Camadaa Hundee irraa*
Weerara Minilikiin dura abbaa biyyaa kan turan ilmaan Oromiyaa naannoo finfinnee gosa Abbichuu, Eekkaa, Gullee fi Galaan kan jedhamuun beekamu ture. Bulchitootiin naannoo kana kan turaanii fi kan minili galaafate keessaa yaadannoodhumaaf jecha kan akka (Tufaa Munaa, Duulaa, Jimaa Jaatanii, Guto Waasarbi, Jimaa Tiksee, Abeebee Tufaa, Waaree Sullee, Tufaa Araddoo, Mojoo Boxoroo fi kan biroo ni jiru). Silaa otoo dhugaan jiraatee maqaa angafoota kanaan daandii fi bakkootiin seena qabeessa Finfinnee mogga’uu qaba ture. Kun afeetu qubbattuu alaalaa dhufeen moggafame. Adda durummaan Miniliki akka sabaattis ta’ee aadaan gosa kanaa naannoo finfinneetii akka maca’u taasise. Bakka waaqeffannaa Oromoo fi yaa’ii ummataa, hunda balleessuudhaan bakkota kanatti, aadaa fi safuu Oromoo wajjin kan hin deemne, moggaasa lafaa fi bakka taa’umsa bataskaana Abashaa taasisan.
Miniliki gochaa gosa Oromoo fi aadaa naannoo sanaa balleessuuf duula walirraa hin cinne taasise. Ilmaan Oromiyaa Miniliki dura dhaabbatan bifa suukanneesaa…
Comments»
No comments yet — be the first.