jump to navigation

Oromia (ABO): Mirga Eenummaa fi Abbaa Biyyummaa Sarbamnee Sabummaan Dhabamuu hin Haayyamnu (Ibsa ABO Haala Oromiyaa Amma Ilaaluun) December 6, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , ,
trackback

 

???????????OLF logofb367-alaabaanew

Mirga Eenummaa fi Abbaa Biyyummaa Sarbamnee Sabummaan Dhabamuu hin Haayyamnu

(Ibsa ABO  Haala Oromiyaa Amma Ilaaluun)

Ummatootni cunqurfamoo empaayera Itophiyaa mirgi sabummaa fi namoomaa kabajameefii bilisummaa fi walabummaan jiraachuuf,

 

Sirni dantaan ummatootaa keessatti kabajamu fi murteessummaan ummatootaa keessatti dhugoomuu, ummatoota aangoomsu argamsiisuuf qabsoon gochaa turanii fi jiiran ammayyuu xumura hin godhatne. Qabsoo adeemsisaniin mootummoota jijjiiruu danda’an illee ummatootni aangoomuu hin dandeenye. Qabsoon ummatootaa addatti ammo kan ummata Oromoo waggoota dhibbaa ol lakkoobsise bakka ummatni Oromoo barbadu akka hin gahiin ifaa dha.

Empaayera Itophiyaa keessatti qabsoo ummatootaan mootummootni jijjiiramanis kan ummata Oromoof rifaatuu hin qabne, sirna ummata Oromoon tajaajiltuu ittiin taasifatan ijaarratanii malee kan sabummaa isaa beekee kabaju hin ijaarre. Kana irraas cunqursaan saba keenya irratti ni jabeeffame malee hin laaffatne. Kan ammaa ammoo ittuu hammaatee “Fanxoo irratti Cittoo” akkuma jedhamu tahee imaammata sanyii duguuggii Minilikiin bu’ureeffame haaromfatuun ummata Oromoo dachee irraa dhabamsiisuuf sochii bal’aa irratti argama.

Bittaa alagaa fi abbaa irrummaa kittillayyoota isaanii waliin Oromiyaa keessaa buqqaasuu dhaan bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoon adeemsifamu humna horataa fi jabaataa Oromiyaa keessatti belbelaa akka jiru dhokataa miti. Ummatni Oromoo duula sanyii duguuggii irratti baname kana murannoo fi jabina dorgomaa hin qabneen dura dhaabbataa jira. Darggaggootni Oromoo ammo durummaan hiriiruudhaan waggootaaf wareega lubbuu fi qaamaa baasuu irratti argamu. Dhaadannoo, “Gabrummaan Haa Gahu!” jedhu kaasuun falmaa itti jiraniin ummata Oromoo boonsaa fi hamlachiisaa jiran. Akka gucaatti boba’a fi dhiiga isaanii dhangalaasaa bilisummaan wareegamaan alatti kan hin dhufne tahuu mirkaneessuu irratti aragamu. Haala ammaa keessa jiraatanis du’anis garaagarummaa akka hin qabne tahuu hubatuun wareegamanii kan hafe bilisummaa gonfachiisuuf murannoo ol aanaa agarsiisaa jiran.

Ilmaan Oromoo kaleessas tahe har’a kan wareega baasaa jiran haqa ummata isaaniif waan taheef injifannoon kan gudunfamu tahuun hin mamsiisu. Haqni yoomiyyuu waan mo’atuuf kanneen haqa ummataaf falman roorro fi cunqursaa injifatnoon keessaa bahan. Lafeen bilisummaaf jecha cabe, dhiigni dhangala’e hundi, gumaacha ilmaan Oromoo bilisummaa mirkansu dha.

Mootummaan murna bicuu Wayyaanee qabsoo haqaa ummata Oromoo dhugoomsuuf, kanneen qabsoo haqaatti jiran guyyuu jala deemee ajjeesuu, hidhuu fi hiraarsuu dhaan dhaamsuuf yaalullee QBO ittuu jabaataa, babal’ataa fi akka ibidda saafaa belbelaa gara galii isaatti arreedaa jira; kan booda hin deebine tahuu guddina qabsoon ummata keenyaa irra gahe ni hubachiisa. Qabssoo ummataan hammatame keessatti wareegamni baafamu ilmaan ummatootaa kumootaan qabsootti akka makaman taasisee umrii bittaa cunqursitoota gabaabsuun qadaadama malee maseenee hin hafu.

Duula mootummaa Wayyaaneen irratti banameen har’a sabni keenya lafaa fi qe’ee isaa irraa ari’atamee dhumiinsaaf saaxilameera. Imaammata beelessanii jilbeenfachiisuu mootummaa kanaan hawwanii fi daa’immaan, kaa’immanii fi jaaroleen hongeen gaaga’amaa jiran. Kana hubatuu irraa ti ilmaan Oromoo muratoo kan mootummaa kanaan wal-hudhanii wal qabaa jiran. Wareegamni kafalaa jiranis ummata Oromoo dhabama irraa baraaruufi.

 

Waan taheef:

Lammiwwan Oromoo caasaa bulchiinsaa mootummaa gabroomfataan haammatamtanii ajaja murna bicuu hojii irra oolchaa jirtan, dirqama alagaan isinitti kenneen ummata keessan hin miidhiinaa. Gochaa farrummaa raawwataa jirtan irraa dhaabbadhaa. Osoo yeroon hin dabriin ummata keessan waliin hiriiruun lubbuu dabruun seenaa hin dabarre galmeessuuf qabsoo ummatatti makamaa. Dhamsi kun deddeebi’ee isiniif darbaa jira. Kana diduun diinaaf kan tajaajila itti fuftan gaafatama irree ummataa jalaa akka hin bane hubachiifna.

 

Mindaa yartuuf jecha waraana biyyaa keessatti qaxaramuun daangaa tiksaa jedhamtanii kanneen aduu fi qorraan waxalamaa jirtan, dantaa sirna cunqursaa tiksuuf jecha biyyoota adda addaatti ergamuun dhimma isin hin ilaalle irratti wareegamaa jirtan, mootummaan tajaajilaa jirtan mootummaa ijoolleee keessan, obboleeyyan, haawwanii fi abbootii keessan biyya isaanii keessatti ajjeesaa, salphisaa fi xiqqeessaa jiru tahuu beeka. Qawween hidhatan kan nageenyi cunqursitootaa ittiin tikfamu tahuun as irratti haa gahu. Nageenya ummata keessanii ittiin tiksuuf murteeffatuun yeroon isaa amma. Obboleeyyan keessan waliin hiriiruun garee ummataa tahuu keessaan iyyata ummata keessanii “Yaa Ilmaan koo ana dhaqqabaa” jedhuuf deebii kennuun agarsiisaa.

Poolisni ummataa kan ummataaf dhaabbatu malee ummatatti dhukaasuu fi dararu miti. Sababa malee lammii hidhaatti guuruu fi dhaanuunis dalagaa poolisii dantaa ummataa tiksuuf ijaaramee miti. Waan taheef qabsoo haqaa ummatni Oromoo itti jiru dura dhaabbatuun kan ummata miidhaa jirtan gaafatama jalaa hin baatan. Tarkaanfii ummata miidhaa jiru irraa akka dhaabbattan gadi jabeessinee akeekkachiifna.

Mootummaan Wayyaanee dantaa xixiqqoon isin gowwoomsuu fi doorsisuun nageenya naannoo tiksitu jedhee qawwee rasaasa gahaa hin qabne isin hidhachiisuun ummata keessan irratti akka hiriirtan isin taasisee jiru hidhattoota gandaa, “Qawwee alagaaf baachuun haa gahu!” jedhaa. Qabsoo ummaatti makamuun ummata keessan diinaan hiraarfamaa jiru cinaa akka hiriirtan waamicha haromsina.

Barsiisota mindaa beela hin baafneen hiraaraa jirtan; Hiraar, daaraa fi beela matiin keessan keessa jiruuf sababni mootummaa ummata Oromoo-tti hujummoo dhaabbatee dhiiga xuuxaa jiru dha. Mootummaa ummata fixaa fi nyaataa jiru kana qarrifaan isaa caccabu malee egeree irra wayyaatti bahuu akka hin dandeenye eenyu caalaa hubattu; akkuma gochaa turtan barattootaa fi ijoollee kessan mirga hunda keenyaaf falmaa jiran waliin caalaatti bifa mul’ataan hiriiruu isin irraa eegama. Jajjabeessa! Hamlachiisuun gahee keessan qabsoo bilisummaaf gumaachaa.

Kanneen cunqursaa fi roorroo baqatuun biyya alaa jiraattan: Haala sabni keenya keessa jiru kan boqonnaa namaa hin laatne tahuu hubatuun miidhaa irra gahu addunyaa hubachiisaa. Sochiin biyyoota alaa adda addaa keessatti adeemsiftan qabsaawota biyya keessaa hamlachiisa. Falmaa itti jiran ciminaana akka itti fufan onnachiisa. Ummatni kaleessa biraa dhuftan roorroon itti jabaattuu irraa hadheeffatee diddaa isaa agarsiisaa waan jiruuf biraa boodatti hin hifatiinaa. Waan danda’amu hundaan kan bira jirtan tahuu dalagaan agarsiisaa.

ABOn sochii fi fincilli Oromiyaa keessatti deemaa jiru gara injifannoo xumuraatti akka qajeeluuf kan irraa eegamu ni gumaacha. Ajjeechaa fi hidhaa bara dhufaa dabraa barattoota Oromoo irra gahaa jiru akka itti hin fufne taasisuuf qabsoo fuula hundaa jabeessuun fedhii ummata Oromoo guutuuf yeroo kamiyyuu caalaatti hojjata.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo!

Muddee, 2015

Ibsa-ABO-Haala-Yeroo-Irratti

Click to access Ibsa-ABO-Haala-Yeroo-Irratti.pdf

 

Related:-

The OLF-Executive Committee meeting and Oromia wide national protest against Ethiopian rule in Oromia: Is it planned or coincidence?

http://qeerroo.org/2015/12/06/the-olf-executive-committee-meeting-and-oromia-wide-national-protest-against-ethiopian-rule-in-oromia-is-it-planned-or-coincidence/

 

 

 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: