Motummaan Wayyaannee Sagalee Uummataa Saamee Aangoorra Turuudhaaf Tattaaffii Gochaa Jiruun Walqabatee Mormii fi Hokkara Uumamu Hundaaf Itti Gaafatamaadha
Filannoo biyyoolessaa bara 2007 ilaalchisee dhaabbileen mirga namoomaa hedduun erga duula nafiladhaatii kaasee haalli jiru haqa qabeessaa fi bilisa akka hin taane mirkaneessaniiru. Wayyaaneen duula nufiladhaarratti tumaatii, dhaanicha, ajjeechaa fi hidhaa raawwachuun ni beekama. Dhaabbileen mormitootaa wal-falmii filannoorratti injifannoo guddaa galmeessisuudhaan deeggarsa ummata bal’aa argachuunis ni beekama. Rifaatuu kanarraa kan ka’een, mootummaan gabroomsaa kun filannoodhaaf guyyaan lama yoo hafu muummichi ministeeraa yeroo isaa malee paarlaamaa biyyattii walga’ii waamuuudhaan mormitootarratti doorsisaa fi dhaadannoo dhageessisanii turan. Kunis mootummaan bu’aa filannoo humnaan saamuuf qophii jabaa godhaa turuu isaa ni mirkaneessa.
Dabballoonni ADWUI (EPRDF) ajaja hooggantoota isaaniirraa kennameef raawwachiisuuf sa’aatii filannoon itti jalqabamu dursanii halkan achi buluun korojoo guutan, humnoota poolisa federaalaa, humna waraanaa dafee dhaqqabaa fi milishaa bobbaasuun bakka bu’oota boordii filannoo fi taajjabdoota filannoo MEDREK/OFC irraa waraqaa eenyummaa saamuun guutumaan guututti (90%) buufata filannoo irraa ari’aniiru. Dabaltaanis, barattoota manneen baronootaa ol’aanaa kaardii filannoos dhoowwatanii mirga filannoo isaaniis irraa mulqaniiru. (Godina Arsii aanaa Kofalee fi godina Shawaa Dhihaa aanaa Midaa Qanyiitti kaadhimamtootaa fi deeggartoota OFC ajjeesaniiru.) Jimma, Naqamtee fi Baddalleettis hoogganaa ol’aanaa OFC kan ta’an obbo Baqqalaa Garbaa fa reebaniiru.
Kanaafuu, mootummaan nama nyaataa wayyaanee sagalee ummataa saamuun tarkaanfii ajjeechaa, hidhaa fi reebichaa hamaa hedduu raawwate. Nuti Gareen Deeggartoota Koongiresii Federaalistii Oromoo Idil Addunyaa gocha waayyaanee kana balaaleffachaa ibsa armaan gadii kana baafneerra.
1. OFC/MEDREK filannoo guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffame moo’eera.
2. Gochaan raawwatame ulaagaa filannoo addunyaa fi seera biyyattii kan hin guunne waan ta’eef cimsinee ni balaaleffanna
3. Saamiinsa sagalee uummataa irraa kan ka’een mormii ka’u hundaaf itti gaafatamaan wayyaaneedha.
4. Mirgoonni heeraan ummataaf kennames humna waraanaatiin irraa mulqamee, bakka buutotnii fi taajjabdootni boordii filannoos ta’ee taajjabdootni mormitootaa buufata filannoorraa ari’amanii filannoon geggeeffame haqa qabeessa akka hin taane ni ibsina.
5. Ummanni keenya Koongiresii Federaalistii Oromoo filachuu fi falmii barbaachisu hundaa godhuu keessaniif isin galateeffachaa kana boodas tarkaanfiin itti aanu maal akka ta’uu qabu KFO irraa hanga kennamutti mirga keessan kabachiisuuf qophiidhaan akka eegdan waamicha isiniif dabarsina.
6. murnootni mootummaa farra ummataa kana aangoorraa kuffisuuf karaa adda addaatiin socha’aa jirtan marti kan beekuu qabdan mootummaan wayyaanee aangoorra kan ture jabina qabaatee osoo hin taane faffaca’iisa humnoota qabsoo Oromoo irraa kan ka’e ta’uu ni hubanna jennee amanna. Kanaafuu, mirgoota ummata keenyaa kabachiisuuf yeroo garaagarummaa xixiqqaa dhiisnee gamtaa fi tokkummaadhaan kaanu amma.
Qabsoon itti fufa!
Garee Deeggartoota Koongiresii Federaalistii Oromoo Idil-Addunyaa
Motummaan Wayyaannee Sagalee Uummataa Saamee Aangoorra Turuudhaaf Tattaaffii Gochaa Jiruun Walqabatee Mormii fi Hokkara Uumamu Hundaaf Itti Gaafatamaadha May 27, 2015
Posted by OromianEconomist in Sham elections.Tags: 2015 Sham Elections: Marred by rampant electoral fraud, Africa, African Studies, Amensty International Report: Because I am Oromo, Ethiopia's sham elections, Ob. Gebru G/M Utura Electrifies Voters on the OFC/Medrek Campaign Trail, ofc, Oromo Federalist Congress (OFC) Criss-crossing Oromia with Huge Turnouts at Campaign Rallies, UNPO
trackback
Motummaan Wayyaannee Sagalee Uummataa Saamee Aangoorra Turuudhaaf Tattaaffii Gochaa Jiruun Walqabatee Mormii fi Hokkara Uumamu Hundaaf Itti Gaafatamaadha
Ibsa Garee Deeggartoota Koongiresii Federaalistii Oromoo Idil-Addunyaa
Related:
Mootummaan Korojoo Filannoo Saametti Akka Taajjabdoonni Mallatteessan Humnaan Dirqsiisa, Jedhu Mormitoonni
26.05.2015
WASHINTON,DC—Aanaalee Filannoo Oromiyaa hedduu keessatti humnoonni hidhattootaa Mootummaa akka taajjabdoonni korojoo humnaan harkaa fudhatamee fi irraa hariyatamnitti mallatteessanii fi seera-qabeessa fakkeessan doorsia, hidhaa, miidhaa haga rasaasaan rukkutuu ga’u irratti geggeessaa jiru, ka jedhan – barreessaa Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa ti.
Qellem Wallaggaa keessatti sababaa kanaan namoonni sadii sababaa kanaan walitti-bu’insa uumameen namoonni sadii rasaasaan haleelamuu isaanii, Arsii Lixaa fi bakkawwan hedduu ka biroo keessatti immoo taajjabdoonni hidhamuu dubbatu.
Aanaa Gadab Asaasaatti namni Mederekiif dorgomanii fi Shawaa Lixaa keessatti taajjabduun filannoo amma hidhaa baqadheen dhokadhee jira, jedhanis himannaadhuma wal-fakkaataa qaban.
Comments»
No comments yet — be the first.