Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: Waraana Bilisuummaa Oromoo (WBO)


Gootichi WBO Godina Bahaa, Bahaa fi Lixa Harargee Keessatti Loloota Godheen Loltoota Diinaa 22 Ol Hojiin Ala Taasise
Onkoloolessa 19 Bara 2015
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn kan Godina Bahaa keessa sossohu humna gabroomfattuu wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufuun tibbanas Godinoota Bahaa fi Lixa Harargee keessatti waraana wayyaanee sochii WBO danquu fi ummata irratti dalagaa gooltummaa raawwatuuf bobbaa irra turan haleelee 22 ol hojiin ala gochuun meeshaalee waraanaa irraa hiikkachuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa oduu tarkaanfii waraanaa SBOtti ergeen ifa godhee jira.
Haaluma kanaan Onkoloolessa 13,2015 Waraanni Bilisummaa Oromoo Baha Harargee Ona Fadis naannoo Miidhagaa Lolaa bakka Mudhii Baallii jedhamutti humna waraana wayyaanee kan sakattaa fi maqaa WBO nyaachistu jedhuun ummata gooluuf bobbaa irra ture haleeluun 4 irraa ajjeesee, 7 ol madeessuu fi qawwee AK-47 4 fi mi’oota waraanaa biroo irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
Gootichi WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Onkoloolessa 16, 2015ttis Lixa Harargee Ona Bookee naannoo lakkoobsa 25 jedhamu keessaa bakka Haroo Diimtuu jedhamutti qubsuma diinaa haleeluun 5 irraa ajjeesee, 6 madeessuun addaan akka bittinneesse, akkasumas qawwee AK-47 6 fi meeshaalee biroo irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa dabalee beeksiseera.
Onkoloolessa 08 fi 09,2015 Gartuun Mahaandisaa Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa, Baalee keessaa Gindhiir bakkoota Qarsaa Allaattii fi Laga Dharroo bakka Malkaa Aadee jedhamanitti fanjii konkolaataa fi fanjii farra namaan Ajajoota Waraana Wayyaanee lama dabalatee loltoota diinaa 18 olii fi konkolaataa tokko hojiin ala gochuu isaa gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.
………………………………………………………………………..
Ajajootni Waraana Wayyaanee Lama Waardiyoota Isaanii Waliin Gartuu Mahaandisaa Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaan Haleelamanii Ajjeefaman. Loltootni 14s Tarkaanfii Fudhatameen Hojiin Ala Ta’an.
Onkoloolessa 16 Bara 2015
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godinoota adda addaa tarkaanfilee gara garaa humna gabroomfattuu diinaa irratti fudhatu yeroo irraa gara yerootti jabeessaa fi babal’isaa kan jiru si’a ta’u, haaluma kanaanis Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Baalee keessatti ajajoota waraana wayyaanee ummata dararaa turan waardiyoota isaanii waliin tarkaanfii boonsaa irratti fudhateen du’aan adabuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa Oduu Tarkaanfii SBOf ergeen beeksiseera.
Onkoloolessa 08, 2015 Gartuun Humna Addaa Mahandisoota WBO Kibba Bahaa Godina Baalee ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti ajajoota waraana wayyaanee Abbaa Buttaa (A/100) fi Abbaa Muraasaa (A/50) waardiyoota isaanii 4 waliin kutaa waraana wayyaanee 12ffaaGindhiiritti argamu irraa ka’anii gara magaalaa Saallaat konkolaataan deemaa turan bakka Qarsaa Allaattii jedhamutti fanjii farra konkolaataa kiyyeessuufiin daaressee, ajajoota waraanaa lamaanii fi waardiyoota isaanii 4n, ajjeesuu, konkolaataan ittiin deemaa turanis guutuutti barbadaawuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Gartuun Humna Addaa Mahandisoota WBO Godina Kibba Bahaa dirqama itti kenname injifannoo boonsaan galmaan gahuu kan hubachiise Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa, tarkaanfii kanaan diinni guddoo rifatuun akkuma bare ummata nagaa fi meesha maleeyyiitti roorrisaa jiraachuu hubachiisa.
Haaluma kanaan waraanni faashistii wayyaanee tarkaanfii fudhatametti rifate abdii kutannaan naannoo Qarsaa Allaattiitti bobba’uudhaan lammiilee Oromoo nagaa irratti tarkaanfii diinummaa adda addaa fudhachaa jira. Haaluma kanaan jiraattota naannoo kanaa dhiiraa dhalaa osoo hin jedhin marsee dhaanuu irra darbee, jaarolee Oromoo lama Obbo Abdullaahii Sheekaa fi Obbo Awwal Sheek Qaasim jedhaman qabanii WBO fidaa jedhanii yeroo rakkisan, maanguddootni Oromoos nu hin agarre, kan qawwee qabu isinii deemaa barbaadaa waan ittiin jedhaniif, saanjaan wawwaraananii gocha diinummaa akka irratti raawwatan beekameera.
Humni waraana wayyaanee naannoo Qarsaa Allaattiitti bobba’ee ummata goolu kun WBO tarkaanfii kana fudhate sakatta’uu fi hordofuuf dirqama addaa fudhatee bobbaa akkuma eegaleen gartuun Mahandisaa Humna Addaa WBO odeeffannoo argateen Onkoloolessa 09,2015 Laga Dharroo bakka Malkaa Aadee jedhamu iddoo karaan sadii itti walqaxxaamuru irratti fanjii farra namaa hidhuufiin loltoota 14 ol hojiin ala godhee jira. Loltoota wayyaanee fanjii mahaandisoota Humna Addaa WBOn kiyyeeffameef irra bahanii haleelaman kana keessaa 8 battalatti yeroo du’an 6 ammoo miilli irraa ciccituu fi haala hamaan madaa’anii gara mooraa waraana wayyaanee Gindhiir jiruutti akka geeffaman Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godhee jira.
Tarkaanfiin waraana gabroomfattuu fi lukkeelee wayyaanee/TPLF gufuu QBO ta’an irratti fudhatamu kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee hubachiisee jira.
You must be logged in to post a comment.