jump to navigation

Hayyuun Aadaa fi Argaa-Dhageettii Oromoo Obbo Dabbasaa Guyyoo dhabaman October 11, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
add a comment

???????????Hayyuu Aadaa fi Argaa-Dhageettii Oromoo Obbo Dabbasaa Guyyoo. photo1

Hayyuu Aadaa fi Argaa-Dhageettii Oromoo Obbo Dabbasaa Guyyoo

Dhaamsa hatattamaa ilmaan Oromoo hundaaf Nairobii irraa

Obboo Dabbasaa Guyyoo ykn obboo Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo ji’a dabre guyyaa 27.9.15 ayyaana irreechaa Nairobi ti kabajame oole irraatti argamuun eebbisanii sirna ayyanicha akka rawatameen gara manaa galee booda akkuma gadi baheen osoo manatti hin deebi’in haga har’aa achi buutee isaa nama himu hin garre bakkootaa jiran hunda laallamee polisaa fi chief tis gabaafamee waatakko hin garre.

Kaanaaf diinaan ukkanfamuu malaa waan tahamuu qabu irratti dirmadhaa.

(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Onkoloolessa 10, 2015)

OMN: Oduu Onk. 9, 2015 – Argaa fi dhageettii seenaa Oromoo yeroo dheeraaf barsiisaa kan turan, Obbo Dabbasaa Guyyoo, dhiheenna kana, Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessaa, dhabamuun himame.

Obbo Dabbasaa Guyyoo ayyaana Irreechaa gaafa Fulbaana 27 bara 2015 magaalaa Naayiroobii keessatti kabajamee ture irratti argamuun, gorsa adda addaa baqqattoota Oromoof kennaa kan turan yoo ta’u, erga sirni ayyaanichaa xumuramee booda haga ammaatti gara mana isaanitti kan hin deebine ta’uun himamee jira.

Fira Obbo Dabbasaa Guyyoo kan ta’an, Obbo Shaamil Alii akka nuuf himanitti, ayyaana Irreechaa kabajamee ture irraa qooda fudhataa kan turan ta’uu nutti himuun, ayyana sana booda haga ammaatti bakki isaan jiran kan hin beekne ta’uu dubbatan.

Dhabamiinsa Obbo Dabbasaa ilaalchisee, waldaa Hawaasa baqqattoota Oromoo Keeniyaa fi, waajjiraalee buufata poolisii biyyattii heddutti iyyachuu isaanillee Obbo Shaamili ibsanii jiru.

 READ THE FULL STORY (OromiaMedia.org)

https://www.oromiamedia.org/2015/10/hayyuun-aadaa-fi-argaa-dhageettii-oromoo-obbo-dabbasaa-dhabaman/

—–

RELATED: Abbaa Liban Dabbasaa Guyyoo on the Oromo Gadaa Civilization:

https://www.youtube.com/watch?v=2gaLlm7r7bw

Oromia: OBS: Qophii Faana Gaazexxeessaa Horroo Guduruu: Seena Odaa Bulluq October 11, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , ,
add a comment

???????????gadaa Asmarom_

 

http://Qophii Faana Gaazexxeessaa Horroo Guduruu.