Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: Africa, Ethiopia's Colonizing Structure and the Development Problems of People of Oromia, Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) Categorically Condemns the Past and Ongoing Massacre of Unarmed Civilians by TPLF/EPRDF’s Ethiopian Government, Tyrannic Ethiopia





Ajjeechaan Hammeenyaa Lammiilee Karaa Nagaa Hiriira Gaggeessan Irratti Irra deddeebi’ee Raaw’atamu Jeequmsa Siyaasaa fi Nageenyaa Itoophiyaa Daran Hammeessa.
Ajjeechaa Jumlaa Sirna TPLFn Lammiilee Oromoo Hiriira Nagaa Gaggeessan Irraan Gahame ilaalchisee Ibsa Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii Mormiin Ummanni Oromoo sirna abbaa irree TPLF’n durfamurratti gaggeessaa jiru erga Sadaasa 12 bara 2015 kaasee itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira. Ummanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessatti mootummaa irratti mormii jabaa adeemsisaa jira. Mootummaan TPLF hiriira mormii lammiileen gaggeessan kanaaf deebisaan kenne dhukaasa itti roobsudhaan ajjeechaa gara-jabinaa geessisuu yoo tahu, kanaanis hanga ammaa lammiileen Oromoo 670 ol ajjeefamaniiru. Dhibbootaan kan lakkaawaman ammoo madeeffamanii jiru. Lammiileen Oromoo 50,000 ol tahan ammoo manneen hidhaa beekkamoo fi bakkoota hin beekamnetti hidhamanii toorchariif saaxilaman. Kanneen lakkoofsi isaanii hin beekamne ukkaamfamanii dhabamsiifamanii jiru. Lammiiwwan ajjeefaman keessaa irra jireessi barattoota Yunvarsiitii fi manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa, ka’imman(qarree-qeerroo), dubartoota ulfaa fi manguddoota. Humnoonni mootummaa TPLF yakka ajjeechaa kana ummatarratti kan raawwatan daandiirratti qofa osoo hin taane, halkanis manneen jireenyaa ummataa cabsanii seenuudhaan geessisu. Namoonni hedduun manneen isaaniitii fuudhamanii waajjiraalee poolisii, kaampiilee waraanaa, iddoowwan lammiileen jumlaan itti ugguramani fi bakkoota hin beekamne adda addaatti hidhaman. Haallan walfakkaatoon Benishaangul, Ogaadeen –Somaalii, Gaambeellaa, Amaaraa, Sidaamaa, Koonsoo, KibbaOomoo fi naannolee biyyattii kan hafanittis ifatti mul’ataa jiru. Dhaabbileen mirgoota namoomaa waa’ee hiriira mormii Oromiyaa keessaa deemaa jiru irratti hubannaa akka argatanii fi tarkaanfilee hammeenyaa sirna Itoophiyaatin ummata Oromoorratti fudhatama jiru ilaalchisee bal’inaan gabaasanii jiru. Gamtaan Awrooppaa fi Manni Maree Kongirasii Ameerikaa ajjeechaa, hidhaa fi zaliilii ilmaan Oromoo hiriira gaggeessan irratti bal’inaan adeemsifamaa jiru irratti “Yaaddoo” qaban ibsuudhaan, mootummaan Itoophiyaa ajjeechaa fi hiraara akkasumas tooftaan moggeeffama diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa ummata Oromoorraan gahaa jiru akka dhaabu gaafatanii jiru. Ajjeechaan jumlaa suukaneessaan Hagayya 6 bara 2016 kan gahes, lammiilee Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa gamtaadhaan bahuun mormii mootummaarraa qaban ibsachuu fi mirgoota bu’uuraa kan namoomaa fi siyaasaa gaafachuudhaaf hiriira bahanirratti. Mormiin marsaa kanaa magaalaa guddittii Finfinnee dabalatee magaalaalee Oromiyaa 200 ol tahan keessatti gaggeeffame.
Akkuma kanneen duraa hiriirri kunis tarkaanfii humnoonni mootummaa hammeenyaan fudhataniin simatamee lubbuu namoota hedduu galaafatee, dhibboonnis madaawaniiru; kumaan kan shallagaman ammoo hidhaa fi eessa-buutee dhabamsiifamuu mudatan. Hiriira mormii kanaan lammiileen Oromoo 70 caalan haala akkaan suukaneesaa taheen ajjeefamuu fi reebamuu,kanneen 3,000 ol tahan ammoo manneen hidhaa adda addaatti guuramuu mudatan; kanneen ukkaamfamanii dhabamsiifaman lakkoofsi hin beekkamu. Godinaalee Oromiyaa keessaa bakkoonni miidhaan hamaan itti dhaqqabe Godina Harargee Bahaa – Awadaayi fi Haramaayaa, Dhiha Arsii – Asaasa, Baale – Dodolaa fi Roobe, Dhiha Shawaa – Amboo fi Waliso akkasumas Wallagga Bahaa Naqamtee fi kanneen biroonis ni argamu. Nuti, Dhaabbileen miseensota Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii kan ummatoota Itoophiyaa cunqurfamoo 67% tahan bakka buunu, ajjeechaa gara-jabinaa mootummaan lammiilee Oromoo karaa nagaa hiriira gaggeesse irratti raawwate cimsinee balaaleffanna. Mootummaan TPLF mirga hawaasa harka wayyaba Impaayera Itoophiyaa tahee ifatti sarbaa jira jennee amanna. Kunis murni TPLF baroota 25n dabran heera isaa fi seerota idil addunyaa sarbuudhaan ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo irratti yakka ulfaataa fi dhiittaa mirgootaa jumlaa raawwataa jiraachuu ifatti agarsiisa. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii sagalee ummataa ukkaamsudhaaf tarkaanfii tahe jedhamee fudhatamaa jiruu fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummatootaa moggaatti dhiisuun balaa geessifamaa jiruun yaaddoon akkaan jabaan itti buluu ibsa. Gaaffii mirga bu’uuraaf ummatoonni dhiyeessaa jiran – mirgoota siyaasaa fi diinagdee furuu hanqatuuni fi gaaffii ummatootaa gara hanqina bulchiinsa gaariitti dabsanii dhiyeessuun mootummaa Itoophiyaa, jeequmsi hamaan biyyattii akka mudatuu fi tasgabbii dhabiinsa naannichaatiif gumaacha jennee amanna. Gaafii ummatootaa karaa dabsuun kun rakkinicha furuu mannaa, diddaa fi dura dhaabbannoo ummataa daran babal’isuun jeequmsa siyaasaa fi nageenyaa guutummaa Itoophiyaa qofa odoo hin taane Gaanfa Afrikaa fudhachuudhan shororkeessummaaf karra saaqa. Yaaliin waahillan Itoophiyaa biyyattii durumaanuu kuftee jirtu maqaa bulchiinsa gaariitin suphuuf taasisanii fi odoma sirnichi yakka namoomaa suukaneessaa raawwataa jiru gargaarsa itti fufuu isaaniitti yaaddoon keenya guddaa tahuus ibsina. Ajjeechaa suukaneessaa mootummaan TPLF geessisaa jirutti gurra cufatuun kun kan akkaan nu gaddisiise yoo tahu, kunis mootummaan TPLF/EPRDF ajjeechaa jumlaa dubartoota ulfaa fi manguddoota dabalatee lammiilee Oromoo, Ogaadeeniyaa, Sidaamaa, Gaambeellaa, Benishaangul, Koonsoo fi bakkoota biroottis argaman meeshamaleeyyii irratti geessisaa jiru akka itti fufu eeyyamuu dha. Dhumaatii suukaneessaa TPLF geessisaa jiru kana callisaan ilaaluun kan ilma namaarraa eegamu miti. Waan taheef, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awrooppaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoonni waahillan Itoophiyan tahan biroonis, ejjennoo sirna Itoophiyaa kufaatii hamaarra jiru kan lammiilee isaa irratti cunqursaa, yakka hamaa fi shororkaa geessisaa jiru waliin qaban keessa deebi’anii akka ilaalan gaafanna. Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii mootummaan Itoophiyaa fi waahillan isaa mormitoota moggaatti dhiisuu fi imaammata kophxeessuu itti jiramu kan balaa ulfaataa geesisuuf jiru dhaabsisuuf akka hojjetan dhaama. Dachee Itoophiyaa irratti addatti Gaanfa Afrikaatti akka waliigalaatti nagaa fi sabatiinsi akka jiraatuuf, ol’aantummaan seeraa fi bu’uurootni sirna dimokraasii odoo yeroon hin dabrin ammuma dhaabbattummaan kabajamuu qabu. Kana malees, michootni mootummaa Itoophiyaa gargaarsa faaynaansii, siyaasaa fi tikaa sirna TPLFf kennan kan sirnichi aangoorra turuuf duguuggii sanyii dabalatee yakkoota adda addaa Oromiyaa, Ogaadeeniyaa, Sidaamaa, Benishaangul, Gaambeellaa, Koonsoo, Kafaa-Shakkaa, Sulula Oomoo, Amaaraa fi biyyattii bakkoota hafanittis raawwatuuf itti dhimma bahaa jiru kennuufii irraa akka of qusatan gaafanna. Kanatti dabalees, waahillan Itoophiyaa qaama walabaa ajjeechaa fi toorcharii sirna TPLFn raw’atame qoratuu fi yakkamtoota fuula seeraatti dhiyeessu akka hundeessan gadi jabeessinee gaafanna.
Humnoota waraanaa fi tikaa kan taanan obbolaa fi lammii keessan ajjeesuu lagatuun qabsoo ummata keessaniitti makamuun jijjiiraman dhugaa mirga ummatoota maraa tiksu dhugoomsuuf akka hojjettan waamicha keenya dabarsina. Humnoonni Liyyuu-poolisii Ogaadeen keessaa murna wayyaaneef hojjetaa jirtanis umrii sirna aangoorra jiruu dheeressuuf ummata Oromoo fi Somaalee jidduutti lola shiduurraa akka dhaabbattan waamicha dhiyeessina. Maayii irratti ummatootni Itoophiyaa keessaa hundi qabsoo haqaa ummatoota Itoophiyaa fuuldura furgaasuu fi galiin gahuudhaaf Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii(PAFD) cinaa akka dhaabbattan waamicha keenya haaromsina. Sagalee fi irree keenya tokkoomsuudhaan socho’uun waamicha Tumsi Ummatootaa Bilisumma fi Dimokraasii jijjiirama hawwame dhugoomsuuf dhiyeessaa jiru milkeessuuf akka hojjennu dhaammanna.
Waajjira Pireeziidiyemii Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii(PAFD)
Hagayya 08 bara 2016
ibsa-tumsa-ummatootaa-bilisummaa-fi-dimokraasii-hagayya-8-bara-2016
August 10, 2016
ሰላማዊ ሰልፍ ባካሄዱ የኦሮሞ ዜጎች ላይ የሕወሃት ስርዓት የፈጸመውን የጅምላ ግድያ በተመለከተ ከህዝቦች ትብብር ለነጻነትና ለዲሞክራሲ የተሰጠ መግለጫ
የኦሮሞ ህዝብ በሕወሃት በሚመራው ኣምባገነን ስርዓት ላይ እያካሄደ ያለው ተቃውሞ ከህዳር 12 ቀን 2016ዓም ኣንስቶ በቀጣይነት እየተካሄደ ይገኛል። የኦሮሞ ህዝብ በመላው ኦሮሚያ ውስጥ በመንግስት ላይ ጠንካራ ተቃውሞ እያካሄደ ነው። የሕወሃት መንግስት ዜጎች ላካሄዱት የተቃውሞ ሰልፍ የሰጠው ምላሽ ጥይት በማርከፍከፍ የጭካኔ ግድያ መፈጸም ሲሆን በዚህም እስከ ኣሁን ከ670 በላይ የኦሮሞ ዜግች ተገድለዋል። በመቶዎች የሚቆጠሩት ደግሞ ቆስለዋል። ከ50,000 በላይ የሚሆኑ ዜጎች በሚታወቁ እስር ቤቶችና ባልታወቁ ቦታዎች ታስረው ለቶርቸር ተጋልጠዋል። ቁጥራቸው በውል ያልታወቀ ዜጎች ደግሞ ታፍነው ተሰውረዋል። ከተገደሉት ዜጎች መካከል ኣብዛኛዎቹ የዩኒቨርሲቲና የሁለተኛ ድረጃ ትምህርት ቤት ተማሪዎች፣ ወጣቶች፣ ነፍሰጡር ሴቶችና ኣዛውንት ናቸው። የሕወሃት መንግስት ሃይሎች ይህንን የግድያ ወንጀል በህዝቡ ላይ የፈጸሙት በጎዳና ላይ ብቻ ሳይሆን በምሽት የህዝቡን መኖሪያ ቤቶች ሰብረው በመግባት ጭምር ነው። ኣያሌ ዜጎች ከመኖሪያ ቤታቸው ተወስደው በፖሊስ ጣቢያዎች፣ በወታደራዊ ካምፖች፣ ዜጎች በጅምላ በሚታጎሩባቸው ቦታዎችና ወደ ተለያዩ ያልታወቁ ስፍራዎች ተወስደው ታስረዋል። ተመሳሳይ ሁኔታዎች በቤኒሻንጉል፣ በኦጋዴን-ሶማሊ፣ በጋምቤላ፣ በኣማራ፣ በሲዳማ፣ በኮንሶ፣ በደቡብ-ኦሞና በተቀሩትም የሃገሪቷ ኣካባቢዎች በግልጽ እየታዩ ናቸው። የሰብዓዊ መብቶች ተቋማት በኦሮሚያ ውስጥ እየተካሄደ ባለው የተቃውሞ ሰልፍ ላይ ግንዛቤ እንዲጨበጥ ለማስቻልና የኢትዮጵያ መንግስት በህዝቡ ላይ እየፈጸመ ያለውን እርምጃ በተመለከተ በስፋት ዘግበዋል። የኣውሮፓ ህብረትና የኣመሪካ የኮንግረስ ምክር ቤት የተቃውሞ ሰልፍ ባካሄዱ የኦሮሞ ዜጎች ላይ በስፋት እየተፈጸመ ባለው ግድያ፣ እስራትና ሰቆቃ ያላቸውን “ስጋት” በመግለጽ የኢትዮጵያ መንግስት በኦሮሞ ህዝብ ላይ እያደረሰ ያለውን ግድያና እንግልት እንዲሁም በኢኮኖሚ፣ በፖለቲካና በማህበራዊ ዘርፎች እያደረሰ ያለውን ስልታዊ መድልዖና ማግለል እንዲያቆም ጠይቀዋል።
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: Africa, Against Tyranny, Benishangul, Current Horn of Africa news, Endigenous people News, Gambella, National Self Determination, Ogaden, Oromia, PAFD, Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) Categorically Condemns the Past and Ongoing Massacre of Unarmed Civilians by TPLF/EPRDF’s Ethiopian Government, Sidama, The Founding of Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)




Press Release on the occasion of 14th Commemorative anniversary of Sidama Loqqee Massacre and the Massacre of the other civilians.
May 30, 2016, London
The repeated massacres and genocides of past 25 years that the TPLF’s barbaric regime has committed on unarmed civilians of all regions-and the ongoing indiscriminate massacres it is committing now are likely to continue unabated for a long time if the peoples in Ethiopia remain fragmented, divided and refuse to take the responsibility of confronting and stopping this criminal regime. Failure to do so has already unquestionably contributed to the longevity of the regime.
We, the PAFD member organizations envisage a dynamic and flexible approach with potential of accommodating the interests of all stakeholders without any differences and without actually dictating our own agendas for all the peoples in Ethiopia. This will allow all to move forward in unison in their strides towards justice, democracy and genuine self-determination, which is practically denied by the current regime. Moreover, we strongly believe that this is the only way forward to stop the ongoing genocide, to restore the rule of law, human dignity and pride and democratic order in Ethiopia.
To be able to do so, all the peoples in Ethiopia and their respective organizations must put their differences aside and unite strategically in order to end the suffering of all perpetrated by the TPLF led EPRDF’s brutal regime.
Today’s Sidama Loqqee massacre 14th commemorative anniversary isn’t unique to Sidama nation and isn’t a past history. It has been committed on tens of thousands of civilians in Ethiopia from Amhara, Afar, Benshagul, Hadya, Kambata, Ogaden Somali, Omo, Oromia, Sidama, Shakicho and the rest of regions of Ethiopia. And it is ongoing in Oromia, Ogadenia, Gambella, Konso, Omo Valley and the rest of regional, Zone and district levels.
Unconditionally condemning the past and ongoing genocides and massacres, the PAFD calls upon all organizations and peoples in Ethiopia to be united, move forward and stop the regime brutalizing them all.
PAFD also urges the international and regional communities to stand on the side of the people in order to stop the ongoing blatant human rights violations and hold the perpetrators into account both locally and in the international arena
PAFD salutes the indefatigable and resilient spirits of the Sidama Loqqee martyrs and all the other civilians who have been the victims of past and ongoing massacre by current callous regime in Ethiopia.
Finally, PAFD promises that all those wronged souls may rest in peace and that their valuable lives will be not be lost in vain. It will continue fighting for justice and democracy and righting the wrongs committed against them and the other living multitudes. PAFD will never forget your courageous and honorable sacrifices for generations to come.
PAFD Executives, May 30, 2016, London
You must be logged in to post a comment.