalee isaanii erga laatanii booda barattoota wagaga tokkoof hiraarsan beenyaa tokko malee gadhiisaniiru.

Barattooti kunneen kanneen adda duree jedhamanii hanga ammaa hidhamanii turanii dha. Barattooti Oromoo hundi Bilisaan akka gadhiifamaniis beekameera.

Akk odeeffannoo nu gaheetti barattoota yeroo darbe badii malee funaanamanii Finfinneetti ukkaamfaman keessaa Alsan Hasan(kan mana hidhaa keessatti reebamee ajjeefame) waliin kijiba boombii darbattan jedhuun kan hidhame barataa Abbabaa Urgeessaa qofti beellami kan biroo qabameefii ammas mana hidhaa Qaallittii keessatti argama.

Barattooti Oromoo amam hiikamanis ta’ee kanneen mana hidhaa keessatti argaman barattoota Qulqulluu fi Falmitoota Haqaa ta’uu isaanii namooti hedduu irratti waliif galaa jiru.

 

http://oromedia.net/2015/07/09/barattooti-oromoo-jaha-hidhaa-hiikaman/

 

(Addis Standard, 9 July 2015), At least six Oromo university students were also among three journalists and two bloggers released from Ethiopian prison yesterday, according to various reports.
The freed Oromo university students include Adugna Kesso, Bilisumma Dammana, Lenjisa Alemayo, Abdi Kamal, Magarsa Warqu, and Tofik Rashid. All were students who were arrested by security agents from various universities located in the Oromiya regional states. No charges were brought against many of them in the last year and three months.

 

 

Bilisumma DammanaStudent Bilisumma Dammana 
The arrest of unknown numbers of Oromo University students followed a May 2014 brutal crackdown by the police against university students who protested when a master plan for the expansion of Addis Abeba, the city originally home to the Oromo, was introduced by the federal government.

TofikStudent Tofik Rashid

The 10th Addis Abeba and Oromia Special Zone Integrated Development Master plan, which was in the making for two years before its introduction to the public, finally came off as ‘Addis Abeba and the Surrounding Oromia Special Zone Integrated Development Plan.
The government claims the master plan, which will annex localities surrounding Addis Abeba but are under the Oromiya regional state, was aimed at “developing an internationally competitive urban region through an efficient and sustainable spatial organization that enhances and takes advantage of complementarities is the major theme for the preparation of the new plan.”
The students protested against the plan and the federal government’s meddling in the affairs of the Oromiya regional state, which many legal experts also say was against Article 49(5) of the Ethiopian Constitution that clearly states “the special interest of the State of Oromia in Addis Abeba.”

 

 

Nimona Chali

Charges against university student Nimona Chali were dropped without explanation and he was released some two months ago. 
Two months ago, student Nimona Chali, one of the detained students, was released from jail without charges. Student Aslan Hassen died in prison in what the government claimed was a suicide. However, many believe he was tortured to death. No independent enquiry was launched to investigate his death.

 

 

Alsan Hassan

Alsan Hassan died while in police custody. Government says it was a sucide, but many say he died of torture. 
By the government’s own account, eleven people were killed during university student demonstrations in many parts of the Oromia regional state. However, several other accounts put the number as high as above 50.

http://addisstandard.com/oromo-student-protestors-released-from-jail/

Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata! November 7, 2014

Posted by OromianEconomist in Amane Badhaso, Ayantu Tibeso, Daraartuu Abdataa, Finfinnee n Kan Oromoo ti, Inspirational Oromo Women, Oromo Protests, Oromo University students and their national demands, Toltu Tufa.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

???????????

 Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata!

By Seenaa Abdissa | Oromiyaa Irraa (Facebook)

Daraartuu-Abdataa-Araarsoo

November 6, 2014 (Gadaa.com) — Daraartuu Abdataa jedhamti. Biyya Garasuu Dukii kan taate Magaalaa Walisoo keessatti dhalattee Guddatte. Aadaa fi Afaan Oromoo Guddiisuuf barnoota sadarkaa gadii irraa jalqabdee kan tattaafachaa turte Daraartuun, Yunversiitii Dire Daawaa erga seentee boodas Piredizaantii Gumii GAAO ta’uu dhaan Dargaggoota Oromoo gurmeessitee Yunversiitii D/Daawaa keessatti akka Aadaa fi Afaan Oromoo dagaaguuf Shamarree carraaqaa turte dha! Haa Ta’u malee Maaster Pilaanii Finfinnee uummata keenya buqqaasuuf ka’e mormuu dhaan yeroo Barattoonni Yunversiitii D/Daawaa gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa mana hidhaatti guuramanitti Daraartuu Abdataa shamarran torba faana dargaggoota keenya waliin waajjira poolisii magaalaa D/Daawaa qaxanaa 2 keessatti hidhamte. Guyyaa Ja’aaf bakka kanatti erga dararamanii booda shamarran hundi isaanii akka gara barnootaatti deebi’an ajajni darbe.Haa ta’u malee Daraartuu Abdataa akkas jechuun deebii Laatte. “Nuti hundi keenya iyyuu gaaffii mirgaa gaafanne. Kun immoo badii hin qabu. Kanaaf iyyuu yoo nu gadhiistu ta’e hunda keenya gadhiisaa yoo nu adabsiisa ta’e immoo hunda keenya adabaa” jechuu dhaan deebii laatte. Deebiin Daraartuun Laatte kun qorannoo cimaaf akka saaxilamtu taasise. Kan barattoota kakaase sidha jechuu dhaan dararaan itti jabaate. Ji’oota hedduu dhaaf erga mana hidhaa keessatti dararamtee booda Guyyaa kaleessaa manni murtii Olaanaa badii tokko malee obboloota ishee 16 waliin murtii irratti dabarseera. Daraartuu Abdataas uummata Oromoof jecha keessumattuu qonnaan bultoota Oromoo naannawaa Finfinnee jiraataniif jecha barnoota ishee irraa addaan cittee umurii dargaggummaa ishee irraa waggaa tokkoof akka hidhamtu murtiin Diktaataroota irraa itti murtaa’eera. Akkasumas qarshii 500 akka adabamtu taasifameera! Waggaan tokko bor dhumti. Jireenya ofii dhiisanii saba ofiitiif akka Daraartuutti jiraachuun garuu boqonnaa sammuu bara baraa namaaf Kenna! Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata!

http://finfinnetribune.com/Gadaa/2014/11/seenaa-abdissa-daraartuu-abdataa-seenaan-uummata-oromoo-yoom-iyyuu-ni-faarfata/

http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/seenaa-abdissa-bakka-namni-hin-jirretti-nama-taatee-kan-argamte-daraartuu-abdataa-seenaan-uummata-oromoo-yoom-iyyuu-ni-faarfata/

https://oromianeconomist.wordpress.com/2014/11/01/widespread-brutalities-of-the-ethiopian-government-in-handling-protests-in-different-parts-of-the-state-of-oromia-by-peaceful-demonstrators/

Seenaa Gabaabaa Nimoonaa Xilahuun Imaanaa(1986-2014). Short Biography of Nimoonaa Tilahuun Imaanaa June 9, 2014

Posted by OromianEconomist in Ethnic Cleansing, Finfinne is Oromia's land, Finfinnee, Finfinnee is the Capital City of Oromia, Finfinnee n Kan Oromoo ti, Genocidal Master plan of Ethiopia, Human Rights Watch on Human Rights Violations Against Oromo People by TPLF Ethiopia, Nimoona Xilahuun Imaanaa, Nimoonaa Tilahun, No to land grabs in Oromia, No to the Addis Ababa Master Plan, NO to the Evictions of Oromo Nationals from Finfinnee (Central Oromia), Oromia, Oromia wide Oromo Universtiy students Protested Addis Ababa Expansion Master Plan, Oromians Protests, Oromiyaa, Oromo, Oromo and the call for justice and freedom, Oromo Media Network, Oromo Protests, Oromo Protests in Ambo, Oromo students movement, Oromo students protests, Oromo University students and their national demands, Oromummaa, State of Oromia, Stop evicting Oromo people from Cities, The Colonizing Structure & The Development Problems of Oromia, The Tyranny of Ethiopia, Uncategorized.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

O

 

NimonaTilahun

Nimonaa Xilaahuun Imaanaa (1986-2014)

Banking and Insurance graduate of Finfinne  (AAU) University and High School teacher

Murdered by TPLF on 6th june 2014 while in jail as political prisoner. His funeral was held on 8th June 2014 in Arjo his birth town.

 

In an increasingly repressive  and cruel TPLF run Ethiopian state, being an Oromo national itself is in practice  a crime.  Nimoonaa TilahunImaanaa, Banking and Insurance graduate of  Finfinne (Addis Ababa) University and former high school teacher, was initially arrested in 2004 along with members of the Macha Tulama Association during widespread protests opposing the relocation of Oromia’s seat from Finfinne to Adama. He was released after a year of incarceration and returned to complete his studies, according to reports by Canada-based Radio Afurra Biyya.

Born in 1986 in Arjo town (Jimma Arjo), Western Oromia, Nimoanaa also  known as Firomsaa was re-arrested in 2011 from his teaching job in Shano, a town in north Shewa (Central Oromia) about 80kms from Finfinne (Addis Ababa). He was briefly held at Maekelawi prison, known for torturing inmates and denying legal counsel to prisoners. And later transferred between Kaliti, Kilinto and Zuway where he was continuously tortured over the last three years. Tilahun was denied medical treatment despite being terminally ill. His death on 6th June 2014  in jail is another very shocking sad news that the Oromo people are experiencing under the tyrannic  Afro-fascist rule of TPLF Ethiopia.

 

(Oromedia, 7 Waxabajjii 2014) Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986 dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate.
Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004 Unvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame.

Nimoonaa Xilahuun Imaanaa (1986 2014)

Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007tti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007 keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti barsiisummaan mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Lakk Gabatee 3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan.
Haga ji’a tokkootti Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana dukkana akeessatti gidiraa guddaa argaa ture. Dhiibbaa fi iyyannaa qaamota miran namoomaatiin dhiyaachaa tureenis, himannaan itti banamee gara mana Hidhaa Qaallittiitti dabarfame. Manni murtii Wayyaanees dhaddecha jallootiin murtii jalloo waggaa 11 akka hidhamuuf itti murteesse.
Nimoonaan mana hidhaa Qaalittii, Zuwayii fi Qilinxoo keessaatti garafamaa ture; Reebicha garmalee irra ga’eenis dhibeef saaxilame. Mana hidha akeessatti wal’aansa gahaa waan dhabeef hedduu miidhame. Dhukkuba kanaan erga hiraarfamee boodas, bara 2012 keessa gara Hospitalaa Xiqur-Anbassaatti geeffamee ture.
Sirna Awwaalchaa NimoonaaHaata’uutii, wal’aansa garaa baqaqsaa godhameef iyyuu sirnaan otuu madaan isaa hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti deebifame. Achitti doorsisaafi dararaa guddaattu irra ga’aa ture.
Dhukkubni isaa itti hamaachaa waan dhufeef, dhiyeenya kana gara Hospitaala Xiqur-Anbassaatti deebisan. Garuu, qaamni laafee, bututee waan jiruuf dhibee san irraa dandamachuu dadhabee Waxabajjii 6, bara 2014 ganama barii keessaa saatii 6:00 irratti lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabarte.
Sirni awwaalcha Nimoonaa Xilahuun bakka warrii fi lammileen hedduu argamanitti raawwatee jira.

“Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.”

 

 

 

DUBBADHU QAALLIITTI!!!
dubbadhu qaallitti abaaramtuu lafaa
yoo dubbachuu baatte xuriinsaa sitti hafaa
ajjeechaa Niimoonaa akkaataa du’a isaa
si qofaatu beeka jalqabaaf dhuma isaa
dubbadhu qaallitti Oromoon si hin dhiisu
maal jedhe Niimoonaan yeroo qofaa ciisu?
yeroo kophaa ciisee dukkana daawwatu
hunduu dabaree dhaan yeroo gadi dhiittu
yeroo midhaan dhabee mar’ummaan wal rige
yeroo bishaan dhabee qoonqoon itti goge
yeroo madaa irratti madaa dabalate
yeroo lammiif jecha waanjoo guddaa baate
atis akka isaanii garaa itti jabaattee?
Moo,bakka keenya buutee jabaadhu ittiin jette?
dhiitichaaf kaballaa ciniinatee obsee
iccitii keessa isaa yeroo diina dhokse
maal jedhe Niimoonaan waa’ee miidhama isaa
afaan keen itti himi si eegu maatiin saa
dubbadhu qaallitti ol kaasi sagalee
namni beeku hin jiru yoo waaqaaf si malee
uummata isaaf jedhee rakkoo hunda obsee
iji imimmaan didee yeroo dhiiga cobse
Niimoonaan maal jedhe dhaamsa maal dabarse?
dubbadhu Qaallitti himi waan dhageesse!!

sirna awwaalchaa Niimoonaa Tilaahuun Imaanaa!!!

Photo

 

 

 

 

 

 

http://qeerroo.org/2014/06/07/sbo-waxabajjii-08-bara-2014-oduu-ibsa-abo-waxabajjii-15-guyyaa-hundeeffama-sbo-waggaa-26ffaa-ilaachisee-dhaamsota-baga-ittiin-isin-gahee-fi-qophiilee-biroo-of-keessatti-hammatee-jira/

 

 

 

Dhaamsa Ogeettii

June 7, 2014 by Oromedia

(Oromedia, 7 Waxabajjii 2014) Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986 dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate.

Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004 Unvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame.

Nimoonaa Xilahuun (1986 2014)

Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007tti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007 keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti barsiisummaan mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti  utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Lakk Gabatee 3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan.

Haga ji’a tokkootti  Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana…

View original post 153 more words