Saaphaloo Karriin

CalanqooGalmee injifannoo si yaa dirree duulaa,

Gootummaa abbootiin si keessatti laala,
Dhiigni galaanawee sirra yaa’e akka lolaa,
Bar dhibba caalaa, lafee dhabde awwaala,
Hanga arraa haffiggaan aduu si affeelaa,
Turte gaa aabboo koo taate lafee callaa,
Arra qubbii arkattee sii dhaabne gaaddisa,
Quuqaa garaa keetii naatu sirraa buqqisa.
…………………………………………
Arra ilmaan kankee si yaadachaa jiranii,
Kaabaaf kibbaa, hundaa walitti dhufanii,
Bahaaf dhihaan hafnee sirratti marsanii,
Yaa calanqoo calii, lafee bobeeysanii,
Tan jechaadha turan san afoola afaanii,
Arra hundi dhufee sirratti wal gahanii,
Oromootaaf himi seenaa gaafa kaanii.
Siin baana tulluu qeerreensaa,
Nuu himi gaa seenaa kaleessaa.
Gootummaa fi tooftaa darbata eeboo,
Tokkummaa saani, gamtaa akka daboo,
Himi dachii duusee, akkatti reeffi abboo,
YAA CALANQOO LOLAA