jump to navigation

Oromo (Oromiyaa) : Artistoonni Oromoo Gootota keenya, haa jajjabeeffannu! December 24, 2014

Posted by OromianEconomist in African Music, Culture, Muscians and the Performance Of Oromo Nationalism, Musicians and the Performance of Oromo Nationalism, Oromia, Oromian Voices, Oromiyaa, Oromo, Oromo Artists, Oromo Culture, Oromo Music, Oromummaa.
Tags: , , , , , , ,
trackback


O

Artistoonni Aasxaa OFOromoo Aadaa naannoolee Oromiyaa kaabaa hanga kibbaa tti, bahaa hanga lixaa tti, wal-simachiisanii dagaagsan, walaleessanii weellisan, geerrarsaan kan rafe dadammaqsanii sabboonummaa dagaagsan, faarsanii maqaa goototaa ol-kaasan, Qabsoo Oromoo daangaa hanga daangaa tti  sosochoosanii harka duwwaa rasaasa dura dhaabbatan. Oromummaaf jecha mana hidhaa tti dararaman, kaan lubbuun wareegaman, kaanis lubbuu oolfachuuf biyyaa baqatan. Waggoottan 23 darbaniif dararaan Artistoota Oromoo’rra gahaa jiru hagana jedhamee waan akka laayyoo tti ibsamu miti. Artsitoota Oromoo Eebbisaa Addunyaa, Usmaayyoo Muusaa, Yooseef Gammachuu, Maaramee Harqaasaa fi kabiroo miidhaa diinaa tiin hardha lubbuun uf cinaa isaan dhabnu’llee dalagaan isaanii Utubaa seenaa ta’ee ilmaan Oromoo waliin jiraata. Dararamnii fi miidhaan heddummatu’llee Artistoonni Oromoo kaleessas, hardhas gocha diinaa tiif hin jilbeeffanne, borus hin jilbeefatan!

Kallattii sochii fi qooda Artistoonni Oromoo saba isaan tiif gochaa jiran’rraa maqsuuf jecha torban darbe leenjiin haangawwan OPDO tiin Artistoota Oromoo tiif kennamuuf yaalame “abjuu dhaabachisoo” akka ta’e Artsitoonni leenjii dhuma sa’a’rra tti dubbatanii jiru. Artistoonni leenjii sana’rra tti hirmaatan “Isin garuu onnee Oromummaa ni qabduu?” jechuu dhaan OPDOn dantaa mootummaa Wayyaanee jajjabbessuun ala danta saba Oromoo tiif kan hin dhaabbanne, miidhaa fi dararama saba Oromoo’rraa gahaa jiru hambisuu ykn mormuuf’llee waa takka akka tattaafachaa hin jirre Artistootaan ibsanii jiru.

Egaa “bara Xaalyinaani weerartoota biyya alaga’rraa dhufan, Faranjoota jala hiriiranii kan biyya gabroomsisa turan ‘Baandaa’jedhamu turan, Baandaa jechuun nama lammii irraa dhalate lammii gane jechuu dha. Haata’u malee sirna koloneefataa Xaaliyaanii sana biyya Itoopiyaa’rraa ykn Oromiyaa’rraa kaasuuf sochi taasifame keessatti warri Baandaa ta’anii turan sun walii galanii gooftota isaani tti garagalan, Uummata isaanii cina dhaabbachuu dhaan koloneefatoota seeraan ala Uummata koranii ta’ani tti fincilan, duula itti banan, gabrummaa koloneefatoota alagaa jalaa biyyi akka bilisa ba’uuf qooda guddaa gumaachanii” jedhama. Egaa OPDO n“Birillee ke neqa ayhonem eqa” mamaksa jedhamu sana dhagayii, Bilillee dhuma dhugaa sana “Ye mayneqa eqa!” ta’anii afu moo “tokko dhuufuun dhiirummaa dha, lama dhuufuun gadhummaa” jedhanii Seenaa jijjiru laata?

Bu’aa ba’ii Artistoota Oromoo

Dararamni sirna bulchiinsa mootummaa Wayyaanee akkuma jirutti ta’ee, Artistoonni Oromoo bu’aa ba’ii akkamii keessa darbanii hojii muuziqaa hojjataa akka jiran Uummanni Oromoo sirrii tti hubatee jiraa laata? Bu’aa ba’ii jiru mee obsaan armaan gadii dubbisaa.

Kaasseetta (CD) tokko gurra ummata tiin ga’uu dhaaf, akkuma yeroo mana cidhaa ykn guyyaa ayyaana waggaa namuu ol-ka’ee weellisu sana salphaa miti. Bu’aa bayii hagana hin jedhamne keessa darbameetu kaasseettiin (CD)n sirbaa tokko maxxanfama. Artsitiin Oromoo tokko “Albumii muuziqaaa” tokko maxxansuuf walaloo fi yaadaloo qopheesseetuma sirbuun qofaa gahaa miti, irra deddebiyee baatii dheeraaf (waggoottaniif) sagalee qarachuu, shaakkala gahaa taé gochuu feesisa. Kana malees Artistoota meeshaa muuziqaa xabatan, “digital audio mixing” qindeessan, kan weelluu jalaa qaban, “studio” muziqaan itti qindeeffamu, kana hundaa walitti haanjessuu feesisa. Waan kana hundumaa guuttachuuf maallaqa barbaachisa. Yeroo amma kana tti sagalee qofaan weelluu caqasuun gahaa ta’uu dhiisuu mala. “Video clip” qopheessoofis bu’aa bayii kabiraa guddaa qaba. Namoota “Video”waraabanii gulaalan, nama “script” barreessee “director” ta’ee hojjachiisu,  namoota shubbisan fi uffannaa adda addaa qopheessuutu artisticha’rraa eeggama. Kun hundumtuu horii feesisa, qarshii guddaa barbaachisa. Kana qofaa mitii yeroo “studio” keessatti muziqaan hojjatamu, Buna fi shayii, nyaata fi dhugaatii wanta heddutu bitama, kunis maallaqumaani. Yeroo dheeraaf (waggoottaniif) hojiilee qindaa’uu qaban kana qindeessuuf geejibaan asii achi deddebiyan, bibila bibilbiluun tola miti, kunis maallaquma barbaachisa.

Dalagaaleen armaan olitti caqafaman martinuu “original master recording” kaasseetta/CD/DVD tokko qofaatti cuunfamee ba’a. Erga muziqaan bifa kanaan qindaa’ee hojjatamee, cuunfamee ba’een booda heddummeessanii gurra Uummataa tiin ga’uuf tattaffiin itti fufa. “Poster, Cover, Sticker fi blank CD” heddumina qabu bituu fi maxxansuuf dirqamu. Akkasumas kaassetta/CD/DVD heddummeessuu (duplicate) gochuu qabu.  Egaa waan kana hundaa qopheessuuf qarshii guddaa barbaachisa.

Haala hunda keessa darbanii hojiidhuma xumuurame kana raabsuu dhaan gurra Uummataa tiin ga’uuf mana muuziqaa kaassetta/CD isaaniif raabsu argachuun heddu dadhabsiisaa dha. Manni muziqaa Oromoo Finfinne keessaa jiran (kanneen kaasseetta muuziqaa raabsuu dandayan) lakkoofsaan heddu xiqqaa dha. Heddumminaan kan jiran kan sab-lammoota kabiraati.Kanaafuu artistoonni Oromoo qarshii liqeeffatanii, fira itti kadhatanii gidiraa heddu arganii kaassetta/CD qopheessanillee, mana muuziqaa isaan harkaa fuudhee Ummataaf raabsuu argachuuf bu’aa bayii guddaa heddu seenu,  mana muuziqaa ‘tole’jedhee isaaniif raabsu hin aragamu, kun rakkoo isa kabiraa dha.Tarii akka carraa manni muuziqaa kaassetta/CD qophaa’e harkaa fuudhee raabsu yoo argame’llee manneen muziqaa warra alagaa wanna ta’aniif itti dhimmanii sirnaan hin raabsaniif, beeksisa barbaachisaa ta’e sirnaan hin raawwataniif. Gurguramee dhiisee, Aartiin Oromoo dagaagee dhiisee dantaa warra mana muuziqaa alagaa miti. Yoo tolee gurgurame waan raabsani’rraa bu’uu argachuu, yoo hin gurguramnes kisaaraan isaan mudatu wanta hin jirreef hojii Artistoota Oromoo tiif warri abbaa qabeenyaa mana muuziqaa alagaa waanti isaan dhiphisu gonkumaa hin jiru.

Artsitoonni Oromoo ijoollee iyyeessa tti, ijoollee Qonnaan bulaati, qarshii hojii kanaaf oolu argachuuf heddu dhiphatu, hojii umnaa hojjatanii, hiriyaa’rraa liqeefatanii, fira’rraa kadhatanii qarshii argataniin aarsaa guddaa kafalaa jiru. Bifa kanaan bu’aa bayii heddu keessa darbanii Artii, Aadaa, Seenaa, Afaan, Siyaasaa fi Sabboonummaa Oromoo kan dagaagsaa jiran.

“Egaa Kaasseettiin/CD/DVD”n bifa kanaan bu’aa bayii hedduun qophaa’ee booda hoo Ummanni keenya orijinaala qofaa bitatee obboleeyyan keenya jajjabeessaa jiraa?” gaaffiin jedhu yoo ka’e, “hagas maraa miti”n deebii ta’a, sadarkaa barbaadamu tti bifa gahaa ta’een Uummanni keenya originaala bitataa hin jiru, hagi tokko waraabbii bitata. Waraabbii bitachuun cuunfaa dafaqa Artistoota keenyaa itti fayyadamuu yoo taé malee baasii fi rakkina Artistoonni keenya keessa jiraniif wanna tokkoo’llee hin fayyadu. Yoo xiqqaatee xiqqaate waggaa tti “Albumiin muuziqaa” Oromoo dhibbi tokko tti lakkawwaman ni maxxanfamu. Garuu achi keessaa rabbi gargaaree waan hunda sirnaan injifatee baldhinaan, sirnaan gurra Uummataa kan qaqqabu sirboota Artiistoota 3 hin caalu. Kana jechuun “Albumiin muuziqaa Oromoo bu’aa bayii hedduun hojjatamu’llee  waggaa tti harka 100 keessaa haki 97 otoo sirnaan gurra Uummata baldhaa hin qaqqabiin hukamfamee afaa jechuu dha. Egaa haala kanaan kan ka’e sabboontonni Artistoota Oromoo kasaaraa maallaqaa fi hamilee cabiinsi kan isaan mudate hedduu dha. Jiruu fi jireenya ulfaataa taé jalatti kufanii jiraachuuf haalli isaan dirqee jira.

Otoo abbaan qabeenyaa Oromoo mana muuziqaa ciccimaa adda addaa qaabatanii rakkinni hagana ulfaaataa ta’e Artsitoota Oromoo hin mudatu ture. Otoo Uummanni keenya kaasseetta/CD/DVD originaala Artistoota keenya’rraa sirnaan bitatee dararamni hagana ga’u Artistoota keenya hin mudatu ture. Otoo Artistiin Oromoo tokko biyya alaa kana keessa keessummummaf mana namoota Oromoo deddeeme namni martinuu gammachuun isa simata, affeerraa nyataa fi dhugaatii guyyaa tokkoo qofaa tti shakkii tokko malee “dollar ykn Euro” 100 (dhibba tokko) inuma baasuuf. Egaa affeerraa guyyaa tokkoof haga kana baasuun ni dandayama yoo ta’ee kaassetta originaala Dolaara/euro 10  (kudhaniin) bitachuun maaf nutti ulfaatee? Jennee of gaafachuun gaarii ta’a. Kana qofaa miti, yeroo adda addaa “concert iin muuziqaa” bakka adda addaa tti sirnaan maaf hin qophoofnee? Otoo kunis sirnaan hojiirra oolee rakkoo Artistoonni keenya qaban furuun wanti hin dandayamneef hin jiru ture.

“Otoo, otoo, otoo”jechun hin fayyadu. Kan fayyadu wanna ta’uu qabu, wanta Lammiin Oromoo gochuu danda’u tokko raawwachuutu rakkoo hiika, furmaata fida malee.  Kanaafuu Artistoonni Oromoo “Artii, Aadaa, Seenaa, Afaan, Siyaasaa fi Sabboonummaa Oromoo dagaagsaa jiru” jennee yoo itti amanne Artistoonni keenya gootota keenya wanna ta’aniif faarsuu qabna. Faarsuun keenya erga Artistiin tokko lubbuu dhaan darbee/darbiteen booda qofaa ta’uu hin qabu, otuma lubbuun jiranii isaan haa faarsinu, ha jajjabbeessinu, dalagaa isaanii orijinaala haa bitannu, diingdee fi beekkumsa qabnuun isaan cina haa dhaabbannu. Keessattuu yeroo ammaa kana tti Artistoota keenya dibeen dararamaa  jiraniif Uummanni keenya ariitiin, gargaarsa barbaachisaa ta’e abbomuu qaba.

Waan Bayeessa haa hojjannu!

Bakkaanga’aa Margaa

Bu’uuressaa Oromummaa Founadtion fi

Wixineessaa WTUOGA

Mudde 22, 2014,

Bakkaanga’aa Margaa

oromummaan@yahoo.com

www.oromummaa.com

Read @ http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/artistoonni-oromoo-gootota-keenya-haa-jajjabeefannu/

 

Baaruu Baayisaa Daaqaa: Walaloo (Artistoota Oromoof)

 

Ishoo yaa kannisaa!
(Artistoota Oromoof)

Dandii fi dirree marsii coradhu nadhii dammaa
Daraaraa mara irraa dhamdhamadhu dhama;
Dhugaa fi fiigi ati saafaan hin dhorkamin
Yookaas bokkaa gannaa tasa hin sodaatin!
Yoo dirreen manca’e ce’ii deemi lagaa
Goblaan barrisi adda baasi dhugaa!

Nadhii coruun kan kee hamaatti herregame
Damma fi booka naquun dhiphina jedhame;
Jibbaan yoo reebamte ilbisa haqa hin beekneen
Sariitii fi tisiisaan waranamtee albeen.
Shira dangaa hin qabneen suuqatti gatamtee
Hamilee kee doomsuuf lammii irra adda baatee;
Kan si keessa jiru lubbuu du’u miti
Isa dhugaa seeneessu kan bara-baraa ti!

Ishoo yaa kannisaa! Suubiin ka’ii fiigi
Tisisaan hin ooliin, somoddoo irraa maqi.
Bakka garii olii qulqullaa’ii hafi
Haqaan deemaa oli qaanii malee rafi!
Marsaa sariitii tiin marfamtee utuu jirtu
Ati haqaan deemta balaa illee hin sodaattu.
Tisisatti ni himta, sariitiitti ni baanta
Dhugaa lammii keetii bookeetti ni dubbatta.
Amaaketa fi yeyyii sodaattee hin calliftu
Summii buutii fi bofaa tasuma hin dheessitu!

Ishoo yaa kannisaa, uumama akka uumaa
Soortuu qaamaa fi lubbuu tokkittii akka kumaa
Haadha ogummaa gaarii haadhoo qulqullinaa
Uggum! Yaa kannisaa mallattoo jabinaa!
Bu’aa kee lakkaa’ee yeroon si yaadadhu
Booka kee unadhee damma kee cuubadhu
Lammii koo ta’uu kee tu qirqirsee na boonsa
Akka kee sab-boonuu tu haalaan na si’eessa!

=============================

Baaruu Baayisaa Daaqaa: bbayisa@yahoo.com

 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: