Ummatoota Beela Irraa Baraaruun Akeeka Mootummoota Itophiyaa Tahee Hin Beeku.
(Ijoo Dubbii ABO)
Hawaasni addunyaa Itophiyaa empaayera ummatootni beelaan keessatti dhuman tahuutti eerga hubatee dhaloota tokko ol lakkoobsisee jira. Hundaan olitti ammoo beelli Kaaba Itophiyaa bara 1974 mul’ate, hawaasa addunyaa mara rifaasise. Ummatoota Itophiyaa dheekkamsiisee sirna Nugusummaa irratti kakaase. Barattootaa fi hojjattootas fincilsiise.
Beela bara 1974 sanaanis namootni kuma kudhanootaan akka baala mukaatti harca’an. Daa’imman harma haadha duutee osoo hodhanii addunyaan daawwate. Kumoota dhibbaan qe’ee dhiisanii baqatuun mudate. Kun hundi oggaa tahu kanneen “Ummata keenya nu jaallatuu fi jaallannu” jechuun empaayeritti walakkaa jaarraaf bitan, rakkoo ummatootaa furuuf tattaafatuu irra beelli ummatoota harcaasaa jiru addunyaa biratti akka hin dhaga’amnee fi hin mul’atneef ukkaamsuuf tattaafataa turan.
Mootummaan barcuma nugusummaa dhaalee empaayera Itophiyaa jijjiirraa kabeebsaan jireessuuf aangootti ol bahes, mootummaa isa dura ture dhumiinsa sababa hongeen dhaqqabeef abaaruu fi balaaleffatuun aangoo humnaan argate ittiin jabeeffatuuf itti gargaarame malee furmaatni argamsiise hin mul’atne.
Mootummaan Dargiis mirgi ummatootaa kabajamuu, mirgi lammiileen walabummaan hojjatanii jiraatuu tikfamuu irraa dantaa waan hin qabneef empaayerittii keessaa beela dhabamsiisuu hin dandeenye. Waan taheef bara Dargiis beela xiqqaatu marroo lama mudateen ummatootni miidhamuu jalaa hin baraaramne. Sababa beelaan biyya ollaatti baqaan godaanuun itti fufe. ijoo-dubbii-abo-hagayya-31-2015
Comments»
No comments yet — be the first.