Urgent Appeal: Disappearance of Mr. Dabassa Guyo Saffaro in Kenya – An Oromo Cultural and Religious Scholar October 13, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.add a comment
To Whom It May Concern
Date: October 13, 2015
Urgent Appeal
Disappearance of Mr. Dabassa Guyo Saffaro in Kenya – An Oromo Cultural and Religious Scholar
It is with great sadness that we learned the disappearance of Dabassa Guyo Saffaro – a prominent Oromo cultural and religious leader residing in Nairobi, Kenya. Mr. Dabassa, a highly respected Oromo historian, thinker and cultural guru, was kidnapped on 27 September 2015 after the celebration of the annual Oromo Thanksgiving day – Irreecha. He is an accomplished traditional expert who has dedicated himself for the revival of indigenous knowledge system in the Horn of Africa. In particular, his profound knowledge of the Gadaa system – an indigenous democratic system of governance – has placed him among the few irreplaceable Oromo experts in the Horn of Africa. His extensive knowledge and exposition of the Gadaa system – currently practiced among the Oromos, has contributed not only to the revival of the system but also to its wider diffusion among international scholars such that it is currently being reviewed for recognition by UNESCO as one of the world heritages. Thanks to his dedication and exposition that the Gadaa system has obtained the attention it deserves as a purely indigenous African wisdom of governance. The system has greatly contributed to the socio-political peace and harmony among communities in the Horn of Africa, but sadly so it appears that it has not offered Dabassa Guyo the peace he has preached all his life.
On the same footing, for his mastery of the wisdom of Waaqeffanna – a monotheist system of belief among the Oromos – and its practices, Dabassa Guyo was considered the Delai Lama of the Horn of Africa. He has an amazing memory of the indigenous knowledge of the Boran in particular, and is indeed considered a walking encyclopedia of history, culture and belief and Oromo system of knowledge and philosophy in general.
He has traveled to different corners of the world to lecture about the importance of maintaining traditional wisdom for the good of future generations and has created a network of similar traditions, and is well regarded by all.
Although finger-pointing at this stage could be misleading, it is not difficult to point out that he had rough time with the government of Ethiopia – which was responsible for his eviction from the country some 35 year ago. Although he has never been a member of any political organization, his giant stature among Oromo scholars has always been seen with a great suspicion by the Government of Ethiopia, which shivers at any aspect of Oromo nationalism. In truth, Dabassa Guyo is just a free thinker and father of Argaa Dhageeti – a traditional oral knowledge system that embodies culture, tradition, history and belief among the Oromo in the Horn of Africa.
Mr. Dabassa Guyo was kidnapped by, no doubt, evil forces while he was doing what he likes doing in life – preaching peace. On 27 September, he took part in the celebration of the Irreecha annual Oromo Thanksgiving day – where he delivered his annual Thanksgiving blessings to his fellow Oromo country men and women. On this day, he was kidnapped while on his way from the ceremony. Efforts to locate him have so far not proved successful. We are, therefore, appealing to the international community, the Kenyan government, the Kenya Police force, and the Oromo community in Nairobi to help us locate Mr Dabassa Guyo.
We appeal to you for he is also a father, a grandfather and a head of a family apart from his traditional wisdom. He is a peace lover and preacher of harmony among communities all his life. He does not deserve in any way any ill-treatment. We appeal to you to help us find his whereabouts.
Regards,
Gumii Waqeffannaa Oromoo
WAAQEFFANNAA OROMOO | WAQEFFANNA OROMO RELIGION
Address: Lokketodalen 33, 5136 Mjølkeråen | Organisation No. 993 543 225
Tlf: +47 99151829 – Bergen, Norway | waqeffanna@gmail.com | Waaqeffannaa.org
Urgent Appeal – Disappearance of Mr. Dabasa Guyo Saffaro
http://rivoice.net/petitions/urgent-appeal-disappearance-of-mr-dabasa-guyo-saffaro.html
Oromia: Caasaa Diinaa Qabeenya Oromoo Saamuu fi Saamsisuuf Diriirfame! October 13, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Caasaa Diinaa Qabeenya Oromoo Saamuu fi Saamsisuuf Diriirfame!, land and water grabs in Oromia
add a comment
Caasaa Diinaa Qabeenya Oromoo Saamuu fi Saamsisuuf Diriirfame!
(SBO) — Maadheen garee saamtotaa diinni icitiidhaan Sululta keessatti ijaaree qotee bultoota Oromoo lafa irraa buqqisee dachee isaanii gurgurachuuf akeekkate haala-mijeessitoota namoota akka habashicha waggoota 7 oliif kantiibaa magaalaa Sulultaa ture Siyyum Hayluu jedhamuu fi abbaa Riizoortii Hundee kan tahe Abarraa Hundee kan jedhamuun akka gaggeeffamu bira gahame.
Dacheen Oromiyaa, qabeenyi Oromoon uumamaan badhaafamee fi qotee-bocee horate bara sirni gabrummaa Oromoo irratti diriirfame irraa kaasee saamamaa fi mancaafamaa jiraachuun dhugaa seenaan ragaa bahuu dha. Oromoo bittaa kolonii jalatti ittisuudhaaf jecha tahe jedhanii qabeenya isaa mancaasuu fi saamuun harka qullaatti hambisuu fi hegeree jireenya ilmaan isaatis dukkaneessuun akeeka bittoota Habashaa humnaan Oromoo gabroomfatanii ti.
Dalagaan cubbamaa fi abaaramaan kun ammoo bara bittaa murna bicuu ilmaan Tigraay bifa caalaattuu hammaatee fi ija baaseen gaggeeffamaa jira. Keessumaa ammoo saamichi qabeenya uumamaa kan akka albuudaa fi bosona Oromiyaa keessa jiru irratti gaggeeffamaa jiru, addatti ammoo ergamtoota garaaf bulan of dura buusuun qabiyyee lafa Oromoo irratti saamichi mootummaa wayyaaneetiin gaggeeffamaa jiru yakka ol’aanaa seenaanis seeraanis gaafachiisuu dha.
Har’aan tana godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti addatti ammoo handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee fi magaalota naannawa sanatti argaman keessatti qonnaan bultoota Oromoo humnaan lafa bu’uura jireenya isaanii tahe irraa buqqisuun qondaalota OPDOf, wayyaanotaaf, ajajoota waraana wayyaaneef akkasumas warreen maqaa invastarummaatiin sirnichaaf hojjetaniif kennamaa fi gurguramaa jira. Gartuun faashistii wayyaaneen ergamtoota isaa Oromiyaa irra kaawwate keessaa warreen gaaffii mirgaa ummanni Oromoo kaasu ukkaamsuu fi ilmaan Oromoo haqa sabaa fi biyya isaaniif dhaabbatan ajjeesuu fi ajjeesisuu, dararuu fi dararsiisuu keessatti shoora ol’aanaa taphatan caasaa saamicha lafa Oromootiif diriirse keessa galchuudhaan akka isaan ummata irratti yakka dachaa raawwatan taasisaa jira.
Ragaaleen jidduu kana arganne akka ifa taasisanitti ammoo, qondaalonni OPDO amanamoo sirna TPLF tahuu isaaniitiin maadhee saamichaa keessatti ijaaraman kunneen wal shakkii fi shororkaa jidduu isaaniitti uumameen wal unkuraa jiru. Warreen gartuu koloneeffattuutiin dantaa yerootiin sammuun isaanii hadoodee caasaa farrummaa diinni diriirse jalatti ijaaraman kunneen jeequmsa akkaan hamaa keessa seenuudhaan ergamtoota magaalota adda addaa irra maqaa Kantiibummaatiin kaahan aangoo irraa kaasuudhaan amanamummaa TPLFf qaban mul’isuuf tattaafataa jiru.
Haaluma kanaan wal jeequmsaa fi shakkii lukkeelee diinaa jiddutti uumame irraa kan kahe Kantiibotni magaalota Sabbataa, Sulultaa, Hoolotaa, Laga-xaafoo Laga-daadhii, Bishooftuu, Adaamaa, Amboo fi kanneen biroo gaafatama isaanii irraa kaafamanii jiru. Aangoo diinaan itti kenname irraa kaafamuun kantiibota kanneenii dhimmuma saamicha qabeenya Oromoo kanaan kan walqabate tahuu kan eeran maddeen keenya, gariin isaanii ammoo qondaalota amanamoo TPLF tahan waliin dantaan waan walitti hidhata qabaniif erga kaafamanii booda bakkatti deebifamuu ibsaniiru. Kanaafis ergamtichi kantiibaa magaalaa Buraayyuu kan tahe Dhaabaa Jinfeessaa jedhamu erga Kantiibummaa irraa kaasanii booda amanamaan Wayyaanee Dhaabaa Dabalee jedhamu tarkaanficha waan dideef bakkuma isaatti deebifamuu akka ragaatti tuqan.
Ergamtoonni wayyaanee maadhee saamtotaa jalatti ijaaramanii dantaa murna TPLF/EPRDF tiksuudhaaf qabeenya Oromootti fuulleffatan kunneen Networkiidhaan wal ijaaranii lafa Godina Addaa Naannawa Finfinnee weeraraa akka jiran ragaaleen SBO dhaqqaban saaxilaniiru. Weerarri kunis bifa qindaahee fi ijaarameen gaggeeffamaa akka jiru kan eeran maddeen, maadheen kunis ajajoota waraanaa TPPLF fi OPDOta keessaa qondaalota amanamoo sirnichaa tahan, maqaa abbootii qabeenyaatiin warreen wayyaanee waliin harka wal keessa naqachuudhaan saamicha adeemsisaa jiranii fi hogganoota Komishina Farra-malaammaltummaa Federaalaa fi Oromiyaa baanamuu akka of keessaa qabu saaxilanii jiru.
Haaluma kanaan ragaaleen odeeffannoo fi hordoffii yeroo dheeraa booda argaman akka ifa taasisanitti maadheen garee saamtotaa diinni icitiidhaan Sululta keessatti ijaaree qotee bultoota Oromoo lafa irraa buqqisee dachee isaanii gurgurachuuf akeekkate kun haala-mijeessitoota namoota akka habashicha waggoota 7 oliif kantiibaa magaalaa Sulultaa ture Siyyum Hayluu jedhamuu fi abbaa Riizoortii Hundee kan tahe Abarraa Hundee kan jedhamuun akka gaggeeffamu ibsameera. Gareen diinaan ijaarame kun ajaja TPLF olirraa laatuun karoora saamichaa hojii irra akka oolchu kan ibsame si’a tahu, yeroo hundaa wal gahii isaatis kan gaggeessu magaalaa Sulultaa naannoo Wasarbii jedhamutti kan argamu ‘Hundee Resort’ keessatti tahuunis saaxilameera.
Miseensota garee saamichaaf wayyaaneen ijaare kana keessaa muraasni Ajajoota olaanoo waraana wayyaanee Jeneraal Abrahaa Hagos, Jeneraal Salamoon, Jeneraal Zarhuu, Kantiibaa magaalaa Sulultaa kan ture Siyyum Hayluu, abbaa qabeenyaa Hundee Riizoort Abarraa Hundee akkasumas ergamticha hogganaa Komishina Farra-malaammaltummaa Oromiyaa ti jedhamuu Taakkalaa kan jedhamu, gaafatamaa kutaa qorannoo komishinichaa Xilaahun jedhamus miseensotuma maadhee wayyaaneen saamichaaf diriirse kanaa ti.
Haaluma walfakkaatuun caasaan saamichaa kun magaalota biroo keessattis kan diriirfame yoo tahu, caasaan saamtotaa Buraayyuu jiru ammoo amanamaa sirna TPLF kan tahe Dhaabaa Dabaleetiin kallattiin hogganamuudhaan haala-mijeessitummaa kantiibaa magaalaa Buraayyuu Dhaabaa Jinfeessaatiin raawwatamaa jiraachuu dha ragaaleen arganne kan saaxilan.
Ergamtoonni wayyaanee lameen sirnichi dantaadhaan walitti hidhee sammuu isaanii hadoochee akka fedha isaa ergataa jiru, Dhaabaa Jinfeessaa fi Dhaabaa Dabalee wayta barattoonnii fi ummanni Oromoo bal’aan FDG gaggeessuudhaan gaaffii mirgaa gaafataa turan dura dhaabbachuudhaan amanamummaa wayyaanee/TPLFf qaban mul’isuudhaaf jecha warreen yakka guddaa raawwatanii dha. Keessattuu naannolee akka Jalduu, Gindabaratii fi Ambootti dhiiga ilmaan Oromoo danuu dhangalaasisuu fi miidhaa suukaneessaa geessisuu isaaniitiin TPLF biraa amanamummaa argatuudhaani kan caasaa saamichaa fi gurgurtaa lafa Oromoo keessatti hammatamanii yakka raawwataa kan jiran.
Ergamtoonni caasaa diinaa jalatti ijaaraman kunneen mata-mataattis garee hannaa ijaarrachuudhaan sossohanii Oromoo qe’ee fi qabeenya irraa buqqisanii deegsaa fi gidiraaf afeeraa ofii isaaniitii qabeenyaa irratti qabeenya kuufataa fi fandalalaa jiru.
Ergamtichi Dhaabaa Jinfeessaa jedhamu murna saamicha isaaf isa gargaaru naannoo isaatti ijaarratee sossohuudhaan Buraayyuu naannawa ‘Ashawaa Meedaa’ jedhamee waamamutti gamoo abbaa darbii 4 (G+4) akkasumas Finfinnee naannawa Booleetti ammoo gamoo abbaa darbii 6 (G+6) maqaa haadha warraa isaatiin ijaarratee caasaa saamichaa babal’ifataa akka jiru ragaan arganne ni saaxila.
Walumaagalatti egaa mootummaan wayyaanee caasaa saamichaa karaa ergamtoota dantaan xaxeetiin ijarrateen saamichi qabeenya Oromoo irratti raawwataa jiru kan magaalota lameenitti qofa murtaahe odoo hin taane, akkuma kanaan guutuu Oromiyaa keessatti diriirfamaa kan jiruu dha. Shirri Finfinnee fi naannawa Finfinnee irratti, akkasumas magaalota gugurdoo Oromiyaa bakkoota gara garaa jiran irratti, akkasumas qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqisuu irratti xaxamaa turee fi jiru warra akkasii of dura buusuu fi caasessuun akka tahe hubatamuu qaba.
Dhalli Oromoo kana sirriitti qalbifatee hubatuudhaan diina garaaf bultoota qabatee qayee Oromoo onsuu fi hegeree Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisudhaan lafa jalaa fi ifattis hojjechaa jiru akkuma kaleessaa har’as murannoodhaan keessaa fi alaan irree tokkoon dura dhaabbachuun didachuun akkaan barbaachisaa dha. Shira diinaa fi ergamtoota diinaa kana hubatanii hongeessuuf hojjechuun hunduma nama Oromoof yaaduu ilaallata.
Duula qabeenya Oromoo fi eenyummaa Oromummaa irratti xiyyeeffatee fuula hedduun gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuudhaan fashalsuun akkasumas akeeka ilmaan Oromoo kaleessaa hanga har’aatti wareegama baasaafii jiran galiin gahuuf sossohuun dirqama lammummaa dhala Oromoo hundaa ti.
You must be logged in to post a comment.