Oromia (WBO): Oduu gammachiisaa injifannoo gootichi warraana Oromoo WBOn goonfate August 7, 2016
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, Oduu Tarkaanfii WBO, Oromia, Oromo, WBO
trackback
Oduu gammachiisaa injifannoo gootichi warraana Oromoo WBOn goonfate
Gootichi Humni Ittisa Ummataa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Suluula Fincaa’aa Naannoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aatti Qondaalota waaranaa wayyaanee haleele.
Humni Ittisa Ummataa Godina Horroo Guduruu Suluulaa Fincaa’aa naannawa Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aatti tarkaanfii haleellaa Waraana Agaazii Wayyaanee Mana Nyaataa Baamboo Baar jedhamu keessatti argaman irratti tarkaanfii fudhateen hogganoota waraana wayyaanee 7 ol madeessuun miidhaa ulfaataa irraan gahee jira. Manni nyaataa bakka qubannaa fi nyaataa waraana wayyaanee ta’e kunis guutummaatti barbadaa’eera.
Manni nyaataa kun qabeenya dabballee wayyaanee Makonnin jedhamuu fi haadha warraa isaa loltoota diinaa sooruun beekamtu Dinqee jedhamtuu yoo tahu, osoo hogganoota waraana wayyaanee sooraa jirtuu humna ittisa ummataatiin tarkaanfiin irratti fudhatamee madeeffamuun haala hamaa keessa akka jirantu barame.
Humnoonni murna weerartuu guutummaa Oromiyaa keessaa hatattamaan bahuu akka qaban kan akeekkachiise gootichi Humni Ittisa Ummataa, humnoota hidhattootaa diina ummata Oromootti roorrisaa jiranii fi ergamtoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatu hanga Oromiyaan bilisoomtutti jabeessee akka itti fufu beeksisee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo godina bahaa tarkaanfii gumaabaas fudhateen Agaazii ummata keenya ajjeessaa jiran keessaa 13 dacheetti dabaleera.
Tarkaanfii gumaabaas WBO kanaan Konbolcha keessatti Agaazii lama; Awaday keeysatti agaaziin tokko, Dirree Dawaa keeysatti Agaaziin lama, Qobboo keesatti Agaaziin lama, Dadaritti Agaaziin sadi, ciritti Agaaziin lama, Baddeeysaatti Agaaziin afur, wataritti Agaaziin sadi, walumaa galatti, waraanni Wayyaanee kan fedelaa kudha sadi ajjeefamanii jiru.
Hagayya 07,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa Lixa Harargee Ona Odaa Bultum araddaa Koluutti humna goolessituu wayyaanee agaazii irratti dhukaasa bane 4 ajjeesee 2 madeessee jira. Qawwee AK 3 fi bombiin harkaa 2 dhuunfatameera.
Comments»
No comments yet — be the first.