Waa’ee Uummata Oromoo Kana Beektuu Laata? Dubreen Oromoo Barnootaan Qaroo Taate Qalbii Sabaa Himaa Ameerikaa Hawatte July 8, 2015
Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromo.Tags: Africa, Biftuu Dureessoo, Jamal Abdullahi, Oromo people, Pinnacle of Excellence in High School: Valedictorian Biiftu Duresso | An Oromo Inspiration
trackback
VOA AFAAN OROMOO (WASHINGTON DC)—
Jaallannee Gammadaa Ijoollee Oromoo bara kana barnoota sadarkaa adda addaatiin xumuruun as Yuunaaited Isteetes keessatti eebbifaman keessaa tokko kan taate Biiftuu Dureessoo kutaa New Yoorke magaalaa Raachestertti kan argamu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa “Wilson magnet High school” jedhamu keessatti qabxii ol aanaa galmeessisteen guyyaa eebba sanaatti haasaa “valedictorian” ykn haadaa guyyaa ayyaana eebbaa akka gootu filatamtee haasawicha dhageessistee turte. Jaallanneen Biiftuu Dureessoo fi kan yeroo dheeraa dhaaf maamila radiyoo sagalee Ameerikaa sagantaa Afaan Oromoo turan abbaa ishee obbo Jamaal Abdullaahii Dureessoo haasofsiistee jirti.
Comments»
No comments yet — be the first.