Advertisements
jump to navigation

Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa February 13, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromian Voices.
Tags: , , , ,
add a comment

???????????

Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa

Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii

 Gurraandhala 12, 2015

 

Naaroobii

Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.

Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf  yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu  mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya  afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.

 

Kaayyoo ifaa ykn. Jechoota Sossobbaa Sagantichaa

  1. Baqattoota mariisisuun lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii kennuu;
  2. Mana koondomineemii kennuuf waadaa galuu;
  3. Maqaa ‘business Group’ jedhuun Imbaasii jalattii ijaaruun Imbaasiin deeggarsa addaa waan kennuuf fakkeessuu’
  4. Maqaa kominiitii Itoophiyaa jedhu jalatti akka ijaaraman gochuu;
  5. Viidiyoo fi fakkiillee adda addaa agarsiisuun nageenyii fi Misoomni jabaan biyya keessatti waan deemaa jiru fakkeessuun qalbii baqattootaa hawachuu yaaluu;
  6. Baqattoota biyyatti deebi’uuf fedha qaban sossobuun gara biyyaatti deebisanii ololaaf itti fayyadamuu;

Kaayyoo Dhoksaa Sagantichaa

  1. Sochii baqattoota Oromoo harka lafa jalaan hordoffii fi to’annoo Imbaasii Itoophiyaa jala galchuu;
  2. Baqattoota walga’iirratti hirmaatan dhoksaan viidiyoon waraabuun, akkasumas maqaa isaanii galmeessuun akka waan baqattoonni Oromoo biyyatti deebu’uuf iyyata galfatan fakkeessuun maqaa fi galmee baqattootaa viidiyoon deeggarame qabachuun waajjira UNHCR fi DRAtti dhiyeessanii  baqattummaa Oromoo sadarkaa  ‘repatriation’  keessa akka galu irratti hojjachuu;
  3. Sochii siyaasa Oromoo Naayiroobii keessa jiru ji’oota lama keessattii dhabamsiisuu;
  4. Suuraalee fi viidiyoo affeerraa nyaataa fi saganticharratti waraabame ETV irratti dhiyeessuun olola siyaasaaf itti fayyadamuu;
  5. Baqattoota sirrii ta’an ukkumsanii biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu;
  6. Magaalota Naayiroobii, Isolloo fi Mooyalee keessatti ejentoota mootummaa Keenyaa waliin ta’uun duula walfakkaataa geggeessuu fi sagantaalee kana fakkaatan qabatanii bobbaatti jiru.

Kanaafuu, hawaasni Oromoo fi miidiyaaleen Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula   mirga baqattoota Oromoo ukkaamsuuf bobba’e kana qolachuuf tumsa  barbaachisu akka gootan waamicha lammuummaa isiniif dabarsaa, namoota baqataa fakkaatanii duula kana milkeessuuf xalayaa waamichaa facaasaa jiran  hordofnee maqaa isaanii kan saaxillu ta’uu nihubachiifna.

Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii

Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Keeniyaa fi Gaanfa Afrikaa Feb 2015

Advertisements

Sirna kufuuf daddaaqamaa jiru jireessuuf kanneen dhama’an dhumni isaanii salphina February 13, 2015

Posted by OromianEconomist in OLF, Oromia News, Oromian Voices, Oromiyaa, Oromo, Oromo Liberation Front (OLF), Oromo Nation, Oromo News, Oromummaa.
Tags: , , , , ,
add a comment

O

Sirna kufuuf daddaaqamaa jiru jireessuuf kanneen dhama’an dhumni isaanii salphina

(Ibsa ABO duula diinaan Oromoo irratti baname ilaalchisee)

OLF logo

Gurraandhala 13, 2015 (Oromo Liberation Front) — Mootummaan Wayyaanee ummatoota irraan gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisaa jiru kufaatiin isaa kan hin hafne tahuu caalaatti wayta mirkanaa’ee jiru kanatti abdii kutannaa irraa shira gara garaa hojjatuun bittaa isaa itti fufsiisuuf yaalii ijibbaataa gaggeessaa jira. Ummatoota bittaan nu gahe! Sirni Cunqursaan nurraa haa ka’u! jechuun bifa gara garaan qabsoo adeemsisan kolaasuu fi kan ummatoota irraa deggersa qabu fakkaatee mul’atuuf wixxifannaan adeemsifamaa jirus lammiiwwan Itophiyaa gara garaa addatti ammo lammiilee Oromoo sirnicha baqatuun biyya alaatti argaman irratti kan xiyyeeffate tahuu sochii diinni gochaa jiru irraa hubatama.

Lukkeelee diinaa bittoota murna bicuuf riqicha tahanii ummata Oromoo saamuu fi saamsisuu, ajjeesuu fi ajjeesisuu, biyyaa baqachiisuu fi hiisisuu keessatti shoora ol aanaa qaban, ergaa diinaa kana qabatanii biyyoota alaa keessa oggaa laban kan arge isaan taajjabuu irra dabree akka namaatti yaaduu isaanii shakka. Ergamtootni osoo ummatni Oromoo bakka bu’ummaan hin filatiin humnaan bakka bu’aa of taasisan kunneen hin galleef malee kanneen har’a maqaa guddinaa fi misoomaan isa hawwatuuf itti bobba’an kanneenuma kaleessa miidhaa isaanii baqa biyyoota adda addaatti baqatani dha. Kanneen Abbaa fi Haadha, Obbolaa fi firoottan, ilmaan, akkasumas hiriyootni isaanii jalaa ajjeefaman, mana hidhaatti guuramani hiraaraa jirani dha.

Wayyaanee dantaa murna bicuuguutuuf jecha ijaaruu irra diiguu, haqa lagatuun kijibaaf dhaabbatu , mirga dimokraasii dhugoomsuu irra bittaa abbaa irrummaa jireessuu, biyya misoomsuu irra deegsuun beekame, mootummaa guddinaa fi misoomaa ti jechuun duulli ergamtoota sirnichaan biyyoota alatti eegalame fudhatama fi deggeraa dhabee bakka dhaqan maratti mormii ol aanaa fi salphina guddaan akka deebi’an taasifameera. Haa tahu malee salphifamaa fi xiqqeeffamaa harca’aa funaannatuu akka aadaa fi kabajaatti fudhatan lukkeeleen diinaa kunneen, garaa itti nyaatan malee sammuun ittiin yaadan waanitti hin uumamneef mormii irra gahaa jiru danda’aa fi obsaa ergaa diinaa baqataa Oromoon akka gahaniif karoora itti kenname itti fufuuf murteeffatanii jiran.

Lukkeeleen diinaa raata’oo kunneen ummatni Oromoos akkuma isaanii akka raata’uuf hojjatan. Akkuma isaanii har’a nyaadhee bullaan ana gaha! jechuun ulfina isaa gurguree akka jiraatu barbaadan. Akkuma isaanii ashkara alagaa tahee biyya isaa irratti alageeffamee jireenya gadadoo fi salphinaa akka jiraatu barbaadu. Waggoota 24 boodallee fedhiin ummataa maal akka tahe hubatuu dadhabu/diduu irraa mirga isaaf falmatuu dhaabee akka harka kennatuuf irratti bobba’uun isaan taajjabsiisa malee ummata ejjannoo isaa hin jijjiirsisu. Kanneen of xiqqeessanii ummata xiqqeessuuf yaalan hin galleef malee ummatni guyyaa irratti of irroomsanii eegalee kan isaan hin deggerre, waliinis hin dhaabbanne tahuu ifatti itti himeera. Mormuun dura dhaabbatee walabummaa fi bilisummaa isaaf falmateera, falmaas jira.

Jilli gara garaa muddama qabsoon ummatootaa gooftolii isaanii irraan gahaa jiru jalaa baraaruuf dhiheenya kana dirqama Wayyaanee fudhatuun Awrooppaa, Ameerikaa, Kanadaa fi Austraaliaatti bobba’uun Oromoota biyyoota kanneen keessa qubatan gowwoomsuuf yaalanii taasisaniin salphifamaa akka turan midiyaaleen gabaasaa turan. Jilootni bakka gahan hundatti salphifamaa turan kanneen kan dhagahu hin argatiin malee, lafti mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii isiniif kennama, qabeenya qabdan investment/misooma irra akka oolchitaniif deggersi addaa fi barbaachisu isiniif kennama jechuun waadaa kijibaa tarrisuun hawwataa akka turanis gabaafamaa ture. Biyyi misoomaa fi guddataa akka jirtu, wal qixxummaan ummatootaa mirkaneeffamuu fi mirgi dimokraasii dagaaguu qaanii malee haa dubbatan malee haalli empaayera Itoophiyaa fi kan ummataa addaan fagoo tahuun hubannaa ummataan ala hin turre.

Mootummaa abbaa irreef aangoo isaa turfatuun alatti kan itti mul’atu waan hin jirreef hanga kufutti tikfatuuf dhidhiitatuu hin dhaabu. Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa itti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira.

Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman kanneeniinis waadaa kijibaa:

  1. Lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii argattu;
  2. Manni koondominemii isiniif kennama;
  3. “Garee business “ jedhuun embaasii jalattii yo ijaaramtan embaasiin deeggarsa addaa isiniif godha kan jedhanutu argamu.

Haqni bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun golgaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu, Sochii baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu; hidhaa fi ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate dha.

Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi guddina, mirga dimokraasii fi namoomaa ilaalchisee ololli adeemsisu kan madaala kaasu miti. Qabiinsi mirga namoomaa fi mirgi dimokraasii biyyattii maal akka fakkaatu ummatoota biyyattii irra dabree kan alagaan iyyuu kijiba tahuu hubatee dura dhaabbataa jiru tahee jira.

Ummatni Oromoo biyya keessaas haa tahu biyya alaa kijiba Wayyaaneen kan hin dagamne tahuu ifatti agarsiisaa jira. Addatti ammo lammiileen Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiran ergama diinaa fashalsuun qoodni gumaachan kan Oromoo hunda boonse, ergamtoota diina rifaasise dha. Bobbaa’an jiilota Wayyaaneen baqattoota Oromoo Afriikaa jiran irratti xiyyeeffates akkasuma akka fashalu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee haalli biyyoota Afriikaa, akka biyyoota Awroppaa fi Ameerikaa aanjaa kan hin qabne taahuun beekamaa dha. Waan taheef , hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan obboleeyyaan keenya diinni itti xiyyeeffatuun shira irratti raawwatuuf abuurratee jiru hordofuun miidhaa diinaa akka qolatuu danda’aniif tokkummaan akka cinaa dhaabbattan ABOn yaadachiisa. Midiyaaleen Oromoo fi kanneen haqaaf dhaabbatan kan biros gochaa diinummaa fi farra namoomaa baqattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kana saaxiluun garee haqaaf dhaabbatan tahuu akka mirkaneessitan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsu Wayyaaneen itti jiru akka hin milkoofne taasisuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isaa dabarsa.

Shirri diinaan Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatamu qabsoo caalaatti finiinsa malee hin laaffisu. Kanaaf lammiileen Oromoo biyya keessaaf alaa bittaa Wayyaanee gateettii ummataa irraa buusuuf qabsoo bilisummaa caalaatti finiinsuun gaaffii yeroo tahuu hubannee tokkummaan haa kaanu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala, 13, 2015

http://oromoliberationfront.org/