OROMIA: BERISA DEBERE:GEERERSA: OROMOO BULCHISNI GADAA DHAA (NEW AFAN OROMO OFFICIAL MUSIC VIDEO 2015) August 13, 2015
Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Oromo Music.Tags: African music, BERISA DEBERE, Jaamboo Jootee: "Gidiraa":New Oromo Single Music, Music of Oromia, Musicians and the Performance of Oromo Nationalism, OROMIA: BERISA DEBERE:GEERERSA OROMOO BULCHIISIN GADAA DHAA (NEW AFAN OROMO OFFICIAL MUSIC VIDEO 2015), Oromia’s lyrical stanza: Haacaaluu Hundessaa’s music video:“Maalan Jira …?, Seena Solomon
trackback
Geerar geerar nan jedhuu
An maalan geeraraa
Ano Jaadan leelalaa
Namni yaadan leelalu
Akkamiin ha geeraruu
Adiin addaatee gule,
Jibbata mixataa
Roorroon nama irra ture,
Lubbuu lammiitti hiixataa
Roorroo koo ya farrisaa
Turi ammaa si fannisaa
Leenca keenya dhaadatuu
Warra qawwee baadhatuu
Warra diina qolatuu
Waaqoo Guutuu waamuuree
Taaddasaa Birruu waamuu
Abbishee Garbaa waamuu
Abbaa Jifar waamuu
Elemoo qilxuu waamuu
Jedhaniitu odeessu kaa
Du’anii baduu saanii,
Garaa na bobeessu kaa
Iyyoolee ya roobaa
Yonnaa roobni roobuu,
Dhagaa jalli addaatee
Yonnaa goonni cooquu,
Garaan na hammaatee……
Akuukkutti hin hidhatanii,
Gorsheen laggatti galtii
Afuuftutti hin himatanii,
Sobdee namatti maltii
Daandittii qalloo tokkoo,
Laga irraa gadi deebitee
Jarattii farroo tokkoo,
Meeqa nutti deebitee
Utuu akka garaa kootii,
Oromoon tokko ta’ee,
Sirna Gadaa deeffatee
Qabeenya isaatiin ajajee,
Bilisummaa gonfatee,
Ufii isaatiin uf bushee
Isho Obboo koo………….
Kan itti aanu immoo dhaggeeffadhaa….
Reblogged this on Oproud and commented:
Geerarsa: Originally posted on Oromianeconomist.WordPress.com.