jump to navigation

Seenaa Sabboontuu Oromoo Aadde Ayyaluu Ittisaa (1968-2015) April 14, 2015

Posted by OromianEconomist in Aadde Ayyaluu Itisaa, Oromia, Oromiyaa, Oromo, Oromo women, Oromummaa.
Tags: , , , ,
trackback

???????????Ayyaluu Ittisaa (1968-2015)Aaddee Ayyaluu Itisaa

Aadde Ayyaluu Ittisaa,  qabsoo uummanni Oromoo mirga isaa kabachiifachuuf  gaggeessu keessatti gahee olaana kan  turani. Kanumaan kan kaka’esi hidhaadhaaniis dararamaa akka turan seenaa isaanii irraa hubachuun danda’ameera. Aadde Ayyaluun gaaffii mirgaa Oromummaa isaaniif qabaniif jecha bara 2004- 2007 A.L.A.tti garee hooggantoota waldaa Maccaa fi Tuulamaa jedhamu waliin hidhamuun dararaan jajjabaan isaan irra akka gahe seenaan galmee isaanii ni ibsa.Dhuma irratti yakka malee hidhamuun isaanii waan hubatameef bilisaaniis gad-dhiifamaniiru. Aadde Ayyaluun mana hidhaa gad-dhiifaman illee dhimma gaaffii uummata Oromoof guyyaa tokko illee otoo of hin qusanne haga lubbuun isaanii Eebla 12 bara 2015 dhibee akka tasaan dhukkubsatanii lubbuun isaanii dabrutti, karaa dandahame hundaa Gaaffii mirgaa uummata Oromoof gumaacha gurguddaa gochaa akka turan seenaan isaanii dabalataan ni mirkaneessa. Maatii, firoottanii fi jaalleewwan, akkasumaas uummata Oromoo du’aan boqochuu sabboontuu aadde Ayyaluu Ittisaaf gaddaan liqimsamtan hundaaf jajjabina hawwaa, aadde Ayyaluu Ittisaaf ammoo ekeraan isaanii daadhii haa dhugu jenna.

http://fincilaoromoo.com/2015/04/14/sabboontuun-oromoo-aaddee-ayyaluu-ittisaa-duaan-boqotte/

Seenaa Ad Ayyaluu Ittisaa (1968-2015)

(Oromedia, 14 Ebla 2015) Aadde Ayyaluu Itisaa Abbaa ishee Obbo Ittisaa Deebisaa Jiraataa fi Harmee ishee Aadde Jaal’ee Lataa Toleeraa irraa bara 1968 GC haala amma waamamuun Godina shawaa lixaa Aanaa Calliyaa Ganda Qotee Bulaa Tulluu Kosorruu jedhamu keessatti dhalatte.


Akkasumas bara 1991 yeroo mootummaan dargii kufe irraa eegalee, miseensa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) ta’uun socha’aa kan turte yoo ta’u, haaluma kanaan bara chaarteraa waraan ABO muraasa Shaambal Yohaannis Moosisaan fi Obbo Sanyii Bakkasheen hoogganamu fi jiddugala Oromiyaa socho’aa kan tureef garee mahaandisummaan dirqamarra otoo jirtuu haxxee diinni hidheen shaambal Yohaannis Moosisaa yoo ajjeefamu, Qabsooftuu Ayyaluu Ittisaa qabamuun gara mana hidhaa karchallee Magaalaa Ambootti geeffamtee qaruuraa caccabaan  rifeensa mataa irraa haaduun dararama hamaa irraan ga’an. Akka kanaan, artistii beekamtuu fi jaalatamtuu Ilfinash Qannoofaa waliin karchallee Amboo keessatti dararama argaa turan.
Akkuma umuriin ishee barnootaaf gaheen mana barumsaa sadarkaa 1ffaa M/Tulluu maraa, Sadarkaa jidduu galaa magaalaa Geedoo M/Caacaa, sadarkaa olaanaa Amboo fi magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Kokoba tsabaa jedhamutti xumurte.

Erga hidhaa irraa hiikamtees sodaa tokko malee, gara magaalaa finfinneetti deebi’uun dhoksaan hojii qabsoo itti fufte. Haaluma kanaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa guutuu ta’uun koree adda addaa keessatti sadarkaa adda addaa irratti itti gaafatammummaa fi miseensummaan socho’aa turte.

Haala jireenyaa mo’achuuf waajjira mootummaa Oromiyaa waajjira qabeenya uumamaa yeroosana jedhamee beekamu keessatti qacaramtee hojii yoo eegaltes shakkii miseensummaa ABOn dararaa yeroo dheeraa booda waajjira kamiyyuu akka hojjechuu hin dandeenye karaa mootummaa gita bittuu wayyaaneen akkeekkachiifamuun hojii dhaabde. Kun otoo ishee hin jilbeeffachiisiin ammas hojii qabsoo harka lafa jalaan gaggeessuu eegalte.

Aadde Ayyaluun Waldaa Machaa fi Tuulamaa keessatti kallattiin hojii aadaa fi seenaa guddisuu raawwataa turte. Haaluma kanaan otoo jirtuu, bara 2004 yeroo hooggantaatnii fi Baratootni Oromoo yuunversiitii fi gaazixeessonni Oromoo  hidhaman, Aadde Ayyaluunis maatii ishee nama lama waliin gara mana hidhaa Maa’ikelaawwiitti darbamte.
Aadde Ayyaluun erga hidhaadhaa baatees doorsisaa fi sodaachisoo wayyaaneef harka otoo hin kennine socho’aa waan turteef dhuunfaanis ta’e waajjira kam iyyuu hojjechuu akka hin dandeenye wayyaanotaan waan itti murtaa’eef hanga gaafa lubbuun ishee dabartuutti gargaarsa maatiin jiraachuu turte.Achiinis hooggantootaa WMT fi shamarreen qabsaa’ota Oromoo bebbeekamoo kan akka Aslii Oromoo, Feeruzaa Abdii, Sinqee…., Ayishaa…… jedhaman faa waaliin Karchallee Finfinnee, fi  Mana hidhaa Qaallittii erga turtee booda bara 2007 hidhaa waggaa sadii booda bilisaan hiikamte. Sanaa boodas yeroo adda addaatti hiriyyoonni ishee biyyaa akka baatu itti himan illee biyya abbaakoo diinaa gadhiisee hin bahu jechuun harkatti didaa turte.

Aadde Ayyaluun dubartoota qaqqaalii qabsoon Oromoo horate keessaa tokko fi mana dhaabuun bilisummaa booda amantaa jedhu kan qabduu fi hanga lubbuunshee darbe kanatti mana kan hin dhaabbanne ta’uu seenaan ishii ragaa baha.

Aadde Ayyaluun dhukkuba tasaatiin Ebla 12 bara 2015 Finfinneetti addunyaa kana irraa addaan baate; sirni awwaalcha ishii Ebla 14 bara 2015 bakka firoottanii fi jaallan ishii argamanitti qeée dhaloota ishiitti raawwate.

Aadde Ayyaluun nama hawaasa keessatti jaalatamtu turte; Waaqayyo maatii fi jaalleewwan qabsoo isheef jajjabina haa kennu.

Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.

http://oromedia.net/2015/04/14/seenaa-ad-ayyaluu-ittisaa-1968-2015/

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: