Oromia (Gincii): Barattoonni Magaalaa Giincii fi naannawaashii hiriira bahuun karoora Maaster pilaanii Finfinnee balaaleeffatan. November 13, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: #OromoProtests, Genocidal Master Plan, Master Plan is Master Killer, Oromo Students Protests, SAY NO
3 comments
(OMN:Oduu Sadaasa 12,2015): Godina Shawaa lixaa aanaa Ginciitti, barattoonni mana barumsa sadarkaa 2ffaa Gincii, maastar pilaanii Finfinneerratti, mormii jabaa dhageesisaa ooluu isaanii himame.
Mastar pilaanii Finfinneetiin wal qabatee, godina Shawaa lixaa aanaa Ginciitti, barattoonni mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa guyyaa hardhaa Sadaasa 12 bara 2015 mormii jabaa dhageesisuu isaanii himamee jira.
Barattoota mormii kanarraa qooda fudhatan keessaa barataan tokko akka nuuf himetti, dhimma maastar Pilaanii Finfinneerratti, guyyaa hardhaa ganama irraa jalqabee haga waaree boodatti mormii jabaan geggeeffamaa oolee jira.
Mormiin kun kan jalqabe barattoota mana barumsa sadarkaa lammaffaa Ginciitiin yoo ta’u, boodarra ammoo mormiin kun itti fufuun barattota sadarkaa tokkoffaallee akka dabalate ibsame.
Mormiin bifa haaraan jalqabe kun, mooraa mana barumsichaatiin alatti, babaldhachuun, daandii magaalaa gubbattis itti fufee akka oole barataan kun nutti himee jira.
Mormiin amma barattotaan eegalame kun, mormii bara darbeetiin kan wal fakkaatuudha kan jedhu barataan kun, mormii kanaan miidhaan dhaqqabe yeroodhaaf jiraatuu baatus, garuu humnotiin tikaa mootummaa barattota kana bittinsuuf yaalaa akka turan dubbatee jira.
Dhaadannooleen adda addaa dhageessifamaa kan ture yoo ta’u, maqaa misooma biyyattiif jecha, qotee bultoonni lafaa fi qabeenya isaaniirraa buqqifamuu hin qaban.
Mormii bara 2014 darbeen wal qabatee, gumaan barattoota ajjeefamanii kafalamuu qaba.
Humnootiin tikaa gara laafinna tokko malee barattoota mormii nagaa dhageesisaa turan irratti, tarkaanfii ajjeechaa raawwatan seera duratti dhihaachuu qabu jechuun, barattoonni kun dhaadannoo dhageesisaa ooluu isaanii ni dubbata.
Wyta ammaa kana magaalaan Gincii humnoota tikaa mootummaatiin guuttamtee akka jirtus ibsame.
Mormii dhalatee kanaan yeroodhaaf manni barumsaa cufamee akka jirus barataan kun nutti himee jira.
Haga nuti barataa kana dubbifnetti, sagaleen mormii jabaa dhagahamaa kan ture yoo ta’u, humnootiin tikaa mormii kana dhaabsisuuf tattaaffi gochaa akka turan ibsee jira.
Maastar pilaanii Finfinneetiin wal qabatee, mormiin barattootaan dhageesifamaa jiru kun, magaalaawwan magaalaa Finfinnee jalatti akka deebituuf karoorfame, baldhinni lafa isaa walii galatti, hektaara miiliyoona 1.2 yoo ta’u, magaalota 37 kan uf jalatti ammatuudha.
Magaalaaleen kunniin aanaalee 37 kan ufi jalaa qabu waan ta’eef, aanaaleen kun muramee magaalaa Finfinnee jalatti kan deebi’u yoo ta’e, qotee bultoonni Oromoo hedduun, lafaa fi qabeenya isaaniirraa kan buqqifaman ta’uunis himamaa jira.
Mootummaan biyya bulchaa jiru, mismooma qindaawaa magaalotaa jechuun, sadarkaa tokko haga shanitti qooduudhaan, saamicha lafaa geggeessuuf kan karoorfate yoo ta’u, tarree durraarratti magaalonni argaman, Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Daadhii, Laga Xaafoo, Galaanii fi kan biroo akka ta’an dubatamaa jira.
Kana males, magaalota akka Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Sandaafaa, Caancoo, Holotaa, Tajii, Caffee Donsaa, Qooqaa fi kan biroorratis, karoorfamuu isaa keessa beektonni ibsaa jiru.
Adeemsa keessa karoorri kun hujitti kan jijjiiramu yoo ta’e, jireenni qotee bultoota hedduu haalan yaaddessaa ta’uulleen himamaa jira.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.
You must be logged in to post a comment.