Advertisements
jump to navigation

OROMIA: BERISA DEBERE:GEERERSA: OROMOO BULCHISNI GADAA DHAA (NEW AFAN OROMO OFFICIAL MUSIC VIDEO 2015) August 13, 2015

Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Oromo Music.
Tags: , , , , , , ,
1 comment so far

???????????

Geerar  geerar nan jedhuu

An maalan geeraraa

Ano Jaadan leelalaa

Namni yaadan leelalu

Akkamiin  ha geeraruu

Adiin addaatee gule,

Jibbata mixataa

Roorroon nama irra ture,

Lubbuu lammiitti hiixataa

Roorroo koo ya farrisaa

Turi ammaa si fannisaa

Leenca keenya  dhaadatuu

Warra qawwee baadhatuu

Warra diina qolatuu

Waaqoo Guutuu waamuuree

Taaddasaa Birruu waamuu

Abbishee Garbaa waamuu

Abbaa Jifar  waamuu

Elemoo qilxuu waamuu

Jedhaniitu odeessu kaa

Du’anii baduu saanii,

Garaa na bobeessu kaa

Iyyoolee ya roobaa

Yonnaa roobni roobuu,

Dhagaa jalli addaatee

Yonnaa goonni cooquu,

Garaan na hammaatee……

Akuukkutti hin  hidhatanii,

Gorsheen laggatti galtii

Afuuftutti hin himatanii,

Sobdee namatti maltii

Daandittii qalloo tokkoo,

Laga irraa gadi deebitee

Jarattii farroo tokkoo,

Meeqa nutti deebitee

Utuu akka garaa kootii,

Oromoon tokko ta’ee,

Sirna Gadaa deeffatee

Qabeenya isaatiin ajajee,

Bilisummaa gonfatee,

Ufii isaatiin uf bushee

Isho Obboo koo………….

Kan itti aanu immoo dhaggeeffadhaa….

Advertisements