Posted by OromianEconomist in Uncategorized .
Tags: #OromoProtests , Ambo , Giddaa Ayyaanaa , Gincii , Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoo , Mandii , Oromo Students Protests
Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.
Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo
Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.
Guyyaa har’a ganama sa’a 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!
http://qeerroo.org/2015/11/25/breaking-news-guyyaa-haraa-sadaasa-252015-gootootni-qeerroon-barattootni-oromoo-godina-lixa-shaggar-magaalaa-amboo-mormii-maaster-palanii-finfinnee-fi-gaaffii-mirga-saba-oromoof-fdg-bifa-adda-ata/
Barattooni fi uummani godina Wallagga Lixaa magaala Mandii guyyaa 25/11/2015 FDG dhoosuun dhaadanno cimaa dhageesisaa Oolan:-
*karoori maaster pilani dhaabachuu qaba.
*Q tee bulaan lafaa isaa irra ka’e ala buluu hin qabu.
*Brattooni oromoo mirga isaanif falman yakka tokko malee hidhamaa du’aa turaniifi ta’aa jiran haa dhabbatu.
*Finfinnee keessatti manni baruumsaa Afaan Oromoo haa banamuu.
* Afaan Oromoo Afaan sabni uummati miliyoona 40 ol waan dubbatuuf akka Afaan Amaaraa afaan ojii federaalaa haa ta’u.
* Barattooni magaala ginci namooni 80 ol yakka tokko male oromoo ta’u isaanif qofa hidhaman atattaman akka gadi nuf lakkifaman.
Dhaadannoo kan armaa olii fi kan kana fakkatan dhageessisaan. sirboota qabsoo Oromoo jajjabeesus wallisuun. karaa konkolaata baha gara dhiha Asoosatti darbu cufanii gooma konkolaata karaa irratti gubanii hojii boonsa hojjachaa oolani.
Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa FDG Kaasan,Loltooti Mootummaas FDG Dhaamsuuf Jecha Gaaza Summaawaa Dhimma Bahaan.
Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII FDG Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuun Fincila Dhoosuun Daandii Konkolaataa Magaalicha Keessa Jiru Cufuun Waraanaa Wayyaanee Waliin Wal Dura Dhaabbachuun FDG Dhoosan. Barattootni Oromoo Lama Rasaasa Wayyaaneen Rukutamuu Maddeen Keenya Gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Magaalaa Mandii sadarkaa 2ffaa hanga sadarkaa 1ffaatti jiran Fincilli Kun Akkuma kan Magaalaa Amboo
Eeggichaa guddaan humna Waraana WayyaaneMagaalaa Mandii fi Dhiha Wallaggaa Irra qubsiifameen humnaa ol eegamaa utuu jiruu, Goototni
barattootni Oromoo Mandii FDG dhoosuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa fi mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota
Oromiyaa akka haqamuu gaafatan. FDG kun Godina Lixa Wallaggaa Aanaawwaan Kanneen akka Mandii, Najjoo magaalaa Najjoo,Qiltuu Karraa,
Gorii fa’aa keessatti uummataa fi barattootaan finiinaa jiraachuun ibsame jira.
Mootummaan abbaa irree Nafxanyaan wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDO jedhamtu gaaffii uummataa karaa nagaan itti dhiyaachaa jiruuf deebii afaan qawwee fi rasaasa gochaa kan jirtu humna waraana Agaazii fi kora Bittinneessaa barattootaatti bobbaasuun dhukaasaa irratti banuun
barattootni lama Magaalaa Mandii keessatti rukutamuu madden keenya gabaasan.
Mootummaan Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata irratti banuun addatti immoo HIRIIRAA MORMII QABSIIFAMEE IRRATTI DHUKAASA GAAZII SUMMA’AA IJA NAMA BOOSISUUN DEEMICHAA NAMA DHORKUU dhukaasuun uummata gooluun warraaqsaa uummataa dura dhaabbachaa kan Olte ta’uu Maddeen ibsame jira. Warraaqsa uummataa fi Gootota ilmaan Sabaa Qeerroo barattoota Oromoon Godinaalee Dhiha Oromiyaa Amboo,Mandii, Giincii, Najjoo ,fi Giddaa Ayyaanaatti qabsiifameen Oromiyaan gara dhihaa Waraanaa fi dirree FDGtti jijjiramaa jirti. FDG kun Godinaalee Oromiyaa fi Maagaaloota Gurguddoo Biyyatti keessatti jaabaatee kan itti fufuuf kutannoo fi murannoo guddaan qabsaa’otni Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo irratti hojjetanii xummuruu ifa godhan. Mootummaan wayyaanee akkuma amaleeffannaa isaa network fi ibsaa dhihaa Oromiyaa irraa balleessuu itti fufee jira, bakka jirtaan hundaa karaa danda’amu hundaan barruulee warraaqsaa walitti daddabarsuun harka wal qabannee ni falmanna.Gabaasaa Itti fufinsa FDG godinaalee Oromiyaa gaggeeffamaa jiruun walitti deebina.Qabsoon haalaan finiinuu eegalee kun kan hin dhaabbanne ta’uu uummaatni dugda duuba jira. hanga KAROORRI MASTER PLAN FINFINNEE fI MAGAALOOTA OROMIYAA haqamutti fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti qabsoon wal irraa hin citnee jabaatee
itti fufa!!
http://qeerroo.org/2015/11/26/lixa-wallaggaa-magaalaa-mandii-mormii-master-plan-finfinnee-fi-labsii-magaalota-oromiyaa-gaaffii-mirga-abbaa-biyyummaa-fdg-kaasanloltooti-mootummaas-fdg-dhaamsuuf-jecha-gaaza-summaawaa-dhimma-bahaa-j/
(OMN:Oduu Sadaasa 25,2015): Haaluma walfakkaatuun Maastar Pilaanii Finfinnee fi labsii dhiheenna kana Magaaloota Oromiyaa Federaala jala galchuuf karoofamee ture irratti, mormiin itti fufuun, Godina shawaa lixaa magaalaa Ambootti babaldhatee akka jiru himame.
Labsii qindaawaa magaalaawwan Oromiyaa Caffee Oromiyaatiin karoorfamee turee fi, mastar pilaanii Finfinnee ilaalchisuun, bakka gara garaatti mormiin jabaan dhagahamaa jira.
Haaluma kanaan godina Shawaa lixaa magaalaa Amboo keessatti, barattoonni manneen barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophahina Amboo hiriira mormii gaggeessaa oolanii jiru.
Humnootiin tikaa mootummaa fi, humnoonni kora bittineessaa, hiriira mormii kana dhaabsisuuf gaaza imimmaan boochisutti fayyadamuun, namoota hedduu irratti miidhaa dhaqqabsiisuu isaanii jiraattonni dubbatan.
Qorataa seenaa fi aadaa kan ta’an, Obbo Tafarii Nugusee wayta ammaa kana Ambo irraa yaada nuuf kennaniin, barattoonni gaafiilee sadii kaasaa jiraachuu fi, dhaadannoolee adda addaa dhageesisaa akka jiran himanii jiru.
Mormii ka’e kanaan, manniin baruumsa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalaa Amboo keessatti argamu cufamee jira.
Barattoonni yunivarsiitii Amboos hiriira kanatti makamuu malu soda jedhuun, eegumsa cimaa keessatti kan argaman yoo ta’u, sa’aa tokko oliif ammoo yuniversiitichi barumsa addaan dhaabuullee himan.
Wayta mormiin kun eegalamee turetti, yuniversiitii Amboo seenuus ta’ee bahunis hin danda’amne kan jedhan obb Tafariin, sa’aatiilee muraasaan booda garu barumsi eegalee jira.
Manniin barumsaa biroo kan magaalattii keessatti argaman akkuma cufametti jiraachuun himame.
Gaafileen baratoonni Amboo kaasaa turan, bosonni Cillimoo maalif cirame?, bosonni kun ciramuu hin qabu jechuun, baratonni mormii dhageesisuun baruumsa isaanii irra ari’amanii turan barumsatti maaf deebi’uu dhabanii? fi, mastar pilaaniin Finfinnee harka lafa jalaan hojirra oolaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhudhaa.
Jiraataan magaalaa Amboo tokko ammoo akka jedhanitti, wayta ammaa kana daandiin magaalaa Amboo loltoota mootummaatiin cufamee jira. Haalli magalaattii keessatti muldhataa jiru gar malee yaaddessaadha.
Torbaan darbe kana keessa mormii godina Shawaa lixaa aanaa Daandii magaalaa Gincitti jalqabamee tureen, namoonni 80 ol hidhamuu isaanii kan jiraattonni nutti himan gabasuun keenya ni yaadatama.
Kominikeeshiiniin komishiinii poolisii Oromiyaa ibsa ‘’VOA’’f kennaniin ammoo magaalaa Gincii keessaa, barattoonni hidhaman 14 qofa. Namoota 70 hidhaman kan jedhamu sirrii akka hin taane dubbatanii jiru.
Mormii Gincitti jalqabamee tureen, yoo xiqqaate namoonni 80 ol kan hidhamnii fi, ammayyuu namoonni qabamanii hidhaaf barbaadamaa akka jiranis jiraattonni dubbatanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa naatoo uummata Oromoof hinqabne, murtee dogongoraa dabrsee itti deemaa jiru kana, hatattamaan dhaabee fedhii uummata Oromoo kabajuu baannaan, guutummaa Oromiyaa keessatti rakkinoonni akkaan hamaa ta’an uumamu akka malu tajjabdoonni siyaasaa hubachisaa jiru.
Gabaasaan Usmaan Ukkumee ti.
Usmaan Ukkumeetiin qindaaye.
https://www.oromiamedia.org/2015/11/barattoonni-magaalaa-amboo-hiriira-mormii-gaggeessaa-oolan/
https://www.oromiamedia.org/2015/11/omn-oduu-sad-25-2015/
VIDEO
Hiriira Barattoota Oromiyaa Keessaa fi Deebii Mootummaa
Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Ambo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.
Hiriira barattootaa Oromiyaa
Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan – jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif, qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.
Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti, Abbaan Deemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.
Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.
Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.
http://www.voaafaanoromoo.com/content/oromo-protest-land-grab/3073756.html
Sadaasa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Najjoo
Akkuma beekamu har’a FDG lixa Oromiyaa fi giddu galeessatti haala Wayyaanee yaaddeesseen eegalee jira. lixa wallaggaa Najjoo fi Mandii irratti akka eegale gabaasnee jirra. Magaala Najjoo irratti manneen namootaa sakatta’amaa jira humnaan dirqiisiifamee, manneen barsiisotaa akkasuma sakata’amaa jira. barataan tokkkos humna federaala Wayyaaneen reebichi hamaan irratti raawwatee haala yaaddeessaa keessa jiraachuun gabaafameera. Magaala Mandii irratti hiriira mormii taasifameen waraanni wayyaanee mormii kana dura dhaabbachuu irrayyuu dhukaasa baneen namootni lamaa olis madoo tahanii akka jiran gabaasaan addeessaa jira. magaalota kanneen lamaanitti ijoolleen hedduun hidhamaa akka jiranis gabaasanii jiru. Itti fufuudhaan magaala Dambi Doollootti humni waraana wayyaanee diddaan achittis ka’a jedhamee waan shakkaniif har’a waraanni achitti ramadame uummanni nurraa deemaa isin hin barbaannu jechuunis fincila kaasan. Har’a ganama irra kaasuudhaan magaala DD keessa humni waraanaa buufate jira. poolisoonni fi milishootni gara uummataa dhaabbachuun diddaa uummataa deggeran.
Posted by OromianEconomist in Africa , Ambo , Finfinne is Oromia's land , Finfinnee , Finfinnee is the Capital City of Oromia , Finfinnee n Kan Oromoo ti , Genocidal Master plan of Ethiopia , Jen & Josh (Ijoollee Amboo) , No to land grabs in Oromia , No to the Addis Ababa Master Plan , NO to the Evictions of Oromo Nationals from Finfinnee (Central Oromia) , Oromia , Oromia wide Oromo Universtiy students Protested Addis Ababa Expansion Master Plan , Oromian Voices , Oromians Protests , Oromiyaa , Oromo and the call for justice and freedom , Oromo Nation , Oromo Protests , Oromo students movement , Oromo students protests , Oromo University students and their national demands , Oromummaa .
Tags: #OromoProtests , Africa , African Studies , Finfinnee , Oromia , Oromiyaa , Oromo , Oromo News , Oromo people , Oromo University Students And Their National Demand , Oromummaa
Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.
http://qeerroo.org/2015/11/25/breaking-news-guyyaa-haraa-sadaasa-252015-gootootni-qeerroon-barattootni-oromoo-godina-lixa-shaggar-magaalaa-amboo-mormii-maaster-palanii-finfinnee-fi-gaaffii-mirga-saba-oromoof-fdg-bifa-adda-ata/
Barattoonni Magaalaa Giincii fi naannawaashii hiriira bahuun karoora Maaster pilaanii Finfinnee balaaleeffatan.
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/11/13/oromia-gincii-barattoonni-magaalaa-giincii-fi-naannawaashii-hiriira-bahuun-karoora-maaster-pilaanii-finfinnee-balaaleeffatan/
https://www.oromiamedia.org/2015/11/barattoonni-magaalaa-giincii-fi-naannawaashii-hiriira-bahuun-karoora-maaster-pilaanii-finfinnee-balaaleeffatan/
Oromia (Finfinnee): KFO fi Fincila Diddaa Saamicha Lafaa (FDSL). The public meeting convened by Oromo Federalist Congress (OFC) in Finfinne on Sunday, October 18, discussed the so called the ‘Master Plan’ and conclude that it is a land grab policy disguised as a development plan and called on Ethiopian authorities to halt it, and on the public to continue rejecting it.
“Siyaasi guddaan siyaasa lafaati. Namni lafa isaarraa buqqa’e eenyummaan isaas achitti dhaabbate.” Dr Maraaraa Guddinaa
“Dubbiin Lafaa Dubbii Lafeeti.”
Obbo Baqqalaa Garbaa
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/10/18/oromia-finfinnee-the-public-meeting-convened-by-oromo-federalist-congress-ofc-in-finfinne-on-sunday-october-18-discussed-the-so-called-the-master-plan-and-conclude-that-it-is-a-land-grab/
Mootummaan EPRDF(TPLF) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa To’achuuf Baasee Caffeen Oromiyaa Raggasiise Guutummaatti Dura Dhaabbachuun Qeerroon Bilsummaa Ibsa Qabxii 8 Baase.
Onkoloolessa 12,2015
Finfinnee
Sochiin Dargaggoota Oromoo Biyyoolessaa (Qeerroon Bilisummaa Oromoo) Labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuuf labsame Caffeen Oromiyaa raggasiise duula Oromoo qe’ee isaa irraa balleessuu fi diigumsa Oromiyaarratti raggaasifame dha jechuun gadi jabeessee balaaleffachuun ibsa ejjennoo qabxii torba dabarsan.
Duula lammiilee Oromoo dhabamsiisuu fi Biyyaa Balleessuutu Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labsame.Labsii mootummaan Wayyaanee maqaa OPDOn Caffee Oromiyaa teessisuun yaa’ii Onkololessaa 1-3tti taa’ame irratti labsii Master Plan Finfinnee mirkaneessuuf taa’ame , Finfinnee dabalatee Magaalotni Oromiyaa hundi akka harka mootummaa EPRDF/TPLF’n to’atamutti raggaaasifamee waan jiruuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhimma labsii Caffeen Oromiyaa dabarsee kana gadi jabeessuun balaaleffachuun ibsa murtii qabasoon dura dhaabbachuu baase!!
Jaarmiyaan Sochii Dargaggoota Oromoo biyyoolessaa ykn Qeerroon Dargaggootni Barattootni Oromoo labsii kana yeroo dhageenyutti Oromiyaan, Uummatni Oromoo, Aadaan,Afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas qabeenyi Oromoo ,sirni Gadaa Oromoo, hawaasummaan,barnootaa fi dinagdee Oromoo harka sirna garboomsaa EPRDF/TPLF ‘n kan to’atamu ta’uu waan nutti muldhateef gadi jabeessuun balaaleffanne.
Labsiin Kun akkuma bara 2014 Qeerroon, Barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo mormii master Plan Finfinnee,Magaalota naannawaa Finfinnee fi Magaalotaa gurguddoo Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Neqemtee, Gimbii, Walisoo, Adaamaa, Shaashamannee,fi Harammayaa to’achuun bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin akka to’atamtuuf kan itti yaadamee as baheedha jechuun gaaffii iyyannoo keenyaa lakkoofsa 1ffaa hanga 9ffaatti jiru keessatti kallattii hundaan dhiyeeffannee sagalee guddaa fi wareegama qaalii itti kanfaluun kan dura dhaabbatnedha. Yoo xiqqaatee ilmaan Oromoo 280 olitti lakka’aman wareegamakanfalaniiru, ilmaan Oromoo kumootaan lakkaa’aman manneen hidhaa biyyatti garaagaraa keessatti jumlaan hidhamuun dararaa ulfaataa argaa kan jiranii fi barattootni Oromoo dhibbootaan lakka’aman barnoota isaanii irraa arii’atamaniru. Labsiin raggasifame kunlLabsii wareegama ilmaan Oromoo irra tarkaanfatee afaan qawweetti abdachuun Oromiyaa diiguu fi ilmaan Oromoo shororkeessuun jireenya dhorkatuu fi labsii seenaa keessatti yakka ol-aanaa ta’e baasuu fi raggaasisuun Caffee Oromiyaa Wayyaaneen dhaabde itti gaafachiisu dha. Uummanni Oromoo labsii raggaasifame kana tokkummaan dura dhaabbachuun aduunyaa jiru mara keessatti mormiin akka dura dhaabbachuun barbaachisaa dha. Gahee abbaa biyyummaa fi mirga tikfachuu qabnu mara kafaluun mirga keenyaa fi mirga biyyaa keenyaa kabachiifachuuf ibsa armaan gadii uummata Oromoo hundaaf dabarsuuf dirqamnee jirra!!.
1. Nuti Qeerroon dargaggootni Oromoo mootummaan Wayyaanee maqaa master Palan jedhuun duula uummata Oromoo irratti bane jiru kan Caffeen Oromiyaa raggasise, Balaaleffachuun kallattii hundaan FDG finiinsuun mirga keenya akka falmatnu dhaammatna. Akkuma Irreechaa Hora Arsadee fi malkaa Ateetee irratti tokkummaa isaa jabeeffate diina rifaasisaa ture; akkasumas wal arguun dhimmoota labsii duguuginsa sanyii fi diigumsaa Oromiyaa irratti labsamee raggasifame kana balaaleeffachuun walleelee warraaqsaa fi sagalee dhaadanoo mormii guddaa dhageesisuun, labsiicha balaaleffatan kun waadaa guddaa waadaa Oromummaa waliif seenuun labsii diinaa ni fashaleessina,bakka hundatti mirga Oromoo ni kafachiifna,ni falminas jechuun waadaa mirga namoomaa fi Oromoo tiksuuf qabdanii haaromfattan kabajuuf qophii haa taanu jechuun Qeerroon dhaamsa dabarsa.
2. Caffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa Onkololessaa 1-3tti taa’een seenaa gurracha fokkataa hojjechuun Master Plan Finfinnee raggasisuu irra darbee Magaalota Oromiyaa hunda dabarsee gurguree jiru kun uummata Oromoo kan bakka hin buune fi uummata Oromoof kan hin dhaabbatne ta’uu kan muldhisuu yoo ta’uu yakkaa ulfaata Oromoo fi Oromiyaa irratti raggasisee kana hattamaan irra deebi’uun akka haquu gadi jabeessinee gaafatna. Yoo labsii Wayyaanee EPRDF/TPLF kan qopheesse hin haquu ta’ee Caffeen Oromiyaa ofiin jedhuu yakkamaa ol anaa ta’ee seeratti akka dhihaachuu qabu uummanni Oromoo bakka jiruu irratti hojjechuu qaba jenna.
3. Yakka ajjeechaa fi saaminsa,akkasuman dararaa haraa hundaan mootummaan EPRDF/TPLF uummata Oromoo irratti fudhachaa turee fi jiruu, akkasumas yakka fulduratti uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo irratti fudhatamuuf Caffeen kun itti gaafatama guddaa jala jiraachuu Qeerroon hubachiisa!!
4. Miseensotni Caffee Murtii qomoo Oromoo balleessii Uummata irratti dabarse kun kan isaan jiraatan uummata Oromoo sadarkaa aanaa jiru keessa ta’uu beekuun Uummatni Oromoo dargaggootni Oromoo, hojjettootni Oromoo, Barattootni Oromoo, qonnaan bultootni Oromoo, ogeessootni fayyaa Oromoo , Poolisootni Oromoo , humni raayyaa ittisa biyyaa Oromoo taatanii fi hojii dhabdootni Oromoo yakka miseensota Caffee Oromiyaa uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaa jiran dura akka dhaabbattan.
5. Uummatni Oromoo hundi Oromiyaa diigamaa fi gurguramaa jirtu, Saba Oromoo jumlaan ajjeefamaa, hidhaamaa fi jiruuf barnootarraa arii’atamaa jiru, uummata keenyaa qe’ee irraa buqqa’aa balaa beelaan haleelamaa jiruu garaa maalitu nuuf ta’aa? Kanaaf haalduree tokko malee yeroon gamtaan kaane falmannuu amma Oromoo harka walqabadhuun ka’ii!!
6. Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo hundi Labsii uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labsame kana utuu arginuu teenyee wal irratti ilaaluun itti gaafatama guddaa jala waan isin galchuuf, Oromoon kan qabsaa’uuf, Uummata isaa waanjoo garbummaa keessa jiru bilisa baasuu fi Oromiyaa harka abbaa irree keessatti qawween, saamamaa eegamaa turtee kana walaboomsuuf yoo ta’u, Erga biyyi ciicciramtee diigamtee maaliif akka qabsaa’amuu fi eenyuuf akka qabsa’amu gaaffii keessa waan isin galchuuf yeroon harka walqabatnee labsii waloon Oromiyaa fi Oromoo irratti labsame raggasifame kana waloon kaanee dura dhaabbachuun falmannuu amma ta’uu hubachuun waamicha lammummaa gadi jabeessuun isiniif dabarsina!!
7. Poolisootni Oromoo, korri bittinneessaa Oromiyaa, Milishoonnii Oromiyaa fi ilmaan Oromoo Raayyaa ittisa biyyaatti keessatti argamtan labsii Master Plan Finfinnee fi Magaalaalee Oromiyaa to’achuuf labsame raggasifame kana dura akka dhaabbattan waamicha keenya isiiniif dabarsina. Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Humnoota caqafaman kana irraa meeshaa hidhannoo waraanaa hiikkachiisuu waan danda’uuf bakka jirtaan hundatti dammaqiinsaan of eeggannoo gootanii duula saba Oromoo irratti baname akka balaaleffattanii mirga saba keessanii falmattan jechuun waamicha keenya isinii goona . Jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsii Master Plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa to’achuu fi Uummata Oromoo jumlaan hidhuu,fi aajjesuuf qophaa’e kana kutannoo fi muratnoodhaan dura dhaabbachuun falmachuutti kan jirruu ta’uu ibsa qabxii torba dabarfachuun labsii uummata keenyaa fi Oromiyaa irratti raggasifamee gadii jabeessuun balaaleffanna!!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaati!!
Onkoloolessaa 12/2015
Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF Master Plan Finfinnee Bara Haarawaa As Adeemu Irraa Eegaluun Hojii Irraa Kan Oluu dha Jechuun Kenne Ilaalchisuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Gadi fageenyaann Balaaleeffachuun Ibsa Qabxii Torba Qabu Uummata Oromoo Hundaaf Dabarse.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 3,2013 Finfinne
Dhimmi Master Plan Finfinnee Uummata Oromoo hunda ilaallata, angawaan Wayyaanee dhiiga ijomaan Oromoo irratti wareegaman dhimma Oromoo lafa irraa dhabamsiisuun yakka duguuginsa Sanyii (Genocide)n wal gitu uummata Oromoo irratti karoorfamedha. Dhimma Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun Finfinnee fi Oromiyaa falmachuu fi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf wareegama qaalii sochii hadhaawaa gaggeessuun wayyaanee dura dhaabbatan ;mootummaan wayyaanee yakka dugugginsa sanyii uummataa Oromoo irratti rawwachaa jiruuf itti gaafatamuu utuu qabuu ammas dhiiga Oromoo dhangalaasuun Master Plan Finfinnee hojii irra ni olchina jechuun uummata Oromoo bittinneesse, lafaaf qabeenyaa Oromoo irra ilmaan isaa qubsiisuun Oromoon bara baraan gita bitta jalaa akka hin baanee fi Oromiyaa dhabamsiisuuf Uummata Oromootti dhaadachaa jiraachuu ifatti beeksifacha jira.
Akeekaa diinaa balaaleffachuu fi Finfinnee, Oromiyaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Uummata Oromoo kabachiisuuf wareegamaa hadhaawaa fi qaalii baasuuf Qeerroon bilisummaa Oromoo kutannoo fi murannoodhaan qabsoo gitaa fi FDG ‘n wayyaanee abbaa irree murna EPRDF/TPLF dura kan dhaabbatu ta’uu ibsuun ; UUMMATA OROMOO HUNDAAF Ibsa ejjennoo qabxii torba of keessa qabu dabarse. ibsa-qeerroo-bilisummaa-oromoo-fulbaana-3-2015
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/09/01/maaster-pilaanii-finfinnee-hojiirra-oolchuuf-dhaadatuu-eegalan-tplf-ethiopias-genocidal-plan-against-the-oromo-people/
Hagayya 11, 2015 irraa kaasee hojjettootni Warshaa sukkaaraa Finca’aa gaaffii mirga namummaa fi Dimookiraasii gaafatneef hangaa deebii argannuutti FDG egallee jirruu itti fufna jechuun FDG fi gaaffiin keenyaa nuuf haa deebi’uu jechuun guutummaatti hojiin Warshaa shukkaaraa Fincaa’aa dhaabbatee jira.
Hojjettootni Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hundi guyyaa kaleessaa irraa eegaluun Hojii warshichaa guutummaatti dhaabuun FDG jabaatee itti fufee jira, Guyyaa har’as bulchiinsii Warshaa sukkaaraa sochii FDG hojjettootni kun godhan irraa naasuu fi soda guddaa keesssa seenuun hojjeettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa tasgabbeessuuf yaaliin guddaan godhamullee Qeerroowwaan dargaggootni Oromoo , Uummatni, hojjettoottni warshaa sukkaaraa Fincaa’aa hundi hojii warshichaa dhaabuun gaaffii mirga namummaa fi dimookiraasii finiinsan. Torbanoota darban keessa Dhimma ilmaan Oromoo hojjettoota Warshaa Shukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa Arii’atamuu fi Gaaffii mirgaa kaachisuu ‘’Hagayyaa 06/2015 Hojjettootni Oromoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa keessaa hojjechaa turan Oromummaan yakkamuun arii’atamuu’’ gabaasuun keenyaa ni yaadatama, sarbamuu mirga uummataa keenyaa fi uummatni keenyaa mirga isaa sarbamaa callisee akka taa’uu hin qabne hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Horroo guduruu jala bu’uun falmii gaggeessuu irratti argama, haaluma kanaan uummaatni keenyaa gaaffii mirgaa tokkummaan finiinsuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa itti fufee jira, Uummatni Oromoo qindeessuummaa qeerroo Bilisummaa Oromoon sochii isaa jabeeffachuun gaaffiiwwaan bu’uuraa armaan gadii bu’uuraa godhachuun mootummaa wayyaanee abbaa irree irratti FDG itti fufee jira.
1. Mirgi namummaa fi dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba,
2. Mirgii biyyaa abbaa keenyaa keessaatti nurraa sarbamee nuuf kabajamuu qaba.
3. Haal duree tookko malee hojjeettootni warshaa Suukkaaraa Fincaa’aa irraa Oromummaan yakkamanii arii’aman hojiitti deebi’uu qabu.
4. Oromummaan yakkamuun hojii irraa arii’atamuun, hidhamuu fi doorsifamuun atattamaan dhaabbachuu qaba.
5. Mootummaan wayyaanee Ilmaan Oromoo hojjettoota warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa hojii irraa arii’uun , ilmaan saboota biiroo ulaagaa tokko
malee namoota 250 fidee bakka ilmaan Oromoo arii’amni qacaree yeroo gabaabaa keessaatti carraa guddinaa fi sadarkaa kennaafi jiruu
atattaamaan dhaabuun tajajillii seeraa qabeessi hojjetoota hundaaf wal qixa kenaamuu qaba.
6. Daballiin miindaa hojjettoota warshaa Sukkaara fincaa’aa haalaa hin eegamnee gadi bu’ee waan jiruuf hojjettootni Warshichaa haala jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif daballiin miindaa jiruuf jireenya hojjeettootaaf mijataa ta’ee akka kennaamuuf kanneen of keessaa qaban gaaffii mirgaa kaachisuun hiriiraa ba’uun sagalee mormii guddaa dhageesisaniru.
Hagayya 13, 2015 Finfinnee
Godina Shaggar Lixaa aanaa Qarsaa Malmaa ganda Hagaroo Waliboo jedhamu keessatti waldhabbiin dargaggoota Oromoo fi milishoota Wayyaanee jidduutti ta’een FDG ka’uu Qeerroon gabaase, Hagayya 12,2015 sochiin Qeerroo jabaachuu irraatti hidhattooti Wayyaanee manneen uummataa irra deemuun jiraattota reebanii hiraarsuun ijoollee keessan fidaa isaantu mootummaaf bitamuu dide sababaa jedhuun namoota hedduu qabanii reebaa jiru,keessatti namni guddaan Obbo Birraa Badhaasoo jedhmu bulchitoota gandaa fi hidhattootaan reebamuu irraa miidhami guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon gabaasa. Kana malees mana jireenya uummataa irra deddeemuu fi sakatta’uun qabeenya uummataa saamaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa. Haalli kun hammaachuu irraan hanga ammaa diddaan dargaggootaa fi jiraattota naannoo itti fufee bulchitoota Wayyaanee haalaan yaaddessee akka jiru beekama. Kana malees Shaggar kaabaa Kuyyuutti har’a waraqaan qabsoo faffacaate.
Wayyaanen farra Oromooti Lafti ummata samamun haa dhaabbatu
Wayyanen saamtuu fi hattuudha
Qonnan bulaan lafa isa irra hin buqqa’in
Manni qonnan bulaa diigamu hin qabu
Oromon lafa isaa buqqa’un haa dhaabbatu.
Jedhame waraqaan daandii irratti faffaca’ee jiraachuu qeerroon addeessa. Poolisooni naannoo dhimma kana qorachuu fi yaada uummata baruufis
qorannaa adeemsisu jirti. Gaaffin uummata kan mirgaa yoomu kan hin
dhabbannen itti fufee jira.
Gabaasa Qeerroo Hagayya 13, 2014 Teeppii
Walgayiin dabballoota abbaa irree Wayyaanee naannoo Kibbaa godina Shakkaa, magaala Teeppiitti Hagayya 11,2015 adeemsifamuu ture sochii Qeerroo fi dargaggoota naannoo Kibbaa magaala Teeppitin feshalaa’e.
Odeessa Qeerroo aanaa Sidaamaa irraa ibsuun, bulchitootni aanaa fi magaala Teeppii dhimmi nageenyaa fi misoomaan walgayiin uummata jiraattota magaalaa waamameen gaaffiin mirgaa ka’uudhaan walgayiin feshelaa’e. Dargaggoonni magaala kanatti argamaniin gaaffii mirgaa kaasuun
– Gaaffiin mirgaa gaafannu deebii argachuu qaba
– Nagaa uummataa kan booresse mootummaadhuma wayyaaneeti
– Maqaa filannoon kanneen hidhamanii fi reebaman itti gaafatamni
mootummaadhuma tahuu qaba Fi kkf gaaffiin ka’een hidhatootni fi poolisoonni gaaffii dargaggootaa deggeruudhaan walgayiin akeekames feshalaa’uu Qeerroo gabaasee jira.
Haaluma kanaanis magaalota kanneen akka Hawaasaa, Sidaamaa fi Walaayittaa Sooddoo keessa gaaffiin mirgaa itti fufe. Hojjetootnis hojii dhaabuu fi maqaa filannoon miidhaan mootummaan hawaasa irratti gaggeessaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhanii fi dhiibbaan mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiru qixa kamiinuu dhaabbachuu qaban jechuun gaaffiin mirgaa hojjetoota mootummaa, uummataa fi dargaggoota deggereen ka’ee jira.
Haggayya 08, 2014 Naqamte
Guyyaa kaleessa Hagayya 7,2015 mootummaan abbaa irree Wayyaaneen/Tigray Uummata magaalaa Naqamtee dhaloota irraa dhalootatti naannicha jiraataa turan maqaa Investeraaf bakka kennuu fi plilaala malee mana ijaaraa turtan sababa jedhuun seeraan ala mana jiraattootaa diigaa jiru.
Kutaa bulchiinsa Bakkee Jamaa naannoo Yuunibarsiitii Wallaggaa ganda 07 fi naannoo masaraa Kumsaa morodaa maqaa green area jedhuun manneen dhibba afurii ol diiguuf saganteessan itti fufee Hagayya guyyaa 6 fi 7, 2015 duulli faccifannaa ykn qabsoon warraaqsa bilisummaa uummataa kutaa Bakke Jamaarraa kan Wayyaanee fi ergamtoota isaanii OPDO kan isaan mudate yeroo ta’u kana irrattis yeroo ta’u amma naannoo Yuunibarsiitii 07 manneen pilaastikaan ijaaraman kan diigamaniifi manneen biroo haala qindawaa ta’een ijaaramanis akka diigamuu qaban akeekkachiisi itti kennameera.
Keessaayyuu kan nama dhibu immoo utuu humna waraanaa isinitti hin bobbaasin diigaa jechuun akeekkachiisaa jiraachuun Wayyaanee dhumashee ta’uuf mallattoo fi Abdii kutannaa cimaa ta’uu ilmaan Oromoo walabummaa fudhanne tti himuu barbaanna.
Manni Abbaa fi haadha ofii yeroo diigamu callisan ilaaluun qaanii waan taa’eef Tokkummaa kaanee yaafalmannu falmachuutu nuuf furmaata!
Oromia (Buraayyuu): Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Burraayyuu Adda Addaa Keessaa Guyyota Arfan Darban Keessa Qonaanan Bultooti 400 Ol Lafa Irraa Buqawuun Diiddaa Jiraatottaa Daran Dabalee Jira.Waraanni Wayyaanees Uummata Adamsee Dararaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase. Adoolessa ( July) 23, 2015
Guutummaatti toora armaa gadii irraa (Read more at):-
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/07/23/oromia-buraayyuu-godina-addaa-oromiyaa-naannoo-burraayyuu-adda-addaa-keessaa-guyyota-arfan-darban-keessa-qonaanan-bultooti-400-ol-lafa-irraa-buqawuun-diiddaa-jiraatottaa-daran-dabalee-jira-waraanni/
Adoolessa 22, 2015 Finfinnee
Qonnaan bulaa, barataa fi hojjetaan garagaraa shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu, Sulultaa, Caancoo, Akaakoo fi kanneen biroonis godina addaa dabalatee dhimmi Master Pilaanii deebi’ee ka’uu hin qabu jechun walitti dhufuun kana duras dhaabbachuuf of qopheessuu Qeerroon gabaasee jira.
Ammos dhimmi Master Palan Finfiinnee kun tooftaa jijjiratee qonnaan bultootaa fi jiraattotaatti waan dhufaa jiruuf qabeenyaa fi mirga Oromummaa keenya kan sarbu dura of qusatnoo tokko malee ni dhaabbatna jechuun qonnaan bulaan aanaalee kanneen irraa ibsuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Tooftaa fi malli mootummaan Wayyaanee saamicha lafaa raawwatuu fi qonnaan bulaa Oromoo balleessuu fi qabiyyee lafaa Oromoo dhuunfachuuf
gama kamiinuu itti wareegamuuf dargaggootni barattootni Oromoo fi uummanni godina kana keessatti har’a dhaamsa waliif dhaamuun yomiyyuu
mootummaa Wayyaanee ofirratti hin goobsinu jechuun murteeffachuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Shaggar Kaabaa aanaa Caancotti halkan Adoolessa 20,2015 halkan waraqaaleen garagaraa magaala keessa faca’an
– Dacheen Oromiyaa kan Oromooti, Oromoodhaan haa bultu,
-Saamtotni fi sobdoonni nun bulchin.
-Mootummaan wayyaanee shororkeessaadha.
-Dinaaf hin jilbeenfannu
-Uummata Oromoo saamuun haa dhabbatu
-Miirri maqaa Master Pilaanii waamu haa dhaabbatu
-Wayyeen diina uummata oromooti
-OPDOn uummata Oromoof hin dhaabbanne
Kan jedhu waraqoonni bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfaman irraan kan ka’e har’a poolisii fi humni waraana federaalaa naannicha qubachuu Qeerroon gabaasee jira.
http://qeerroo.org/2015/07/22/dhimmi-master-plaanii-fi-saamichi-lafaa-tooftaa-jijjiirratee-deemaa-jiru-dura-tokkummaan-dhaabbachuuf-qonnaan-bulaa-barataa-f-hojjettooti-shaggar-kaabaa%e2%80%8f-jiraatan-ibsan/
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Eebba Eebbifamtoota Barattoota Oromoo Ilaalchisuun Qophii Addaa Marsaa 2ffaa Qopheeffachuun Hegeree Qabsoo Oromoo Irratti Marihatan, ABO fi WBOs faarsan. Goototni qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa akeekaa diinni keenya Oromiyaa diiguuf Oromoo balleessuuf, umrii gabrummaa dheereffachuuf maqaa Maaster plan Finfinnee jedhuun yeroo amma kana illee hojii irra olchuuf fiiga waan jiruuf akkeeka karooraa badii balleessii kana fashaleessuu fi karroorrii Oromoo balleessuuf irra deddeebiuun akeekkamaa jiru kun akka haqamuuf yeroon gamtaan dura dhaabbannuu amma waan taeef Uummatni Oromoo bakka jirruu hundaa dammaqinsaan akka bira dhaabbannu jechuun waamicha dabarsana,
Gabaasa Qeerroo Jimmaa Waxabajjii 25,2015
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa qophii bifa adda taeen mooraa Main Campus keessatti qopheeffachuun walaloolee warraaqsaa fi sirboota warraaqsaa garaagaraa dhageesisuun ABO/WBO fi Hoggantoota qabsoo Bilisummaa Oromoo faarsan. Jaal Daawud Ibsaas Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon faarfamee jaalalaa fi kabaja qabsoo bilisummaa Oromoof qaban daraggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa ibsatan. Qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gauufi wareegama kamuu baasuun kan nurraa jiru tauun gadi jabeessuun wal hubachiisaan, keessattuu Jaalalli, tokkummaan fi kabajni Oromummaa fi eenyummaa akka jabaatuuf boqonnaa tokko malee hojjechaa kan turanii fi uummata Oromoo gidduutti addatti immoo dargaggoota gidduutti jijjirama guddaa fiduun milkii guddaa gonfachuu isaanii ibsuun tarsiimoo siyaasaa wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF dura dhaabbatani kan jiran tauu mirkaneessuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuu itti fufan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa fi humnoota tikaa Wayyaaneen eeggichaan hamaan utuu irratti gaggeeffamaa jiruu fi Doorsifamaa jiranii seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti seenaa guddaa hojjechaa jiraachuu ibsatan. Goototni qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa akeekaa diinni keenya Oromiyaa diiguuf Oromoo balleessuuf, umrii gabrummaa dheereffachuuf maqaa Maaster plan Finfinnee jedhuun yeroo amma kana illee hojii irra olchuuf fiiga waan jiruuf akkeeka karooraa badii balleessii kana fashaleessuu fi karroorrii Oromoo balleessuuf irra deddeebiuun akeekkamaa jiru kun akka haqamuuf yeroon gamtaan dura dhaabbannuu amma waan taeef Uummatni Oromoo bakka jirruu hundaa dammaqinsaan akka bira dhaabbannu jechuun waamicha dabarsana, Bakka hundaatti uummatni keenyaa bakka jirruu hundatti dammaqnee Uummata keenyaa dammaqfachuun roorroo mootummaa abbaa irree dura dhaabbachuu amma jechuun waamicha dabarsan.
http://qeerroo.org/2015/06/26/qeerroon-bilisummaa-oromoo-yuunibarsiitii-jimmaa-eebba-eebbifamtoota-barattoota-oromoo-ilaalchisuun-qophii-addaa-marsaa-2ffaa-qopheeffachuun-hegeree-qabsoo-oromoo-irratti-marihatan-abo-fi-wbos-faarsa/
Mormii Caamsaa 30 Bara 2015 magaalaa buraayyuu keessati ta’e keessaa hanga tokko. Sababin mormii bahaniif mani jireenya isani isin deegartoota OFC jechudhaan Wayyaaneen irrati waan diigameef.
On 30 May 2015 residents in Buraayyuu (Central Oromia) protesting the demolishing of their residential houses by TPLF/ Agazi for being the supporters and voting for the popular opposition OFC/Medrek) in the 24 May 2015 General Elections.
Caamsaa 30,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti FDG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon Jabbaachuun Walqabatee barsiisotni Oromoo kan keessatti argaman namootni 12 hidhamuu maddeen Qeerroo gabaasan.
Diddaan Uummataa kallattii hundaan mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti jabaachuun kan itti fufe yoo ta’uu, Godina Horroo
Guduruu Wallaggaa AANAA AMMUURUU jedhamu keessatti diddaan uummata daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee guyyaa irraa gara guyyaatti raafama guddaa keessa galee jira.
Wayyaaneen gaaffii uummataaf deebii kennuu dhabuun ilmaan Uummata Oromoo qaroo biyyaa ta’an qabee hidhuu fi dararaan gochaa diinummaa isaa calaqisiisuu fudhachaa jiraachuun ibsame jira, haaluma kanaan ilmaan Oromoo kanneen barsiisotni Oromoo keessatti argaman AANAA AMMUURUU irra Caamsaa 29/2015 maqaa uummata nurratti kakasuun fincila nurratti gaggeessaa jirtu jedhamuun fi isin miseensota Qeerroo
Bilisummaa Oromooti jedhamuun qabamuun kanneen hidhaman ta’uu madden Qeerroo bilisummaa magaalaa Shaambuu irraa gabaasan.ilmaan Oromoo hidhaman kessaan kanneen maqaan nu ga’ee jiruu keessa:
1.Barsiisaa Arabuu Yaasiin
2.Barsiisaa Jireenyaa Dachee
3. Barsiisaa Gammachuu
4.Dargaggoo Garramuu Biyyansaa kanneen keessatti argamaan AANAA AMURUUtti hidhamuu maddeen keenya gabaasan.mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan warraaqsaa FDG fi bilisummaa keenya dura dhaabbatus nuti ilmaan Oromoo wareegama kamiifuu of qopheesinee mirga keenyaa fi bilisummaa keenyaa kabachiifachuuf murteeffannee kaane jirra jechuun dhaammata sabboontootni Oromoo dhaammatu.
http://qeerroo.org/2015/05/31/yuuniversitiilee-gara-garaa-keessatti-kae-gaaffiin-mirgaa-barattoota-oromoon-itti-fufe/
Uummatni Oromoo Godina lixa Oromiyaa keessatti filmaata fakkeessii abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO maqaa dimookiraasii sobaa fi filmaata sobaa baachuun Uummata ganna 24 guutu Gowwomsaa jiraate irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo filmaatichi soba, waliin dhaahaa fi itti fakkeessii ta’uu Uummata Oromoo dursee irra deddeebi’uun ibsoota garaagaraa baasuun uummata Oromoo waan hubachiiseef uummatni Oromoo Oromiyaa bakka hundattuu filmaata Wayyaanee dura dhaabbachuun FDG kaachisuun mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaa deeffachuuf qabsoo warraaqsaa FDG karaa nagaa fi dimookiraatawaa ta’een finiinsa jira. Haluma kanaan Yeroo amma kana Godina dhihaa Oromiyaa AANAA MIDAA QANYII, MEETTAA ROOBII, Adaa’aa Bargaa, Calliyaa Geedoo, Iluu Galan, Baakkoo, Giincii (Dandii), Jalduu, fi Gindabarti, Amboo, Tokkee Kuttaayee, Xiiqur Incinnii, fi Godina Bahaa Wallaggaa Siree, Guutoo Waayyuu, Magaalaa Neqemtee, HAROO LIMMUU, HEEBANTUU , Limmuu Galiilaa, Giddaa Ayyaanaa, fi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ; Aanaawwaan JImmaa Gannatii, Haratoo, Hammuuruu, Jaartee Jaardagaa, Hagamsaa, SHaambuu, Jimmaa Raaree, Finca’aa, fi Guduruu fa’aatti Uummatni haalaan filmaata fakkeessii fi sobaa Wayyaanee irratti dammaquun diddaa cimaan jala dhaabbachuun FDG itti jabeessa jira.
odina dhihaa Oromiyaa Aanaawwaan armaan olitti tarreeffaman keessatti yeroo amma kana Uummatni fi Mootummaan garboomsaa wal irraa haala waliitti deebi’uu hin dandeenyeen gargar bahee jira, Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Hanga sadarkaa 1ffatti jiraan adeemsa baruu fi barsiisuu dhaabani jiru, Wajjiraalee garaagaraa keessatti hojiin gaggeessummaa uummataa dhaabbatee jira, bakka hundatti uummatni mootummaa akka hin qabne fi mootummaa bakka isa bu’uu akka hin qabne Warraaqsa gochaa jiruun mirkaneessa jira.
Magaalaa Neqemteetti Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, koolleejjii technikaa fi Ogummaa , Koolleejjii barsiisota Neqemtee, dabalatee Caamsaa 27/2015 barattootni Oromoo barnoota dhaabuun FDG dhoosuuf wayita jiranitti hoomaan Waraanaa Magaalaa Neqemtee irra qubsiifamee jiruu irra garagaluun magaalitti raafama guddaa keessa buusee jira, Barattootni Oromoos barnoota dhaabuun gar uummata fi maatii isaanitti deebi’an. Kana Maleesa Guutummaa Godna Dhihaa Oromiyaa keessatti diddaan uummataa kallattii hundaan mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO irratti jabaachuun mootummaa wayyaanee raafama Guddaa keessa galchee jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata afaan qawween bulchaa akka jiran uummatatti argisiisuuf Dhukaasaanii ajjeessuu, ukkamsanii hidhuu fi gara dabarsuu ifatti gaggeessa jira, adeemsii kun Uummata daranuu FDG kan Onnachiisee fi akka namni diinaan wareegamuu irraa diinarratti qabsoo finiinsuun Wareegamuutu Caala jedhee murteeffatu godhee kan jiru ta’uun isaa haala amma qabatamaan Oromiyaa keessatti rawwachaa jiru irra hubachuun dabda’amera.
http://qeerroo.org/2015/05/30/caamsaa-292015-godina-lixa-oromiyaatti-uummatni-oromoo-filannoon-fakkeesii-wayyaanee-irratti-dammaquun-mormiin-dura-dhaabbachuun-fdg-jabeessan/
Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti holola mootummaan Wayyaanee maqaa filannoo dharaatiin afarsuun walqabatee fincilli ummataa Magaalota akka Gooroo, Eelaa, Minaaree, Laga Roobii, Shinoo fi gandoota baadiyyaa kanneen akka Suubbaa Gaajoo, Dhalataa, Qaxqaxoo, Kuyyuu Gicii cimee Kan itti fufe tahuun ibsameera.
Addaatti immoo Uummatni Oromoo Meettaa Roobii ganda ‘’Kuyyuu Gicii’’ jedhamtuu ganda gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii itti dhalatee yoo taatu yeroo amma kana FDG finiinsuun qamni mootummaa Wayyaanee sadarkaa Aanaa irraa hanga Sadarkaa Federaalaatti jiru kamuu akka nutti hin seennee jechuun of irraa kan ittisan ta’uun ibsame jira. Yeroo Ammaa kanatti Gadindi dhalootaa Gooticha Oromoo Laggasaa Wagii qama bulchiinsa Aanaa illee of irraa ittisuun, diina dura dhaabbatan milishootni gandaa illee gara uummataa hiriiruun qaamni mootummaa kamuu hidhatees, ergama addaas qabaatee akka ganda Kuyyuu Giciitti hin seenne dhorkatan, hanga bilisummaan keenya gonfanutti halagaaf garboomnee hin bulluu jechuun uummatni murtoo fudhachaa jira.
Akka Waliigala guutummaa AANAA MEETTAA ROOBIItti Ummatni sagalee keenya diinaaf hin laatnu jechuun,filmaata sobaa keessatti hirmaachuun fafa jechuun uummatni karaan keenyaa tookichaa kanaan booda falmannee falmachiisuuf murtii fudhannee jirra jechuun FDG jabeessuun kan itti fufan yoo ta’uu , Caamsaa 26/2015 gandoota baadiyyaa keessatti korojoon filannoo wayyaanee utuu gara Aanaa Geessuuf adeemanii uummatni itti iyyuun koree boordii irraa fudhachuun ibiddaan barbadeessuun gabaafame, Waraanni wayyaanee uummata sodaachisuuf sagalee dhukaasaa meeshaa gurguddaa dhageesisaa jiraachuun ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo shororkeessee jiraachuu akkuma bare sababa kanaan walqabatee guyyaa har’aa dargaggoo Taaddasaa Shifarraa magaalaa Gooroo keessatti loltoota mootummaa wayyaatiin rukutamee Hospitaala Phaawuloos Finfinnee galuun dhagahame. Haaluma walfakkatuun dargaggootni Oromoo fi qonnaan bultootni lakkoofsaan 40 ol tahan yeroo ammaa naannuma kanaa mana hidhaatti darbamanii dararamaa jiraachuunis barame. Uummatni Oromoo AANAA MEETTAA ROOBII Waan manaa baaneef mana argannutti manatti hin deebinu, Kan manaa baaneef Bilisummaa fiduufi malee rasaasa diinaan reebamnee galuu miti jechuun Ibsa ijjannoo baafatan ummatni naannichaas. Qabsoon daran finiinee itti fufee jira. http://qeerroo.org/2015/05/31/yuuniversitiilee-gara-garaa-keessatti-kae-gaaffiin-mirgaa-barattoota-oromoon-itti-fufe/
Caamsaa 30,2015 Adaamaa
Yuuniversitii saayinsii fi teknoloojii Adaamaa keessatti Caamsaa gaafa 27/2015 barattootni waraqaa garagaraa mooraa keessatti facaasuun
kan dhagayame YEROO BILISUMMAAN KEENYA DHIYAATE KANATTI HIN CALLISNU YAA BARATTOOTA OROMOO KA’AA kan jedhu barattootni waraqaa balaliituu bittimsuun eegduwwan mootummaa Wayyaanee bakkaa kan sochoose tahee jira, akkasuma yuuniversitii Bulee Horaa, Madda Walaabu fi Haromayyaa keessatti walleewwan qabsoo dhageessisuu, mootummaa Wayyaanee hin barbaannu, bulchiinsi Wayyaanee nugaheera jechuu fi barumsa dhaabuun gara FDG olkaasuun uummata dhageesisuu fi hirmaachisaa jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.
Gaafa Caamsa 29/2015 barattootni mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa qabamanii bahan yeroof maqaa isaanii argachuu baannus ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi kijibni mootummaa Wayyaanee wayita kana aangoo isaa itti fufee jiraachuuf karoorfate kun yoomiyyuu cal kan nama hin jechiisne tahuu barattootni diddaa gaggeessanii fi kanneen fincila kaasuuf adda dureedha jedhamanii shakkaman tikoota wayyaaneen qabamanii mooraadhaa bahuus gabaasni Qeerroo nugahe hubachiisa. FDG ammas haaluma wal irraa hin cinneen itti fufee jiruudha.
VIDEO
Ebla 30, 2015 Finfinnee
Har’a dhaabbileen barnootaa barumsa dhaabuudhaan hucuu gaddaa uffatanii barattoota waggaa darbe wareegaman yaadachuu fi akkasuma addatti uummata Oromootiin yaadannoon gaddaa dhiyoo biyya Liibiyatti namoota ajjeefaman kan lammiin Oromoo keessa jiru irratti ta’e gaddaa jirama.
Ebla 30,2015 har’a Yuuniversitiileen kanneen akka Adaamaa, Amboo, Wallaggaa, Mattuu, Dirre Dawaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuu, Hawaasa fi Jimmaa barumsa dhaabuun hucuu gaddaa uffatuudhaan daandii bahanii yaadannoo taasifamaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa. Manneen barnootaa sadarka garagaraa lixa Shaggar keessatti argaman Amboo, Calliyaa,Baabbichoo, Miidaqany, Xiqur Incinnii sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga oliitti barumsi dhaabbatee daandiitti bahuudhaan barattootani yaadannoon gadda mootummaa Wayyaanee balaaleffatuun agarsiisaa jiru. Alaabaan manneen barnootaa keessa jirus kan Oromiyaas gadi butuudhaan, Akka walii galaatti dhabbileen barnootaa barumsa dhaabuu fi itti fufuudhanis Warraaqsi Bilisummaa itti fufaa jira.
Gabaasi dabalataa itti fufa
http://qeerroo.org/2015/04/30/breaking-news-oromiyaa-bakkoota-garaa-garaa-keessatti-barattooti-manneen-barnootaa-dhaabuun-oromoota-fdg-2014-irratti-wareegamanii-fi-lammiilee-liibiyaatti-dhumaniif-uccuu-gaddaa-uffachuun-yaadacha/
Bitootessa 29,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte.
Maqaa dorgommii Ispoortii jedhuun dargaggoota Istaadiyoomii Wallaggaa keessatti walitti qabuun kan afaan faajjessaa jirtu Wayyaaneen,karaa dabballoota isaanii filmaataaf jecha barattoota Yuuniversitii Wallaggaa akka isaan mormii kamiinuu ka’u keessatti hin hirmaatne olola adda addaa gaggeessaa turan. Dargaggoonnis haala kana kan hubatan magaalaan Naqamtee keessa naannawanii mormii fi diddaa isaanii dhageessisaa oolanii jiru.
Kana irratti dabalees mooraalee Yuuniversitii fi naannoo Istadiyoomii keessa naannawuun dhadatnoo fi walleelee warraaqsaa akka dhageessisaa turan odeessi jiru beeksisa. Dadhatnoolee Qeerroon dhageessisaa turan keessas:-
Oromiyaan ni bilisoomti!
Mootummaan Wayyaanee gabroomfataa dha,
Abbaay Tshayyee farrummaa uumata Oromoof qabuun seeratti dhihaachuu qaba.
Walabbummaa fi bilisummaan Oromoof haqa.
Maaster planiin Finfinnee daddaffiin akka dhaabbatu fi kkf irra turan
Mormii dhageessifamee fi muldhifame kunis akka media adda addaa irratti hin dabarreef jecha manneen interneetii fi network jiru akka cufaa oolan gabaasi Qeerroo Naqamtee nu gahe addeessa.
Bitootessa 24/2015 Goototni dargaggootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG qabsiisan jabeessuun itti fufuun guyyaa har’aa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo bara darbee mootummaan EPRDF waraana itti bobbaasuun mooraa Yuunibarsiitii fi manneen barnootaa sadarkaa adda addaa keessatti fixeef gaddaa qaban mormii guddaan ibsachuun walleelee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun gootota ilmaan Oromoo faarsan.
Goototni barattootni Qeerroon Oromoo hanga gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuutti warraaqsii FDG haala wal irraa hin citneen itti fufa nuti bilisummaaf falmanna, nuti mirga keenyaa fi mirga uummata keenyaa kabachiisuuf falmanna, Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO’n bara darbee baatii Eblaa irraa eegaluun ajjeechaa jumlaa fi duula duguugginsa sanyii fi ukkaamsaa hidhaa utuu uummata Oromoo irratti gaggeessa jiranii har’a biyya bakka buuna biyyaa bulchaa jirra, ayyaanaa hundeeffama keenyaa waggaa 25ffaa kabajna jechuun dibbee sobaan afuufamtee dhiitofte reebaa jiraachuun mootummaa wayyaanee fi ergamtoota Wayyaanee OPDO/TPLF itti gaafatamaa seeraa fi seenaa jalaa baasuu hin danda’u.
VIDEO
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa waraaqsa FDG egaalan jabeessuun mootummaa wayyaanee boqonnaa dhorkuun torbee dhuma kana dheengaddaa dabbaallootni mootummaa wayyaanee fi mataan mootummaa Wayyaanee jiilli abbootii irree EPRDF/OPDO/TPLF Muktaar Kadirii,Hayleemaariyaam Dassalee fi Barakt Simoonin durfaman mootummaa keenyaa warraaqsaa dargaggoota barattoota Oromoon raafamee kufuuf jiru kufaatii irraa haa baraarruu jechuun guyyaa hundeeffama ergamtuu wayyaanee OPDO kabajuu maqaa jedhuun uummata gooluu fi olola siyaasaa oofuuf gara Jimmaatti duula gochuun dhiphina keessa galanii jiraachuun hubatamera. Goototni barattoota Oromoo dhugaaf falmataan dullii olola siyaasaa fi humni poolisaa fi waraanaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa keenyaa duubatti hin deebisuu, deebii gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruus hin ta’u jechuun tarkaanfii gara jabinaan mootummaan abbaa irree barattoota Oromoo nagaa irratti fudhateen gootota ilmaan Oromoo wareegamaniif gaddaa guddaa nuti dhagaa’amu ibsachaa qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf warraaqsa FDG gama kamiinuu ni finiinsina hanga gaaffiin karaa nagaa gaafachaa jirruu deebii sirrii argannuutti duubatti hin deebinu jechuun
eebbifamtootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa barattoota Yuunibarsiitii jimmaa ilmaan cunqurfamoo kaan illee dabalachuun mooraawwaan yuunibarsiitii Jimmaa
Saayinsii fi Teekinooloojii irraa ka’uun uuffata gaddaa uffachuun
magaalaa Jimmaa keessa wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo faarsu fi gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman faarsaa gara mooraa
Main Campusiitti walitti dhufuun nuti eebbifamtootni ilmaan Oromoo yoom iyyuu yoo eebbifamnes uummata keenyaaf jiraanna, uummata keenya waliin jiraanna, mootummaan abbaa irree uummata keenya irraan kaafna jechuun marii gabaaba godhachuun obbolaawwaan keenya bara darbee sabaaba gaaffii mirgaa gaafatneef dhaabbilee barnoota garaagaraa keessatti wareegamaniif gadda guddaatu nutti dhagaa’ama barattoota Oromoo mootummaan EPRDF/OPDO/TPLF garaa laafina tokko malee dhukaasee ajjeeseef yoom iyyuu itti gaafatamuu qaba jechuun dhaamsa dabarfachuun walleelee warraaqsaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa naanna’uun sirbuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.
VIDEO
Diddaa, Gabaasa Qeerroo Bitootessa 19,2015
Dhaabbilee barnootaa Yuuniversitii, koollejjii, godinaalee oromiyaa naannoo adda addaatti FDG gaaffii dhimma gubachuu bosona Oromiyaa, dubbii Abbaa Tsaayee fi mirga walabumaa Oromiyaaf falmuun wal qabsiisudhaan Qeerroon Oromiyaa keessatti diddaan ka’ee jira, bakka gabaasa Qeerroo ibsu irraa kana gaditti kan argamuudha.
Haromayyaa Yuuniversitii :-
Mooraa yuuniversitii guddicha Haromayyaatti Bitootessa gaafa 18/2015 dhaabaa ibsaa fi manaa irratti barruu mata dureen isaa “Sabboontotni Oromoo FDGf Kaaffee keenya Keessatti Ganama Sa’a 7:30 Irratti Wal Arguun Dhaamsa Dabarsina” jedhuun dhaadannoolee qabxii 8 qabu waliin bakka garagaraatti maxxanfamee bule odeessi Qeerroo yoo addeessu, dhaadannoon qabxiidhaan maxxanfamanis
Bosonni oromiyaa mootumma wayyaaneetiin gubachaa jira,manca’aa jira
Ilmaan Oromoo yoo xiqqaate 35,000 ol mana hidhaa keessaa gadhiifamuu qabu,
Barattoota ajjeefamaniii fi hidhamaniif mormii keenya itti fufuu qabna
Poolisiin federaalaa mooraa keessaa haa bahu
Mirgi diimokiraa fi uummataa haa eegamu
Kaardii filannoo sobaa hin fudhannu
Abbaay Tshaayee uummata oromoo arrabsuun seeraan gaafatamuu qaba
Maqaan Master Pilaanii kana booda ka’uu hin qabu.
Kan jedhu dhaadannowwan kanaa olii kana mooraa keesatti bittimsuun humni waraana wayyaanee gubbaadhaa socho’uun kaleessa naannoo fi keessa mooraa Yuuniversitii Haromayyaa buufatee akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Barattootnis nyaata kaaffee lagachuudhaan barumsas dhaabuun kan beekame, humni ittisa biyyaa sochii barattootaa kana dhaamsuuf garasitti ergame diddaa barattootaa dhaamsuu akka hin dandeenye odeessaan ibsa.
Yuuniversitii Jimmaa :-
Akuma beekamu yeroo darbe sadarkaa itti aanaa fi gorsaan mootummaa Itoophiyaa kan ta’an Abbaay Tsaahe dhimma Master Pilaanii dubbiin afaanii baafate ilmaan oromoo kamuu jalaa dhokataa miti,kanumaan kan wal qabate diddaan mooraa barnootaa yuuniversitii oromiyaa keessa jiru mara keessatti dhimma qabeenyaa oromiyaa gubataa fi manca’aa jirus dabalatee gaaffiin ka’aa akka jirus odeessa Qeerroon darbaa jira, haala kanaan kaleessa Bitootessa 18/2015 yuuniversitii Jimmaa mooraa Kiitoo Fardiisaa(Engineering Compus) jedhamee kan beekamu, mana yaalaa barattootaa moorichaa keessatti Qeerroodhaan barruun afaan Oromoo fi afaan Ingiliffaatii fuula 9 qabu mata duree “Master Pilaaniin Hojii Irra Ooluu Hin Qabu fi Dubbii Obbo Abaay Tsahe Dubbates Tuffii Uummata Oromoo Akka Tahe” keessattis waamicha diddaa kan ibsu barruun kun bakka namni argu lama lafa kaa’amee jira, jalee mootummaatiin argamee yeroodhaan toohatame malee mooraa yuuniversiti keessatti barruu hedduun akka maxxanfamee jiru Qeerroon odeessa isaa nuun gaha,kanumaan mootummaan wayyaanee mooraan xiyyeeffannoo guddaadhaan akka eegamu,humna ittisaa mijeeffachaa mooraa Yuuniversitii sana qofaaf mijeeffachaa akka jiru odeessaan Qeerroo addeessa. Akka Yuuniversitii Jimmaatti mootummaan sodaa guddaa keessa seeneera, barataan Oromoo diddaadhaaf of qopheessee akka jiru hubachuu irraan, barruuleen waamichaas mumul’aa waan jiraniif hordoffii jabeeffachuun karoorfata, haaluma kana fakkaatuun guyyaa har’aas barattootni mooraa keessatti sochii diddaa mul’isuun dhagayamee jira, diddaan itti fufuu qaba.
Adagirat Yuuniversitii:
Gaafiin mooraa Yuuniversitii kanatti ka’ee jiru dhimma amantaan kan wal qabate tahullee barattootni Oromoo heddumminaan keessatti gaaffii miidhaan saba Oromoo kaasuun, gubachuu bosonaa fi warshaalee Oromoo keessa jiranis kaasuudhaan gaaffii barattootaa gara gaaffii mirgaatti naannessanii guyyoota lamaan kana jechuun Bitootessa 17 fi 18 barumsi dhaabbatee akka jiru odeessaan Qeerroo gamasii addeessaa jira. Barumsas akka hin baranne Oromiyaan boca uumamashee mootummaa Wayyaanen utuu gadhisaa jirtuu, ilmaan Oromoo mana hidhaatti osoo gidirfamuu jireenya dhuunfaa keenyaaf barumsa kennee lafa dhiituun haa dhaabbatu jechuun diddaan mooraa kanattis qabatee akka jiru odeessi nugahee jira.
Naannoo Wallootti :-
Aanaa Gudayaa ganda Konkaa Ijaa jedhamau Bitootessa gaafa 15 fi 19 /2015 mootummaa irraa ergamee hojii basaastummaa aanaa kana keessatti kan hojjetu dhalootaan Amaara kan tahe tokko nama dhalootaan oromoo tokko sabboonummaa qabu harka mootummaatti dabarseekennuu irraan tarkaanfiin ajjechaa basaasaa mootummaa wayyaanee kana irratti raawwatamee jira. sababa kanaan manneen jireenyaa saba amaaraa 4 ol tahus ibiddaan gubateera,diina mootummaan ergamee uummata hammeenyaaf kennaa jiru kana irratti boombiinis darbatamee namoonni hedduun mada’anii jiru, odeessa Qeerroo hubatamu irraa uummanni tarkaanfii mootummaa wayyaanee irratti fudhachuu eegalee jira,deggertootni mootummaas sodaa kana keessa seenuudhaan hojii isaanii irraa akka deebi’aa jiran dhalootaan saba biraa kan tahan, ilmaan habashaa hojii diinummaa irratti bobbahanii jiranis naannoo sana irraa uummataan ariyamaa akka jiran odeessi Qeerroo addeessa. http://qeerroo.org/2015/03/19/diddaan-sirna-wayyaanee-fi-gaaffiin-mirga-abbaa-biyyummaa-guyyaa-haraa-yuuniversitii-afur4-keessatti-jabaatee-itti-fufe/
Qeerroo’s Status Updates: Feb. 22, 2015 – March 13, 2015
Oromo students protests continue to erupt in several towns in the Oromia Regional State of Ethiopia – taking various forms in recent weeks. The new round of protests began on February 22, 2015, when Oromo students and youth of Jimma town turned an Oromian Sports Championship event, which had been taking place in the city, into a protest against the so-called “Addis Ababa Master Plan” and against the recent inflammatory speech of Abay Tsehaye, one of the TPLF strongmen. The students chanted slogans, such as “Finfinne is ours! Adama is ours! Jimma is ours!” and more, a reminiscent of the bloody April/May 2014 widespread protests, in which more or less the same slogans had been chanted throughout Oromia. The Oromo youth were also singing revolutionary songs in the whole stadium. The protests continued beyond control in Jimma Stadium and on the streets of the city on a daily basis until the Sports Championship was to come to a close on Sunday, March 1, 2015.
http://gadaa.com/oduu/26913/2015/03/15/qeerroo-new-oromo-students-protests-erupt-across-oromia-an-oromo-pastor-under-attack-accused-of-praying-for-the-downfall-of-the-govt/
VIDEO
Audio: Feb. 23, 2015 – Jimma, Oromia
VIDEO
Audio: Feb. 25, 2015 – Jimma, Oromia
Speech of Oromian “President” Muktar Kedir Interrupted
On March 1, 2015, the Oromo students protest escalated to a higher level when two high-level delegates of the Ethiopian government, the so-called President of Oromia – Muktar Kedir and President of Amhara Region Demeke Mekonnen appeared in the stadium for the closing ceremony, and also in an attempt to address and pacify the protesting youth. As the whole stadium erupted with shouting voices, slogans and revolutionary songs of the students, Muktar Kedir was unable speak at all, and he and all the “guests,” including the Honorable Guest Demeke Mekonnen, were forced to leave the stadium in humiliation and eventually reported to have left the city the same day.
VIDEO
Audio: March 1, 2015 – Jimma, Oromia
Govt Messenger’s Indoctrination Meeting Foiled in Nekemte
On the evening of March 1, 2015, the same day students of Jimma university protested, a meeting organized in Wollega University by the government delegate and messenger Dr. Getachew Begashaw through the university administration intended to inculcate the students with the evil policies of the government and to pacify the Oromo students from protesting was foiled by the Oromo students, and the meeting was dismissed. It was as soon as the meeting began that Oromo students started shouting, singing revolutionary songs and chanting slogans, such as “the [Addis Ababa] Master Plan will never be realized! OLF is the hope of Oromo people! International community should be made aware of the genocide committed against us!” and more. Dr. Begashaw and other “guests” were forced to stop their lecture, and leave the university while the students continued chanting slogans and singing in the whole university campus throughout that night. Although the students were protesting peacefully, hours later, a large number of police force entered the university campus and started beating the students and arrested many of them, including a 3rd-year electrical engineering student Kuma Gammachu. The whereabouts of the arrested students is still unknown.
At least 10 Oromo Students Abducted in Jimma
On March 2, 2015, the Ethiopian government unleashed its police force in Jimma University, and abducted at least 10 students for no crime other than exercising their rights by peacefully protesting, together with thousands of other Oromo students. Among the abducted Oromo students of Jimma University are:
1. Guddisa Amsalu, Afan Oromo – 2nd-year
2. Dejenee Gonfa, Afan Oromo – 2nd-year
3. Adam Muktar, Law – 2nd-year
4. Sisai Kebede, Law – 2nd-year
5. Sisayi, Geography – 2nd-year
6. Musxafa Edeto, Biomedical Engineering – 4th-year
These and other abducted Oromo students are said to be held in a prison in Jimma city in an area known as Alazar.
Looting of Oromian Top Soil Thwarted in Sibu Sire
On March 7, 2015, Oromo farmers – who were evicted from their land and from whom their farm land was given to investors in East Wollega zone, Sibu Sire district, in a village called Tuqa Wayyu – organized the youth and the local Oromo population, and stopped lorries which were looting top soil (fertile soil) of their land and taking to an unknown place.
Three OPDO Officials Fired
On March 10, 2015, the government fired three OPDO officials in Western Shaggar (Shoa) zone, Abuna district, accusing them of siding with the protesting Oromo people for their right and being sympathetic to Oromo students. These are:
1. Shiferaw Mekonnen, Head of Finance of the district
2. Bacha Lamessa, Head of Human Resource
3. Girma Bacha, Jobs Coordinator
Protest in Wama Hagalo: An Oromo Pastor Arrested
On March 10, 2015, protest of the Oromo population for their right and against the policies of the EPRDF government was flared up in Eastern Wollega zone, Wama Hagalo district, Qasso town. A fierce clash has occurred between the Oromo population – who were protesting, and government police forces during which the police arrested several people, among whom are:
1. Qajeelaa Raggaasaa
2. Boodanaa Baqqalaa
3. Misgaanuu Raggaasaa
4. Danjaa Dhangi’aa
5. Dhugaasaa Abdiisaa
6. Booboo Addunyaa
7. Misgaanuu Addunyaa and many more.
Moreover, an Oromo pastor of the Evangelical Church of the district, Waqgari Ayana, was abducted and disappeared, accused of praying to God for the downfall of the current government. The whereabouts of this pastor is still unknown. It is to be recalled that a respected Oromo pastor Gudina Tumsa was abducted and killed by the Derg regime in 1970’s.
2nd Round of Protest in Wollega University
Oromo students of Wollega University, Nekemte town, protested for the second time on March 11, 2015 in their university campus. It was right after their breakfast that the students gathered in front of the cafeteria and started chanting the slogans which they had prepared. One of the students who was interviewed by Simbirtu Radio and another student interviewed by OVL/SBO (Oromo Voice of Liberation) – both explained the details of the protest. It was before the protest expanded to the entire campus that a large number of police force came and dispersed the students. It is reported that still a tense situation exists in the university campus, and no two students are allowed to stand together.
Audio: March 11, 2015 – Wollega, Oromia
Protest in Busa: Young Oromo Severely Beaten & Abducted
On March 11, 2015, protest of Oromo population erupted in South West zone of Oromia, Dawo district, Busa town, during which the people chanted slogans, such as “Oromia belongs to the Oromo! We will not give Finfinne (Addis Ababa)! We need peace! We are fed-up of Woyane’s lies!” and more. During this time the government dispatched a large number of police force which were seen beating the protesters. Especially the police has severely beaten an Oromo youth Geleta Waqo – dragged him on the floor and have taken to an unknown location.
– Qeerroo.org
=================
VIDEO
Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Ganama Har’aa Irraa Jalqabee Itti Fufe
Gootonni barattooti Oromoo mooraa Yuuniversitii Wallaggaa har’a Bitootessa 11,2015 irraa jalqabanii gaaffii mirgaa mootummaa Wayyaaneetti dhiheeffatan akka deebii argatuuf jecha FDG itti fufanii jiru.Mooaraan Yuuniverstii Wallaggaa dhadatnoo fi sirboota Warraaqsaan gootamtee jirti,Poolisoonni Wayyaaneen keeessa mooraa fi alaan hidhatnoo guutuun naannicha qubatanii barattoota doorsisaa jiru,gariin poolisoonni Oromiyaa ammoo barattoota Oromoo jajjabeessaa akka jiranii fi haalaan dhaabatanii akka ilaalaa jiran qeerroon ni gabaasa.
http://qeerroo.org/2015/03/11/warraaqsi-bilisummaa-oromoo-yuuniversitii-wallaggaa-keessatti-ganama-haraa-irraa-jalqabee-itti-fufe/
Bitootessa 10,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO jechuun of waamaa jiru Sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoon irratti qabsiifama jiruun yaaddoo fi dhiphina keessa seenuun Mooraa Yuunibarsitii Jimmaa irratti dabballootaa fi poolisoota isaa bobbaasuun sakkatta’insa gaggeessa jira.
Sochiin warraaqsa FDG goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa qabsiisaniin walqabatee, sochiin kun haalan jabachaa jiraachuu fi itti fufinsa qabachuu irraan mootummaan abbaa irree Wayyaanee waan qabee gadhisuu walaaluudhaan sochii kana duubaan kan jiru ABO dha. hojjeetootni mootummaa, barsiisota, fi poolisotni illee sochii kanatti ijaaramanii jiru jechuun baala lafaa sochootu hundaa ija shakkii guddaan ilaaluu irraa bakka argan hundatti dhaabiitti mirga namaa sarbuun sakkatta’insa seeraan alaa gaggeessa jiru. Keessattuu Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan Mian Cumpas, mooraa Business anda Economics, Mooraa Agriculture fi Mooraa Saayinsii fi Technology irratti sakkatta’insa balbala ittin ol gara mooraatti seenanii fi gadi ba’an irra poolisoota isaa hiriirsisuun sakkatta’insa seeraan alaan muddama seene jira.
Sochiin Warraaqsa FDG gootota dargaggoota Qeerroo Oromoon qabsiifame bakka hundatti haala walfakkaatuun jabaatee itti fufaa jira, keessattuu sochiin warraaqsa gootota barattoota Oromoo dhabbiileewwaan barnoota olaanoo fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa dabalachuun walduukaa socho’aa jiraachuun mootummaa wayyaanee muddama guddaaf saaxilaa jira. Warraaqsi gootota barattoota Oromoo dhaabbilee Barnoota olaanoo Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Adaamaa, Harammayyaa, fi madda Walaabuu keessatti daran jabachaa jiraachuu maddeen keenya bakka hundaa gabaasa jiru. Hogantootni Sochii Warraaqsa FDG sochii bilisummaa uummata keenyaa gonfachiisuuf gaggeessa jirru mudamuun sakatta’insaa fi raafamni wayyaaneen argisiisuu kamuu dhaabuu hin danda’uu FDG jabaatee bakka hundatti itti fufa jechuun dhaamsa dabarsuun uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa ka’uun sochii kanatti hirmaachuun mootummaa abbaa irree dhabamsiisuuf yeroon warraaqsi bakka hunda qabsiifamu amma waan ta’eef bakka jirruu hundatti dirqama Oromummaa bahuu qabdu jechuun itti fufuun wamicha gochaa jiraachuu beeksise.
http://qeerroo.org/2015/03/11/mooraaleen-agriculture-fi-saayinsii-and-technology-yuuniversitii-jimmaa-waraana-wayyaaneen-sakattaamaa-jirafdgs-bifa-qindaawaan-itti-fufaa-jira/
Bitootessa 10,2015 gabaasa Qeerroo waraqaan waamichi abbaa biyyummaa fi gochaa gar-jabeenyaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti gaggeessaa jiru dura dhaabbachuuf waraqaan dhaaddannoo mata duree IYYAA IYYA DABARSAA.WARAABESSI ILMAAN OROMOO NYAACHUU BARE ABBAAY TSAHAAYYEE GUYYAAN YUUSE jedhu manneen barumsaa,waajjiraalee fi gaandoota baadiyyaa tokko tokko keessatti haala hoowaa ta’een ummata keessa raabsame bakkoota muldhatoo ta’an itti ammo maxxanfamee jira, keessattuu tuffii fi ilmaan Oromoo ajjesiisuf hiisisuu keessatti gahee guddaa kan qabu hoogganaa Wayyaanee Abbaayi Tsahaayyee fi ergamtootni isaa OPDO irratti ummatni keenya bakka jiruu akka dura dhaabbatu waamicha dabarsa
Qabiyyeen barruulee kanaas akka armaa gadii ta’a
Abbay Tsahaayyee yakka duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf itti gaafatamuu qaba.
Mirgi bilisummaa ummata Oromoo fi saboota cinqurfamoo kabajamuu qaba.
Abbummaan lafaa ummata keenyaaf mirkanaa’uu qaba.
Hiree uumata Oromoo Wayyaaneen hin murteessu ofiif mirteeffanna
OPDOn of hooggani hin dandeenye ummata Oromoo bakka hin buutu
Biyyaa fi Qabeenya uumata Oromoo irratti Wayyaaneen abbaa ta’uu hin dandayu.
Hidhamtoonni siyaasaa ilmàan Oromoo haal duree tokko males mama hidhaa irraa bahuu qabu.
Ajjeechaa gar jabeenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwatameef, ABBAAYI TSAHAAYYEE, MUKTAAR KADIR, DAMMAQAA MOKONNONI fi fakkaattonni isannii itti gaafatamuu qabu
Master pilaanin finfinnee haal duree tokko malee dhaabbachuu qaba.
Uummata oromoo hiyyoomsuf lafa isaa irraa buqqisuu fi gibira humnaan olii sassaabun haa dhaabbatu.
Osoo dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’e hin qoorin Abbaay Tsahaayyee ummata oromoo likkiitti galchina jedhee nutti dhaadati dura has dhaabbannu
,Oromoof kan hojjetu fakkaatee ergama wayyaanee galmaan gahuuf ilmaan Oromoo ficcisiisaa kan jiru OPDO haa balaaleffannu.
Ummatni Oromoo mirgaa lafa isaa humnaan dhabe filannoo sobaatin otoo hin taane qabsoon deeffata .kan jedhuudha waraqaaleen kun haaluma walk fakkaatun godina shawaa bahaa aanaa fantaallee iddoowwan, magaala mataa haraa,magaalaa Haroo qarsaa, Mag/Harpo adii, Martii, Haroo huubaa ,Qararri, Ilaala,Dhagaa hujufaa,Xuxxuuxii,Nuqusa,Harangamaa,Maarigaa,Dirree Sadeem,Baddannoo,Turoo,Gidaara,Gaara diimaa,Buses,Godoo,Weebaa,Kapii 1,2,3,Faatee,Leedi,Saara,Galchaa,Bantii,Ajoo tarree,Ajoo,Jaarraa nuunnuu,Qobboo,Yaayya,Baalcii,Dhimbibaa,Harramurii ,Gololcha ,Qacaacaluu baadiyaalee jedhamuu fi kkf keessatti haala hoo’aa ta’een waraqaan warraaqsaa kun bifa lamaan facaafamuu fi maxxanfee jira .sochiin Qeerroon naannichaa godhe kun ergamtoota wayyaanee daran yaaddoo keessa galche .dhuma irratti ilmaan oromoo iddoo garagaraa irra jirtan gochaa diinni ummata Oromoo irratti gochaa jiru dura haa dhaabbannu .gabaasa Qeerroo naannichaa gabaasa.
Bitootessaa 11,2015, Godina Jimmatti Sochiin Warraaqsa FDG gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromootiin qabsiifamuu eegale jabaachuun gara uummata Oromoo baadiyyaa godina Jimmatti babal’acha jiraachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa qabee mana hidhatti darbaa jira.
Motummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisuu dhabuun sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee humna waraanaa poolisii federaalaa irratti bobbaasuun hidhatti ukkamsuu itti fufe jira. torbee kana keessa sabboontotni Oromoo Godni Jimmaa Aanaa garaagaraa keessa maqaa Oromummaan Oromoota hidhatti darbamaa jiru.
Haaluma kanaan magaalaa Jimmaa fi Aanotaa Godina Jimmaa garaagaraa irra kanneen hidhaman:
Nazifaa Abbaa Tamaam jiraataa magaalaa Jimmaa ganda Bachoo Booree jedhamu keessatti uffataa hodhuudhaan kan maatii isa jiraachisu,
Barsiisaa Gammachuu jedhamu aanaa Shabee Somboo M/B Marsaa jedhamu irraa utuu barsiisuu humna Poolisii Federaalaan ukkanfame.
Kana malee Anaa Deedoo irraa ilmaan Oromoo torba kanneen ammaf maqaan isiinii nu hin qaqqabiin humna poolisii federaalaan qabamanii mana hidhatti darbamuu maddeen keenya gaabasan.
Haaluma kanaan Yeroo amma kana Mootummaan Wayyaaneen humni Adda Bilisummaa Oromoo ABO’n Godina Jimmaa keessa buufate jira maqaa jedhuu fi maqaa sakkatta’aa dhabamsiisuu jedhuun humna poolisii naannoo Oromiyaa irraa shakkii guddaa qabatuun ajaja mootummaa federaalaatiin poolisoota Federaalaa fi waraanaa aanota Godinichaa keessa bobbaasuun ilmaan Oromoo maqaa qorannoo fi sakkatta’insaan dararuu fi ukkamsuun hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamera. Adeemsi gochaa diinummaa mootummaan Wayyaanee fudhachaa jiru kun uummata bakka jiruu dammaqsuun akka uummatni fincilee sochii FDGtti makamuun mirga isaa kabachiifatuuf dirqamsiisa jiraachuu irraa uummatni utuu hidhatti hin ukkanfamiin harka walqabatnee mootummaa abba irree irratti finciluun yeroon gamtaan kaanee falmannuu amma jechuun dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun ibsame jira.
http://qeerroo.org/2015/03/11/godina-jimmaa-aanaa-shabee-somboo-fi-ganda-baachoo-booree-keessatti-diddaan-sirna-wayyaanee-gaggeefamaa-oolebarsiisoti-oromoo-taanis-sababa-kanaan-qabaman/
Bitootessaa 7,2015 Godina Jimmatti FDG goototni Qeerroon barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggoota Oromoo magaalaa Jimmaan qabsiifame gara uummatatti tarkaanfachuun aanota Godina Jimmaa addaa addaa keessatti sochiin warraaqsaa itti fufe.
Oromo: Students Write Appeal Letter to University Administration
http://unpo.org/article/18006
VIDEO
Barattoota Sabboontota Oromoo Wareegamaniif Yaadannoo Taasisuuf Manneen Barnootaa Godina Lixa Shaggar Heddumminaan Har’a Cufaatti Oole.
Gabaasa Qeerroo Qeerroo Magaala Amboo
Bitootessa 3/2015 Lixa Shaggar irratti barattootni guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 3/2015 barattoota waggaa darbee wareegamaniif yaadannoo taasisuuf manni barumsaa akka cufamuu fi barataan kamiyyuu mana barumsaa akka hin deemne kaleessa irraa kaasuun ergaa waliif dabarsuudhaan waamicha taasisanii jiru, haaluma kanaan guyyaa har’aa barattootni mana barumsaa Calliyaa,Geedoo,Miidaqany, Amboo,Gudar, Tokkee Kuttaayee fi kkf guutummaan guututti manni barumsaa cufaatti oolee jira,
Kana malees waraqaalee warraaqsaa hedduunis halkan edaa kan bittimfame waraqaalee balaliituun magaalaa Amboo fi naannoo Yuuniversitiitti bittimfamee kan bule tika mootummaa Wayyaaneen naasuu guddaa keessa seenuudhan, ganamaan ka’anii
funaanuun dhagayamaa jira. kanumaan wal qabsiisuun barattootni naannoo jiranitti walitti dhufuudhaanis yaadannoo barattoota waggaa darbe wareegamaniif taasisaniin hucuu gaddaa uffachuudhaan, gumaan obboloota ilmaan Oromoo wareegaman keessattuu dhimma naannowaa Finfinneef mootummaa Wayyaaneen galaafatamaniif wareegamni isaanii bilisummaan deebi’uu qaba jechuudhaan dhaadannoo fi ergaa waliif dabarsaa akka jiran Qeerroon gabaasa.
http://qeerroo.org/2015/03/03/barattoota-sabboontota-oromoo-wareegamaniif-yaadannoo-taasisuuf-manneen-barnootaa-godina-lixa-shaggar-heddumminaan-hara-cufaatti-oole-%e2%80%8f/
Oromia: Appeal Letter of Oromo Students of Jimma University March 2, 2015
https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/03/02/oromia-appeal-letter-of-oromo-students-of-jimma-university/
Bitootessa 1,2015 Gabaasa Qeerroo Naqamte, Sochii barattoota Oromoo qabaneessuuf kan saganteeffate mootummaan Wayyaanee kaabinoota gurguddaa jedheen kan yaadu Dr,Geetachoo Bashargoon kan durfamu gartuu sochii barattootaa qabaneessu gara mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Naqamteetti erguun baratoota walitti qaban,hanga ammaatti ammaatti hojjettooti mooraa kanneen hidhata ABO qaban baajeta moorichaa miliyoonaan kan lakkaawamu mootummaa kasaarsanii jiru jechoon badii gara hojjettootaa badii mallamaltummaa riguu fedhan.
Kanatti aansees garuu mooraan kun fakkeenyumma gaarii qaba jechuun Ministeerri barnoota Federaalaa gaafa Bitootessa 1,2015 ykn eda halkaniitti sagantaa TRENDS AND CHALLENGS IN ADOPTION OF SCIENCE jedhu barattoota Yuuniversitii Wallaggaa barsisuuf gadi itti taa’e.Haa ta’u malee wayita sagantaa kana irratti argamanitti goototni barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa kaabinoota waltajjii ta’anitti iyyuudhaan biyya keenya gurgurtanii nu keessa hin teessan jedhuun waltajjicha irratti dhadatnoo fi faaruulee warraaqsaa itti iyyanii bakka sana irraa qaaniin arihan.
Waltajjiin kun erga diigamee Qeerroofi qarreen mooraa kana keessaa balbala gudda hanga mooraa komtootti dhaadhannoo dhageessisaa turan
Maaster pilaaniin finfinnee goonkumaa hojiirra hin oolu
Duguuggaa sanyii nurratti raawwatuuf addunyaa kanatti sagaleen keenya nuuf haadhaga’amu
ABOn gaachana qabsoo Oromooti
WBO-n abdii uumata Oromooti
Qeerroon Bilisummaa qabsoo itti fufna,diinota qeerroo golee Oromiyaa kamuu keessatti dura dhaabbanna.
Nuti tokko tokkummaa keenyaan walaba nibaana jechaa erga turanii booda
Jedhuu fi sirboota barannoo rorroodha aabbee mallattoon kannisa ittiin nuhiddiifi yaaoromoo qotan qotu malee lafa hin qabatanii du’an du’u malee diina hyin sagadanii jechaa erga turanii haala kanaan Poolisoonni heddumminaan mooricha seenuun barattoota Oromoo hedduu raabuu fi hidhuun barataa elektirikaalaa waggaa 3ffaa kan ta’e Kumaa Gammachuun dabalatee barattooti hedduun mana hidhaatti geeffaman.
http://qeerroo.org/2015/03/02/gootonni-qeerroo-bilisummaa-yuniversitii-wallaggaa-fdg-kaasaniin-aangawoota-wayyaanee-arihan-bartaa-electrical-waggaa-3ffaa-kumaa-gammachuu-fi-hedduun-poolisootaan-butaman/
Bitootessa 1/2015 Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Kolleejjii Barsiisota Jimmaa, Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Jimmaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Jimma FDG jabeessanii itti fufuun ergamoota Wayyaanee Muktar Kadiri fi Dammaqee Mokonnoon angawoota Wayyaanee olaanoo dura dhaabachuun dhaadannoo dheekkamsaan guutame dhageesisuun, Angoowwaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Abbay Tsahayee yakkamaan akka Seeratti dhiyaatu gaafachuun FDG dhoosan.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii Warraaqsaa gootonni dargaggootni qeerroon barattoonni Oromoo magaalaa Jimmaa keessatti guyyaa shanii oliif wallee warraaqsaan qabsiisaniin soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun aangawoota sirna EPRDF/TPLF Dammaqee Mokonnooni fi Muktaar Kadiri jedhaman waraana waliin ilmaan Oromoo sodachisuu fi ficcisiisuuf bobbasee ture, gootonni ilmaan Oromoo Warraqsa egalan daran jabeessuun FDG dhoosuun dura dhaabbatan. Ergamaan Wayyaanee
sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo Moktaar Kadir dhabachuu dadhabuun baqatee kan sokke yoo ta’uu, ergamtichi Wayyaanee Dammaqee Mokonnoon jedhamu immoo bataluma FDG dhoofametti xiyyaraan baqatee magaalaa Jimmaa keessa ba’uun dhagaa’ame. Goototni dargaggootni Qeerroo barattootni ilmaan Oromoo dhugaan qabsoo finiinsan sochii Warraaqsaa FDG guyyoota shanii oliif Wallee Warraaqsaan eegalan jabeessuun guyyaa har’aa stadium guddaa Magaalaa
Jimmaa keessatti argamu keessatti bakka Waldorgommiin Ispoortii Oromiyaa inni dhumaa /xummuraa gaggeeffamaa jirutti walitti dhufuun FDG dhoosan, Dirreen Ispoortii gara dirree FDG fi falmii mirga abbaa Biyyummatti jijjirame.
Goototni daraggootni barattootni Oromoo lafa waraannii wayyaanee
kumootan lakka’amu jiruu fi humnootni tikaa angawoota wayyaanee waliin
hiriiranii jiranitti dhaadannoo armaan gadii dhageesisan:
1. Abbay Tsahayee seeratti dhiyaachuun yakka duguginsa sanyii uummata
keenyarratti rawwacha jiruuf itti gaafatamuu qaba.
2. Abbay Tsahayee aangoo gadhiisuu qaba!!
3. Abbummaan lafaa uummata keenyaaf haa mirkanaa’u!!
4. Mirgi bilisummaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoof kabajamuu qaba!!
5. Mirgi abbaa biyyummaa keenyaa nuuf haa mirkanaa’u!!
6. Ofiin buluu qabna halagaan nu hin bulchu.
7. Mirgii dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba.
8. Nuti dimookiraasii barbaanna!!
9. Mirgi abbaa biyyuummaa, eenyummaa fi Oromummaa keenyaa nuuf kabajamuu qaba!!
10. Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookitawaa
gaggeessuun hin danda’amu !!
11. Filannoon sobaa fi fakkeessa dhaabbachuu qaba!!
12. Muktaar kadir Oromoo bulchuu hin qabu!, uummata keenya arrabsiisaa
fi tuffachiisa jira.
13. Master planiin Finfinfee dhaabbachuu qaba!!
14. Gaffii mirgaa waan gaafatneef mootumman hidhaa julmaa,ajjeechaa,
fi hidhaa nurratti rawwate seeratti dhiyaachuu qaba
15. Yakka Oromiyaa keessatti U/Oromoo irratti gaggeefamaa jiruuf
Abbay Tsahayyee, Muktar Kadir, Dammaqee Mokonnoon, itti gaafatamuu
qabu!!
16. Hidhamtootni siyaasaa ilmaan Oromoo hundi halduree tokko malee
hiikamuu qabu!!
17. Nuti bilisummaa barbadna!! Oromiyaan bilisoomuu qabdi, jechuun dhaadannoowwaan dheekkamsaan guutamee afaan ingiliffaa fi afaan
Oromoon wal harkaa fudhuun dhageesisaan. Wallee Warraaqsaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO ‘n durfamuu fi hogganoota qabasoo bilisummaa Oromoo faarsan. Sochii warraqsa FDG kanaan wal qabatee goototni barattootni dargaggootni barattootni Oromoo 10 olitti tilmaamaman humna waraana wayyaanee Muktar Kadirii fi dammaqee Mokonnoon eeguuf bobbafameen ukkanfaman, maqaa adda baasuun gabaasna. Poolisootni Oromiyaa fi dhalootaan Oromoo ta’an tarkaanfii diinummaa fudhachuu irraa of qusachuun uummataan jalatamaa fi kabajamaa jiraachuun hubatame. hoggantootni Sochii warraqsaas poolisoota ilmaan Oromoo tarkaanfii gara jabeenyaa fi diinummaa irraa of qusachuu poolisota Oromiyaatti hedduu isaan galateeffate, biyyi kun yoo bilisoomte isin illee walumaan bilisoomtu, uummata keessaniif dhaabbadha dhaamsa jedhus dabarseefi jira.
Goototni hayyoonni hagganoonni Sochii Warraqsaa FDG fi qabsoo bilisummaa Oromoo karaa nagaa warraqsa FDG biyya keessatti qabsiisuun qabsoo finiinsa jiran ammas irra deebi’uun uummata Oromoo hundaaf waamicha FDG gadi jabeessuun dabarsuu itti fufuun ” Yaa ilmaan Oromoo waanjoo gabrummaa baatnee taa’uu hin qabnu bakka jirruu hundaa quba walqabaachuun tokkummaan kaanee biyyaa keenyaaf, mirga uummata keenyaaf, Oromummaa keenyaaf, bilisummaa keenyaaf, lafa Oromoo saamamaa jiruuf, ilma Oromoo ajjeefamaa, hidhamaa jiruuf, barnootarraa arii’amaa jiruuf, eenyummaa keenyaaf yeroon gamtaan kaanee falmannu amma.
http://qeerroo.org/2015/03/01/breaking-news-bitootessa-12015-goototni-dargaggootni-qeerroon-barattootni-oromoo-yuunibarsiitii-jimmaa-kolleejjii-barsiisota-jimmaa-manneen-barnoota-sadarkaa-2ffaa-jimmaa-fi-dargaggootni-oromoo-m/
Diddaan Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiitota Jimmaa Ummataa fi Poolisoota Oromoo Dabalatee Sadarkaa Jabaan Itti Fufe, Waraannii fi Humni Tika Wayyaanees Muddama Seene.
VIDEO
Guraandhala 26,2015 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argaman diddaa siran cunqursaa Wayyaanee Jabeessuun guyyaa har’aa i hogganaa abbaa irree Wayyaanee TPLF/EPRDF kan ta’ee Abbooy Tsaayyee balaaleffachuun Magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun Wallee Warraaqsaa FDG finiinsuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffatan.
Akkuma bara darbe baatii Ebla 11,2014 irra eegaluun gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi dimookiraasii karaa nagaa qabsiisuun FDG dhoosuun Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haarawaa banan torbee kana keessaa waldorgommii Ispoortii akka Oromiyaatti Jimmaatti gaggeeffama jiru sababeeffachuun Wallee Warraaqsaan uummata Oromoo hundaaf dammaqinsa qabsoo gochuu eegalaan; guyyaa har’aas itti jabeessuun ifatti ba’uun mootummaa Abbaa irree EPRDF /TPLF Abbaay Tsayyeen durfamuu Wallee Warraaqsaa dhaadanoon wal makatee fi barnoota guddaa uummataaf dabarsuu fi FDG’f nama onnachiisuu dhoosuun ifatti abbootii Irreef uummatni jilbeeffatee akka hin bitamnee magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun labsii godhani jiru.
Diddaa guyyaa har’aa goototni ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa uummata Oromoo ittin faarsaa olaanifi hogganaa wayyaanee Abbay Tsaayyee ittin balaaleffachaa oolaan , hedduu kan uummata hawwatee fi uummaatni fi dargaggootni Magaalaa jimmaa manaa ba’uun wallee warraaqsaa kanatti makamuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuu fi kan itti hin bullee ta’uu ibsachuun, Addatti immoo hogganaa Wayyaanee TPLF/EPRDF kanneen akka Abbaay Tsayyee sagalee guddaan balaaleffachuun: wallee warraaqsaa Ka’aa lollaa, Wayyaanee lollaa, Abbaa Irree Abbaay Tsayyee hogganaa wayyaanee lollaa , Ka’ii Oromoo falmadhuu, Wallaggarra falmadhuu, Amboo irraa falmadhuu, Jimmaa Irraa falmadhuu, Iluu irraa falmadhuu, Harargee irraa falmadhuu, Arsii gubbaa falmadhuu, Gujii Booraanaa falmadhuu, Arsii Baalee falmadhuu, Ka’aa lollaa abbaay Tsayyee lollaa, jechuun sagalee guddaan wallee warraaqsaa qabsiisuun Waamichaa FDG uummata Oromoo hundaaf dabarsan. ”kA’AA LOLLAA Hogganaan abbaa irree EPRDF/TPLF Abboyi Tsayyee uummata Oromoo jumlaan ajjeesisaa, hiisisaa, biyyaa irraa arii’achaa turee dhiyeenya immoo jechoota eenyummaa sabummaa fi mirgoota sabummaa uummatichaa tuquun dhimmaa ”MASTER PLAN FINFINNEE” wal qabsiisuun uummaata Oromoo abaaraa/arrabsaa .fi doorsiisa ture ni lollaa, ni balaaleffatna, aqngoo irraa bu’uu qaba jechuun wallee warraaqsaa jabaataa fi aarii jechoota dhiyeenya Abaay Tsayyee hogganaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF dubbatee addatti kan balaaleffate yoo ta’uu, akka walii galaatti qabsoo FDG finiinsuuf qindoominaa fi ga’uumsa Sochii dargaggoota Oromoo FDG gaggeessa jiranii uummataaf ibsuun, FDG waliigalaatti akka uummatni Oromoo makamuu fi harka walqabatee ka’uuf karaa kan saaqaa jiru ta’uun hubatame jira. Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa , Yuunibarsiitii Jimmaa,fi kolleejjii barsiisota Jimmaa sochii gootota Qeerroo barattoota Oromoo kanatti boonuun, isin malee maal qabna, isin cina jirraa, ija Abbay Tsayyee dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa turee fi dhuguuf labsii dugguugginsa sanyii Genocide labsa jiru irraa isin haa qabu, isin waliin jirraa jabaadha jechuun jalalaa fi fedhii guddaa qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ibsatan, FDG keessattis harka walqabatnee ni kaana jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isanii dabarsan.
Humnootni Poolisii Wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’iin fi humni tikaa fi dabballootni Wayyaanee sochii kana dura dhaabbachuuf ramadamaan human isaani ol waan ta’eef waan qabanii gadhiisan dhabuun dhiphina guddaa keessa seenani argamu. Magaalaan Jimmaas muddama guddaa keessa seentee kan jirtu ta’uun beekamadha.
http://qeerroo.org/2015/02/26/diddaan-qeerroo-yuuniversitii-jimmaa-fi-kolleejjii-barsiitota-jimmaa-ummataa-fi-poolisoota-oromoo-dabalatee-sadarkaa-jabaan-itti-fufewaraannii-fi-humni-tika-wayyaanees-muddama-seene/
VIDEO
VIDEO
Guraandhala 23,2015 Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte. Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan.
Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye. Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha “Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan.
Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne, “Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa,” “Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis firaafis haagaluu jechuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan. Uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan. Waraabbii fi Suuraan Sagalee waraabamee attach isiniif goone jirruu irraa guutummaa wallee warraaqsaa caqasaa. http://qeerroo.org/2015/02/24/gootonni-dargaggoonni-oromoo-jimmaa-warraaqasa-bilisummaa-finiinsuun-diddaa-kaasanpoolisoonni-oromiyaas-fdg-tumsan/
Ethiopia Official Threatens to Continue Mass Murder in Oromia to Grab Land; Use the Hashtag “#StopAbayTsehaye” to Protest Abay Tsehaye and the Addis Ababa Master Plan
February 21, 2015 · Finfinne Tribune & Gadaa.com
(OromoPress ) – Abay Teshaye, a member of the Executive Committee of Tigrean People’s Liberation Front (TPLF) and adviser to the current nominal Prime Minster of Ethiopia, made a genocide threat against the Oromo people who oppose the implementation of a land grabbing policy. Abay Tsehaye made the threat with a vitriolic tone of hatred and arrogance toward the Oromo:
“The master plan will be implemented now. If anyone from the Oromia regional administration or anti-peace forces oppose this, we’ll cut them to size,” OMN reported citing a leaked Amharic audio of Abay Tsehaye from a meeting that took place in Hawasa town in the south. Made against the Oromo People’s Democratic Organization (OPDO) and the wider Oromo people; the threat comes on a the heels of massacre across Oromia region from May to July 2014. Oromo media have repeatedly reported that Abay Tsehaye was one of TPLF/EPRDF masterminds of the episode of genocide that claimed the lives of over 200 Oromo students and led to the incarceration of 3,765 students and farmers across Oromia in mid-2014. The students were protesting the implementation of a land grab policy in Oromia towns and rural districts in and around Fifninnee/Addis Ababa, which led to an unexplained disappearance of over 200,000 Oromo farmers .
Abay Tsehaye made the statement at an official meeting on behalf of his party and the Tigrean-led Ethiopian government. His speech was not an empty threat since he and other TPLF officials have followed through with threats and engaged in acts of genocide in Oromia State against innocent civilians, especially the Oromo youth, over the last 24 years (since Tigreans grabbed state power). Oromo activists created a Twitter hashtag #StopAbayTsehaye to protest the angry and arrogant genocide threat by Abay Tsehaye and to spread awareness about the issue to the global audience.
http://oromopress.blogspot.co.uk/2015/02/ethiopia-official-threatens-to-continue.html
http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/02/ethiopia-official-threatens-to-continue-mass-murder-in-oromia-to-grab-land-use-the-hashtag-stopabaytsehaye-to-protest-abay-tsehaye-and-the-addis-ababa-master-plan/
VIDEO
We Are Ready to Pay Any Sacrifice to Stop Abay Tsehaye and His Cohorts
Qeerroo Bilisummaa Calls for Revolt In Response to Abay Tsehaye’s Insult of the Oromo People
One of the leaders of the TPLF/EPRDF regime and an architect of the so called “Addis Ababa Master Plan”, Abay Tsehaye, has openly insulted the Oromo people and particularly the OPDO by saying that the “Master Plan” will be put into practice by all means. Filled with contempt and arrogance, Abay Tsehaye said those who oppose the Master Plan “will be put down” or “face the consequences”. He proved the long time belief that the so called OPDO is nothing but a puppet of the TPLF which can be intimidated by a single TPLF individual. The dictatorial Woyane Ethiopian regime’s leader Abay Tsehaye, who is working as an “advisor” of the Prime Minister Hailemariam Dessalegn, is one of the TPLF heavy-handed personnel who interfere in all internal affairs of the nominal so called “Oromia regional government”. He is said to be constantly harassing and intimidating high ranking OPDO officials and the leaders of the so called Oromia Regional Administration by calling them into his office. It should be clear that his current insult of Oromo nationalists and members of the Oromia regional administration is an insult to the entire Oromo nation. The so called “Master Plan”, which Abay Tsehay and his TPLF hooligans are trying to shove down into the Oromo people’s throat, is a plan intended to evict Oromo farmers from their ancestral land and destroy the Oromo identity. It intended to take away Oromo land without the will of the owners of the land and destroy Oromo language by incorporating Oromian towns and villages into one big Addis Ababa, the capital city which should belong to Oromo in the first place. In doing so, Abay Tsehaye and the Tigrayan elites have a plan to divide Oromia into two: East and West.
In April and May, 2014, Qeerroo Bilisummaa has organized Oromian youth for nationwide protest against this so called “Master Plan”, in which the regime brutally killed hundreds of school children and arrested and ruthlessly tortured tens of thousands others. Our people have already paid the ultimate sacrifice with their blood and the lives of their children. The current chauvinistic outburst of Abay Tsehaye only reaffirms to us that our struggle should continue and that we should pay all necessary sacrifice. We will NEVER let this minority regime dictate its will upon us. We shall ignite the torch of Revolt Against Subjugation (Fincila Diddaa Gabrummaa ) again and defend our father’s land and dignity. A minority regime will not “put us down”. More:- Stop Abay Tsehaye and His Cohorts
http://qeerroo.org/2015/02/18/we-are-ready-to-pay-any-sacrifice-to-stop-abay-tsehaye-and-his-cohorts/
Areal Satellite Images of the Addis Ababa expansion (1992-2013) at the Expense of Oromo Farmers
By “Reinvent Ethiopia”
Addis Ababa has expanded rapidly over the last 20 years by swallowing villages and farming communities, all of whom are Oromos, along its path. This has resulted in the eviction of at least an estimated 100,000 Oromo farmers to make way for “industry” and other high priority “development” endeavours, and for the construction of luxury apartments and mansions for TPLF officials and their accomplices. These farmers, because they have never had any experience with urban ways of life and doing business, soon become homeless, jobless begging on the street when they run out of the unfair compensations they were given by the government. This is very sad, and a crime of genocidal proportion.
Many OPDO officials, contrary to their TPLF masters, know these horrifying stories of farmers left on the street of Addis begging, and others working as daily labourers. And it seems they have said enough when they resisted the top-down approach of imposing the so-called Addis Ababa surrounding Oromia integrated Master Plan, which is kind of a way to legitimize the annexation of towns around the city. Many were killed when they peacefully took to the streets to protest the Master Plan in April/May 2014. No enquiry has ever been conducted regarding the massacres in Ambo and other locations.
And TPLF continues to bully OPDO officials to submit themselves in continuing to committing genocide on the Oromo farmers. Some bow for their masters. Others not so much.
Many believe the Master Plan is not according to the interest of the Oromo people, and it has to be prepared by the Oromia regional state after Addis Ababa is handed over to the Oromia regional state as a special administration territory, also stipulated in article 49(5). Well, TPLF is not even willing to amend the plan, let alone giving the city to Oromia regional state. This is shown in the ignorance of officials, such as Abay Tsehaye, who declares war on people as unison on public meeting. Abay Tsehaye, probably the second in command of TPLF, has vowed to crush any resistance to the Master Plan. But the Oromo youth or Qeerroo and other political parties, both peaceful and through armed movement, have echoed their concern and promised to address the issue seriously.
The following video is a compiled satellite night time images making time lapse of Addis Ababa since 1992. It clearly shows the city has rapidly grown particularly huge jump between 2003 and 2006.
Ask yourself, is this growth or genocide? What is the meaning of development if it just displaces resources, makes one rich for every 1000 poor? Ask yourself, why farmers who have always lived with their land in pride, sustain themselves for generation, are removed from their livelihoods into new ways of life that are quite radical and hard to comprehend? http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/02/reinvent-ethiopia-areal-satellite-images-of-the-addis-ababa-expansion-1992-2013-at-the-expense-of-oromo-farmers/
VIDEO
“Master Plan” Finfinnee irratti Ibsa ABO:- Balaa Ummata Oromootti aggaamame hanqisuun dirqama Oromummaa ti!
Guraandhala/February 18, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com |
————–
Gabrummaa waggoota dhibbaa oliif Oromiyaa irratti diriirfame ummata Oromoo Kumootaan qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaasuun lafa dhablee taasiseera. Magaalaa Empaayera Itophiyaa handhuura Oromiyaatti gadi dhaabuuf tarkaanfii sanyii duguuggii/genocide/ wal gituun fudhatamaa tureen gosootni Oromoo Abbichuu fi Galaan naannoo irraa dhabamsiisamaniiru. Tarkaanfiin diinummaa maqaa “Maaqnaat ” jedhuun adeemsifamaa ture bara Wayyaanees maqaa “misoomaa fi guddinaan ” itti fufamuu irraa yeroo ammaatti Oromoon qe’ee fi jireenya isaa irraa buqqaafamaa jiru kan durii irra caalaa dhufe malee hin xiqqaanne. Mootummaan Wayyaanee karooraa fi imaammata Abbootii isaa irraa dhaale itti fufsiisuun waggoota 23 dabraniif lafoota akka Boolee Bulbulaa, Laga Xaafoo, Aqaaqii, Sabbataa, Sulultaa, Buraayyuu fi kkf irraa qotee bulaa Oromoo ari’uun gurgurataa fi hirataa har’a gahuunis dhokataa miti.
Karoora bittootaa ummata Oromoo hin fayyadne, qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaasee hiyyummaa fi deegaaf saaxilu kana mormuun lammiileen Oromoo hedduu wareega lubbuu itti baasaniiru. Kan man hidhaatti guuramanii fi dhaanaman kumoota hedduun lakkaa’amu. Lammiiwwan Oromoo kabajamuu mirga ummata Oromoof jecha diinaan ajjeefamanii fi hiraarfaman, akeekni irratti wareegama lammummaa baasan bilaashatti akka hin hafnee fi karoorri diinaa Oromoo irratti xiyyeeffate kunis akka hin milkoofne gochuun ammas dirqma lammii Oromoo hundaa tahu gadi jabeeffamee hubatamuu qaba. Karoorrii fi imaammatni bittoota Itoophiyaa maappii Oroomiyaa jijjiiruun gaaffii walabummaa fi bilisummaa ummata Oromoo hanqisuu akka tahe eenuyyuu jalaa dhokataa miti. Kanaafis jalqabaa hanga ammaatti ummatni Oromoo shira diinotaa kana gootummaan dura dhaabbatuun haqa isaaf wareegama baasaa akka ture seenaan QBO ni hubachiisa. Shiraa fi hammeenya bittoota Itophiyaan Oromoo irratti dalagamaa dhaloota har’a dhaqqabe kanas ABOn irratti qabsaawaa fi qabseessisaa akka turee fi jirus hubatamaa dha.
Karoora Master plan Finfinnee jedhuun shira yaadame kana ilaalchisee HD ABO J/Daawud Ibsaa waggaa haaraa bara 2015 ilaalchisuun dhaamsa dabarsaniin ,”Master plan Finfinnee kan jedhamu haala kanaan dura mootummootni Itophiyaa dabran gochaa turan irraan addatti bifa baraneen ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuun eenyummaa isaa dhabamsiisuu irratti kan xiyyaafate dha” jechuun shira duubaan jiru saaxilaniiru.
Karoora diinummaa lafaa fi magaalota Oromiyaa bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuudhaan bulchiinsa Federaalaa jala galchanii akka fedhanitti gurguratuu fi hiratuuf baafame kana ilaalchisee qondaalli ol aanaa mootummaa Wayyaanee Abbaay Tsahaayyee haasaa dhiheenya godheen, “Karoorri Finfinneef baafame hojii irra ni oolfama! Kan kana dura dhaabbatu hundas ni sirreessina! eenyummaa keenya itti agarsiifna!” jechuun bulchitootaa fi qondaalota OPDO-tti dhaadateera. Abbootiin irree osuma dhaadatanii kan dhabaman tahuun beekamaa tahus dhaaduun qondaala Wayyaanee kanaa , Wayyaanotni hangam ummata akka tuffatani fi hagam ammo akka salphatanii gadi bu’an agarsiisa.
Dhabamaa fi deega ummata Oromoon jireenya qananii jiraatuu kan baratan bittootni Itoophiyaa dhaadatuun, ummatni Oromoo mirgaa fi eenyummaa isaatiif falmatuu irraa tasa isa hin dhaabu. Ummatni Oromoos karoorri hojii irra oolfama jechuun qondaalli diinaa ittiin dhaadatu kun kan eenyummaa fi mirga isaa irratti xiyyeeffate tahuu caalaatti waan hubatuuf walabummaa fi bilisummaa isaa gonfachuuf qabsoo itti jiru finiinsun galii isaan kan gahatu tahuun shakkiin hin jiru.
Kanaaf ilmaan Oromoo sirna farra ummata Oromoo tajaajiluuf itti fufuu murteeffataniin ala OPDO keessa jiran, haasaan tuffii, karaa biraa ammo abdii kutannaa fi jibbiinsaa Abbaay Tsahaayyee, diinni yoomiyyuu diina tahuu kan mirkaneessu waan taheef mirga ummata Oromoo kabajsiisuuf ummata isaanii cinaaa hiriiruun akka qabsaawan, tarkaanfii seenaa qabeessa fudhattaniinis gaafatama seenaa jalaa akka of baasan ABOn waamicha Oromummaa amma illee irra deebiin dabarsaaf.
Kan waliin kanneen wal qixxummaa, dimokraasii fi haqaaf falmina jedhan hundi gochaan farrummaa ummata Oromoo mirga jiraachuu dhabsiisaa jiru kun wayta ifatti raawwatamaa jiru kanatti, saaxiluu fi dura dhaabbatuu irra moggaa dhaabbatanii ilaaluu filatuun ykn akka hin dhagahiinitti callisuun seenaan gaafachiisaa tahuu akka hubatan ABO gadi jabeessee dhaama. Karoora diinaa eenyummaa Oromoo dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate kana ABOn jabinaan kan dura dhaabbatuu fi fashalsu tahuu irra deebi’ee ummata Oromoof dhaamaa, karoorrii fi imaammatni mirga ummataa hin kabajnee fi ummata abbaa biyyaa dhabamsiisuu qabsoo ummataan kan fashalu tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisuu fedha.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 18, 2015
Ibsa Ejjennoo Haala Yeroo Irratti Garee Deeggartoota Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) Idil-Addunyaa irraa Kenname.
====================================================================================================================
Ministeera Dhimma Federaalaa kan turanii fi yeroo ammaa kana Waajjira Muummicha Ministeeraa keessatti Gorsaa Olaanoo ta’uu dhaan kan tajaajilaa jiran Obbo Abbaay Tsehayyee dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee ilaalchisuudhaan haasawaa taasisan keessatti tuqaalee armaan gadii irratti Olaantumaa Seeraa Kan Cabsan fi Kabaja uummataa kan mulqan waan ta’eef Cimsinee balaaleffanna.
1ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbay Tsehayyee dhaadatan Seera Fi Heera cabsuudhaan uummata keenya irratti lola kan labse waan ta’eef cimsinee ni Mormina.
2ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbaay Tsehayyee dhaadatan Tuffii Motummaa Naannoo Oromiyaaf qaban qofa osoo hin taane Tuffii uummata Oromoof qaban kan agarsiisu waan ta’eef cimsinee balaaleffanna.
3ffaa:- Dhaadannoon Obbo Abbaay Tsehayyee dhaadatan kun Seera fi heera biyyattii keessaa Ofiin Of Bulchuu Mootummoota Naannoo Keewwata 50-52 irratti barreeffamee jiru kan Cabsan waan ta’eef Cimsinee ni Mormina.
4ffaa: Dhaadannoon obbo Abbay Tsehayyee uummata Oromoo irratti dhaadatan seeraa fi heera biyyattii Keewwata 42 Lakkoofsa 2 fi 4 irratti akkasumas Keewwata 89 lakkoofsa 6 irratti barreeffame burkuteessuu dhaan murtee uummata hin hirmaachisne murteessuuf waan dhaadataniif dhaadannoo isaanii kana cimsinee mormina.
Walumaa Galattii Obbo Abbaay Tsehayyee gita hogganummaa biyyattii isa olaanaa irra osoo jiranii Seeraa fi Heera biyyattii cabsuudhaan haasawa uummata xiqqeessu fi tuffii calaqqisu waan ta’eef Garee Deeggartoota Idil-Addunyaa Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) kan balaaleffatu ta’uu beeksifna. Kanaafis Olaantummaan Seeraa biyyattii keessatti akka kabajamuuf Obbo Abbay Tsehayyee aangoo isaaniirraa kaafamanii gocha raawwataniif seeraaf dhiyaatanii akka itti gaafataman cimsinee gaafanna!!!
Garee Deeggartoota Idil-Addunyaa Paartii Kongirasii Federaalawaa Oromoo(KFO) irraa
Gurraandhala 2015
http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/02/master-plan-finfinnee-irratti-ibsa-abo-balaa-ummata-oromootti-aggaamame-hanqisuun-dirqama-oromummaa-ti/
VIDEO
VIDEO
VIDEO
“We Will Not Allow Tigrean Buildings and Factories on the Graves of Oromo Farmers.” – OFC Editorial Takes Decisive Position to #StopAbayTsehaye
http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/02/we-will-not-allow-tigrean-buildings-and-factories-on-the-graves-of-oromo-farmers-ofc-editorial-takes-decisive-position-to-stopabaytsehaye/
Few months ago, in an interview with journalist Befekadu Moroda of Oromia Media Network (OMN), I asserted that TPLF and the Tigrean ruling class have transformed into Neftegna. Abay Tsehaye’s recent words and behavior testament to that. Remember the Neftegna system that gave monopoly over the means of violence and the sources of wealth produced chauvinistic agents who exploited and disrespected oppressed groups in Ethiopia. The system also engineered social behaviors that justified the actions of those agents and popularized myths of the dominant groups socio-cultural superiority. Overtime, the ruling class and its base began rationalizing and institutionalizing prejudice and extreme form of violent responses towards those who dissented.
During the early years of their rule, as violent and oppressive they were, TPLF differentiated themselves from their predecessors by being sensitive and showing reasonable respect for groups they subjected. However, they began abandoning such sensitivity as they consolidated power and began amassing wealth, and they have started adopting the ugly behaviors of their predecessors. Nowadays, emboldened by the absolute monopoly of the means of violence, intoxicated with abundance of wealth at their disposal and facing no so significant threat to their rule, the TPLF Tigrean rulers’ rudeness, arrogance and disrespect for other cultures have become their norm. Just like their predecessors, they have the false sense of inherent superiority which had made them feel invincible. This behavior is even worse among their rising generation – which was born into wealth and power and grew up being drugged with post-victory (post-1991) bravado of TPLF.
This is good and bad news. It’s ‘bad’ because such collective behaviors increase and justify violence and repression against the subjected populations. However, on the ‘good’ side, it makes the system intolerable – expanding the base of resistance, and, consequently, speeding up the downfall of the system.
http://www.gulelepost.com/2015/02/16/abay-tsehaye-the-ugly-face-of-tigrean-chauvinism/
http://www.siitube.com/articles/jawar-mohammed-abay-tsehaye-the-ugly-face-of-tigrean-chauvinism_1630.html#.VOJM9fYI3FQ.facebook
Abay Tsehaye’s Bravado Exposes the TPLF Master Plan
Abay Tsehaye’s threat, its tone and spirit, is very revealing of TPLF’s contempt and disrespect for Oromos, even those who are serving them as puppets. What is the story behind such outburst? After completion of the the Master Plan without any involvement from the Oromia side, Abay Tsehaye gathered senior OPDO leaders and ordered them to implement the plan. They expressed concern that they were not involved in the process of drafting the plan and that it will be hard to convince the rank and file. They were told they will not take NO for answer. The OPDO leaders could not even agree on the matter and when they took the issue to the mid-level leadership, they were met with fierce resistance and hostility. While the Oromia state leaders were planning to bring the issue to the Caffee ( parliament) for deliberation, Abay/TPLF could not wait so they bypassed them, gathered administrators of cities surrounding Finfinne and told them to begin implementation. At this meeting, the city administrators raised several procedural and policy objections and said they cannot take this plan without further study and deliberation at Caffee ( Oromia parliament level.) The administrators said they cannot convince the public about a plan even they themselves neither understand nor accept. In their typical manner Abay Tsehaye and TPLF leaders rejected the request for further discussion at the leadership level and gave them strict orders to begin the implementation phase. This conflict reached the public leading to the mass protest and massacre of April/May 2014.
During and in the aftermath of the protest, OPDO leaders agreed on the need to postpone the Master Plan as a way of containing the situation. This idea was initially accepted by the official EPRDF including the Prime Minister. However, Abay Tsehaye summoned the OPDO leaders and accused them of sabotage and threatened to eliminate them from the top down, and anyone who stands in the way of the Master Plan. Terrified, the puppet leaders went home and began hibernating avoiding the subject altogether.
Therefore, what is heard in this leaked audio of Abay Tsehaye threatening over a thousand urban planners and administrators is nothing new. His contempt towards Oromo and insidious plan to rob them of their land must be confronted. They have already began implementing the Master Plan and Abay Tsehaye had made it abundantly clear that they will go ahead by any means necessary. Well this needs to be met with the same spirit–the plan must be stopped by any means necessary.
Lets remember that the Finfinne issue is not isolated. TPLF’s real master Plan is to establish Tigrean economic monopoly by depriving Oromos of any real source of economy across the country including fertile land, mineral sites, manufacturing and trade. Therefore the target of Oromo resistance needs to focus on fighting back against this real Master Plan. The resistance needs to identify businesses of TPLF and its affiliates across Oromia and take them on to ensure they don’t succeed.
Arrogant TPLF leaders should realize that their power is more vulnerable than their fortified headquarters lead them to believe. The roots and branches of their domination extends deep into the remotest part of our homeland.
Biyya tuffatan harreen garmaaman
========================
The Gulele Post • February 15, 2015
“Waan feetaanis fiddan Masteer Pilaanin Finfinnee hojirra ni oola. Warra nu dura dhaabbate abbaa feetes taatu ‘likkii’ galchina. Qondaalonni Oromoo godiina naannawa Finfinnee yakkamtoota. Qonddaalonni Oromiyaa laamshoodha.” Kun hundi arrabsoofi dhaadannoo qondaaltichi Wayyanee guddichi Abbaay Tsahaayyee Oromoota walitti qabee itti huruurse kaassaayi. Sagalee gabaabduu waraabamtee OMN geette irraa jechoota fokkisaa akkasii yoo dhageenyu kan nuti hin dhagayin hafan maal faa akka ta’e yaadun nam hin dhibu. Akkan dhagayetti, tibba mormiin godhamaa ture san qondaaltoota OPDO gurguddoo walitti qabuun arrabsoo dhuunfaa bira dharbee hamma doorsisuufi harkaan itti aggaamutti gahame ture.
Tuffiifi jibba Abbaay Tsahaayyeefi waahillan isaa Oromoof qaban afaan ajaayan as bahe kun dhimma nam- tokkee akka hin taane namuu hubachuu qaba. Ejjennoo jaarmayni Wayyaanneen qabattee deemtuun, kan qabeenya Oromoo saamuun sirna cunqursaa isaanii tursiisuuf hammeenya hammamii raaw’achuuf akka muratan ragaadha. Karoorri maqaa Master Pilaaniitin Finfinnee bal’isanii, Oromiyaarraa muranii fudhachuu kunis kophatti laalamuu hin qabu. Master Pilaaniin kun karoora guddicha fi isa ol aanaa Tigroonni ol’aantummaa dinagdee yoomifu turu ijaaruuf qaban irraa kan maddeedha. Akkuma namuu argu yeroo amma kanatti lafti gabbataan jaraaf hirmaa jira. Iddoon albuudaa, warshaalee gurguddaani fi magaalaan sochii dinagdee qabdu too’annaa jaraa jala galfamaa jira. Daldaltoonni Tigraay hamma baadiyyaa Oromiyaatti caasaa diriirfachuun daldaltoota Oromoo taphaan ala godhanii jiran. Qonnaan bulaa Oromoo kaan lafa irraa fudhatanii warshaafi mana jireenya waardiyyaa isaani godhatan. Warra hafe ammoo xaa’oo gatiin samii tuqee itti fe’anii kasaarsanii hiyyoomsan.
Bifa kanaan Oromoo bakka hundatti saamanii hiyyoomsuun Tigree erga duroomsanii booda, dureeyyonni kun Finfinneetti galanii tujaara bakka hin sochoone taasisuuf saffisaan carraaqaa jiran. Milkaayaas jiru. Wanni magaalaa Finfinnee bal’isanii too’achuu fedhaniifis karoora kana waan qabaniifi.
Shira kana fashalsuufi tuffii warra Abbaay kana ofirraa dhaabuuf falli jiru karoora dinagdee Wayyaanee kana hongeessuudha. kana gochuuf:
1. Mormiin master Pilaanii kanarratti ka’e itti fufuu qaba. Diddaan hawaasaafi dargaggoota dabalatee, Ilmaan Oromo sirna san keessa jiran akka Pilaaniin kun hojirra hin oolle waan danda’an hunda godhuu qabu. Hubadhaa, tumsa ilmaan Oromootin alatti karoorri kun hojitti hin jijjiiramu. Kanaaf baatanii ifatti mormuu yoo dadhabdan dalaguma isaan isinitti kennan lafarra harkisuun qabsoof gumaachuun dandeessan.
2. Hunda caalaa daldalaafi sochii diinaggee Wayyaaneefi warri isaanitti hidhatan Oromiyaa keessatti godhan fashalsuurratti fuulleffachuu feesisa. Qabeenya akka dhuunfaafi gurmutti qaban adda baafatanii bifa danda’ame maraan kuffisuuf tattaafachuun dirqama. Ooyruu qonnaa isaan nama keenya irraa kafatanii irraa duroomaa jiran, warshaa guddaa malaammaltummaan harkatti galfatan, lafa albuudaan ummata ardaa sanii hagabsaanii saamaa jiran hunda adda baafatanii irratti xiyyeeffachuu barbaachisa.
Walumaa galatti tuffi Wayyaanee kana kolaasuufi karoora ol’aantummaa diinaggee jaaruuf qaban kana hoongessuf mormiin qofti gahaa miti. Tarkaanfiin qabatamaan kasaaraa keessa isaan galchu itti dabalamuu baannan jarri nutti koflaa, nu ajjeessaa nu arrabsaa hidda isii gama maraan gadi fageeffachaa jirti. Qanni gaariin hiddi kun biyyoo, biyyaafi saba keenya jidduutti gadi dagaage. Kun ammoo biyyee san irraa haadhanii, saba itti dammaysanii biyya ofiirraa buqqaasuuf haala mijaayaadha. Of gaafadhaa, wal gaafadhaa, falfala jaraa kanaaf fala faladhaaa!
http://www.gulelepost.com/2015/02/15/abay-tsehayes-bravado-exposes-the-tplf-master-plan/
VIDEO
Gurraandala 10,2015 Waliiso
Magalaa Walisoo, Buusaa, Tajii, Asgorii,Tullubollo, Sabbataa fi bakkewwan adda addaa keessatti barruuleen warraaqsaa hedduun Qeerroo Bilisummaan maxxanfamuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Sochii Warraaqsa Bilisummaa ta’aa jiru daran jabeessuun dhadannoolee uumata onnachiisanii fi waamicha diddaa sirna Wayyaanee kan qabu barruuleen kun bakkoota mootummaan Wayyaanee beeksisa maxxanfatu irrattii fi lafa magaalota bakka bebbeekamoo irratti maxxanfamuu fi uumataafis raabsamuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Keessattuu Qeerroon aanaa Daawoo magaala Buusaa mana murtii fuula duraa fi secondary fuuldura ti waraqaa waamichaa dhoobuu fi magaala iddoo hedduu ti faca’uurraan kan ka’ee uummanni gammachuu guddaan kan itti dhagaheef qeerroon daraan kan onnatan ta’uu odeessi gama sana irraa nu dhaqabeera.
Gabaasa guutuu dhimma kana agama fuula duraa dhiheesina.
http://qeerroo.org/2015/02/11/godina-kibba-lixaa-shaggar-magaalota-adda-addaa-keessatti-barruuleen-warraaqsaa-qeerroon-maxxanfaman/
Gabaasa Qeerroo Qeellam,Gurraandhala 10,201 5
Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.
Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa, milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.
http://qeerroo.org/2015/02/10/warraaqsi-bilisummaa-wallaggaqellem-keessatti-daran-jabaachuun-uummanni-ajaja-mootummaa-wayyaanee-lagate/
Gabaasa Qeerroo Aliboo Amajjii 26,2015
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee Bara filannoo 2015 kana milkeessuudhaaf duula Kaardii fudhadhaa humnaan gaggeessaa jiraachuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis Aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa fi Aliiboo keessatti daran hammaataa tahuu irraan darbee tajaajilawwan hawaasaa Karoora mootummaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jedhamuun Uummatatti ololaman keessaa kanneen akka Ibsaa fi Bishaanii haala olaanaadhaan Uummata Magaala Aliiboo rakkisuu fi himatanis qaamni deebii deebisuuf waan dhibeef Hiriira nagaa Humna mootummaa wayyaanee ol tahe godhanii jiran. Barattootni, Barsiisotni, Jiraattootni, Daldaltootni, Hojjettootni mootummaa fi dhuunfaa magaala kana keessaa guutummaan hiriira kana keessatti hirmaachuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Dargaggootnii fi Uummatni Hiriira kana irratti bahuudhaan walleewwan Warraaqsaa ‘’ SII WAYYAAREE, OROMOON LEENCUMA DURUU, ABO NUUF WAYYA,..’’ Kanneen jedhaman wallisuudhaan dhaadannoowwan garaa garaas dhageessisuu irratti argamu. Dhaadannoowwan
1. Tajaajilawwan Hawaasaa kanneen akka Ibsaa argachuu qabna
2. Kanneen hidhaman haa hiikaman
3. Kaardii filannoo dharaa hin fudhannuu fi kanneen biroo kaasuudhaan Hiriira nagaa gaggeessuu irratti argamu
Ebla 2014 keessas Uummatni Magaala kanaa adda durummaan Master Plan wayyaaneen qopheessite dura kan dhaabbate yoommuu tahu FDG itti fufinsa qabu gaggeessuudhaan Mootummaa wayyaanee hundeedhaan akka buqqisuuf FDG itti fufanis hooggansi Qeerroo Magaala Aliiboo gabaasee jira.
http://qeerroo.org/2015/01/26/wallaggagodina-horroo-guduruu-aanaa-jaardagaa-jaartee-keessatti-fdg-humna-mootummaan-ol-tahe-dhohe/
Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Awadaay.
Filannoo Caamsaatti gaggeeffamuuf kaadhimamtoota jechuun namoota Wayyaaneen dhiyeeffataa jirtu irratti mormiin uummataa mudate.
Sirni abbaa irree Wayyaanee karaa lukkeewwan isaa OPDO godina Harargee bahaa magaalaa Awwadaayitti wal gahii gaafa Amajjii 21,2015 uummataa fi miseensota OPDO walitti qabuun kaadhimamtoota filannoo caamsaatiif kaadhimaman jechuun uummatatti beeksisuuf walitti qabe irratti mormiin jabaan uummataa fi miseensota isaa irraa isa mudate. Akka odeessa Qeerroo Awwadaay irraa nu qaqqabetti miseensota OPDO dabalatee kaadhimamtoonni kanneen namoota badii uummata Oromoo irratti dalaganii fi amantii keenya sirnaa dhiisee amantii mootummaan barbaadu dirqamaan nu irratti fe’uuf waarreen deeman waan taheef gonkumaa bakka nu bu’uu hin dandahan jechuun wal gahii walitti qabame irratti lukkeewwan Wayyaanee qaaneessuun wal gahii bittimsuun, dhaadannoo nama ‘’bakka nuu bu’u u dandahu kan filatu uummata Oromooti malee qaama biraa nu hin barbaachisu’’ jechuun sagalee isaanii dhageessifataa akka turan gabaasni nu qaqqabe ibsa.
Kanneen kaadhimamtoota jechuun uummataaf dhiyaatanii mormiin isaan mudate keessaas; –
Sheek Qamaara, nama sirna dargii keessa bakka sagadaa uumataa fuudhee waajjira taasifachuun dargii tajaajilaa ture ammas sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
Yuusuuf Qophee nama golgaa amantaan sirna Wayyaanee tajaajilaa jiru.
Ahamad Haaruun nama amantii sirna Wayyaaneen gaggeeffamu leellisu.
Muktaar Karroo nama waggoota kudha shanii duraa calqabee maqaa amantiin wayyaaneen walii galee hojjetu,
Sheek Bakarii Imaam ,
Mahaammad Aliyyii,
Sheek Mahaammad Saalihaa kanneen
Jedhaman namoota miidhama uummata Oromoo irratti gama hundaan halkanii
guyyaa hojjetan waan taheef, balaaleffannaan uummata qofaan otoo hint a’iin miseensuma OPDO dabalatee mormiin jabaa akka isaan mudate gabaasin nu qaqqabe mirkaneessa.
http://qeerroo.org/2015/01/24/14800/
Guyyaa har’aa jechuun Amajjii 25 Bara 2015 Waamicha Paartii mormaa Andinnet Uummata Magaala Finfinneedhaaf waamicha hiriira nagaa dabarsee booda Uummatni muraasni hiriira irratti wayita argamu; Mootummaan Wayyaanee garuu dhaadannoowwan dhageessifamaa jiran seera qabeessa miti jechuudhaan waraana hedduumminaan itti bobbaase. Wayita kanatti Uummatni magaala kana jiraatu waraana Mootummaa Wayyaanee Uummata hiriira nagaa bahetti duule dura dhaabbachuudhaan Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa oolanii jiran. Uummatni rakkoo jireenyaa fi gidiraa mootummaan wayyaanee uummata irratti buusee jiru hadheeffachuun filannoon dharaas daran waanjoo garbummaa kana kan dabalu malee nageenya waaraa kan hin fidne tahuu ifaan dubbatanii jiran. Uummatni mana mana isaadhaa waraana wayyaaneetti bahuudhaan filannoo dharaan lammaffaa hin gowwoomnu jechuudhaan duula fincilaa godhee jira. Mootummaan wayyaanees haala kanaan kan baarage rakkoo uummata hidhaa fi reebuu hammeessus Uummatnis tarkaanfii walfakkaataa waraana wayyaanee irratti fudhachuudhaan Poolisootni hedduun madeeffamanii jiran. Paartiileen Mormitootaas filannoo dharaa fi abbaa irrummaan guutame kana keessaa akka of baasuu qaban Uummatni diddaa gaggeesse keessatti ifa godhee jira.
Addatti Uummatni Oromoo magaala Finfinnee keessa jiraatu hiriira irratti kan argaman osoo hin taane waraana Wayyaanee Uummata nagaa hiriirsuuf gadi bahe dura dhaabbachuun isaa Paartii Mormaa Andinnet haala olaanaadhaan ajaa’ibsiisee jira. Haala amma eegalame kanaan jabeeffamuudhaanis Mootummaan Wayyaanee hundeedhaan buqqa’uu akka qabuu fi Uummatnis daran diddaa isaa jabeessee akka itti fufu Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa waamicha isaa gadi jabeessee dabarsa.
http://qeerroo.org/2015/01/25/breaking-news-uummatni-magaala-finfinnee-jiraatu-carraa-argateen-filannoo-dharaa-fashalsuudhaaf-duula-wayyaanee-irratti-bahe%e2%80%8f/
Wallaggaa Aaanaa Jimmaa Horroo Keessatti Filatnoo Mootummaa Wayyaaneen Wal Qabatee FDG Ka’uun Barattooti Oromoo 6 Hidhaman Kaan Amma Illee Diddaa Itti Fufan
Gabaasa Qeerroo Adaamaa,Amajjii 16,2015
Filannoon baranaa uleedhan fudhatamuuf jira jedhu jiraattonni magaalaa Adaamaa fi naannawa ishee tokko tokko akkuma beekkamu filannoo bara kana adeemsifamuuf mootummaan Wayyaanee lafa jala yaalii akka hin moo’amneef olola garagaraa magaalaa hanga baadiyyaatti taasisaa jira.
Yeroo kana immoo ummanni kaardii filannoo akka fudhatuuf dirqamaan mana manarra deemee fudhachiisaa jira achumaan duula na filadhaa jedhus taasisaa jira.Sababuma kanaan dargagootni naannawa magaala Adaamaa kaardiin keessan mirga ykn bilisummaa nuuf hin fidu kaardii kijibaa hin fudhannu jechuun didan ,ergamtoonni mootummaa wayyaanes dargaggoota kaardii fudhachuu didan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun ganda keessatti doorsisaa sodaachisaa akka ummanni kaardii dirqiin fudhatu taasisaa jiratan illee dargaggoonni lagataa jiraachuu Qeerroo gabaase. Ummannis sodaachisuu fi doorisaan kaardii mootummaan nutti hiru mirga dimokoraasii fi bilisummaa sabaa waliin waan wal hin ilaalleef gochaa abbaa irrummaa kana dura ni dhaabbatna jedhanii jiru.
http://qeerroo.org/2015/01/16/filannoon-dharaa-mirgaa-fi-bilisummaa-hin-fidu-jechuun-daraggoonni-adaamaa-kardii-filannoo-lagatan/
Gabaasa Qeerroo Shaggar Kaabaa, Amajjii 8,2015
Shaggar gara kaabaa, aanaa Garba Gurraachaa irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti Amajjii gaafa 5 mootummaan Wayyaanee dhimma misooma guddina biyyaa jedhuu fi gumaacha hidhaa laga Abbaayiif hojjetoota isaa garagaraa uummata waliin magaala Garba Gurraachaa irratti walitti qabuun uummataa fi hojjetoota mariisisuuf sagantaa qabatee ture, akka walii galaatti uummatas tahe hojjetaan akka yaada mootummaatti uummata jiraattotni aanaa kana keessa jiraatu walgayii kana irratti hirmaatee akeeka mootummaa galmaan gahuuf dhibbaan namootni akka bobbahan ture, sammuu uummataa keessaa kan hin baanee fi hanga ammaatti uummanni akka Shaggar kaabaatti qabatee jiru leenjii barattootni yeroo gannaa walgayii mootummaan EPRDF teesisaa ture irratti gaaffii dhimma qotee bulaan lafa isaa irraa ariyamee, lafti qote bulaa mootummaadhaan saamamee gurguramaa ture irratti gaaffii uummata bakka bu’anii gaafataa turan irratti mootummaa biraa deebiin waan hin kennamin hafeef, akkasuma mootummaan Wayyaanee miidhaan ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru ilaalchisee uummanni Oromoo quuqaa garaa isaa keessa jiru baafatee himachuuf carraa kan hin argatne tahuu ibsanii jiru.
Haala kanaan mootummaan Wayyaanee ammoo dhimma maqaa misoomaan uummata walitti qabuu fi hidhaa laga abbaayiif uummata irraa qarshii sassaabu kun uummata Oromoo jiraattoota aanaa kana keessa jiraatu biratti gocha saaminsa bifa isaa jijjiirratee fi tooftaa sirni gabroonfataa kun itti fufiinsaaf karaa mijeeffachaa jiru tahuu isaa waan hubateef mootummaan wayyaanee dursee walgayii kana ajajuu isaan dursa guyyaa tokkoo waan taheef uummanni aanaa kana keessa jiraatu dhaamsa waliif dhaamuudhaan hojjetan mootummaa uummata Oromoo waliin tahuun walgahii EPRDF Wayyaanee yaame lagatanii jiru.
Amajjii 5,2015 irratti namoota 15n hin caalleen hirmaatame, isaan kunis gaaffii uummataa kaasan, gama tokkoon mootummaan uummata miidha, uummata hidhaa, ajjeesaa akkamiin uummanni mootummaadhaaf ajajamaa, lafti Oromoo gurgumee dhumeera, lubbuu baayees dhimma lafa Oromiyaatiif dhabneerra, kan jedhan kanneen qaamuma mootummaa godina kanaa tahuu odeessaan nu gahe addeessa.
Tuttuqaan Wayyaanee uummata Oromoo gamteessaa jira, akka gabaasa Qeerrootti mootummaadhaan ajajamuu keenyaan dura mootummaan dura gaaffiwwan hunda ilmaan oromoo hunda irraa ka’aa jiru kallattii adda addaan kanaan dura ka’e karaa miidiyaatiin deebii haqaa akka kennu, ammas taanaan fuula durattis mootummaa hojii gara jabeessaan uummata keenya irratti raawwataa jiru hin beeknu, gocha isaa darbaniifiyyuu itti gaafatamuu qaba, jedhanii namootni walgayii kana irratti argamanis uummata aanichaa bakka bu’anii dubbatanii akka jiran odeessan qeerroo ibsa.
http://qeerroo.org/2015/01/07/uummanni-oromoo-godina-shaggar-kaabaa-naannoo-garba-gurraachaa-jiraatan-sababaa-saamicha-lafti-qonnaan-bultootaa-irraan-kan-kae-walgayii-wayyaanee-lagatan%e2%80%8f/
Gabaasa Qeerroo Amajjii 5,2015
Godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti ayyaanni jijjiirraa bara haarawaa fi guyyaan WBO Amajjii 1/2015 haalaan kabajamee jira. Gabaasoti Qeerroo kallattii Oromiyaa gara garaa irraa kan dhaamamaa jiru akka ibsutti. Waggaan haaraa Amajjii 1 fi guyyaa WBOn uummata Oromoo birattis kan durii caalmaadhaan beekamee barattootaan, hojjetootaan, qonnaan bulaadhaan, caasaa opdo keessaallee uummata Oromoo waliin kan hiriiraniin haala hoo’aadhaan kabajamee darbe.
Walumaa gala kabajaan guyyaa kanaa bara kana mootummaa Wayyaane biratti mufii fi aariin bakkoota gara garaatti humnoota tikaa bobbaasuun yerootti uumata adamsaa turan muldhata. Wayyaaneen uummatni Oromoo duukkaa akka hin jirre yeroo hubatee naasuu guddaadhaan guutameedha yeroon kun, Oromiyaa godinaa hanga gandaatti kan mul’atus ijoolleedhaa hanga abbootii Oromootti Wayyaaneen galafaataa, gabroonfataa, ajjeesaa tahuu isaa caasaa mootummaatti ifaa ifatti yeroo itti baasanii dubbatanii fi waajjiraalee, manneen barnootaa, buufata fayyaa, bulchiinsa magaalota garagaraa fi naannoolee isaanitti barruulee mootummaa Wayyaanee abaaruu fi dhaadannoolee uummata Oromoo jajjabeessuutu mul’ata, kunis caasadhuma OPDO keessaa qabaniin kufaatii mootummaa Wayyaaneef warra yaadda’an irraa gara mootummaatti gabaasa tahu irraa Wayyaaneen waan dhagayuuf haala uummata Oromoo yeroo ammaa irra jiru ilaalchisuun keessattuu ayyaanni guyyaa WBO kan miillanaa kun uummata Oromoo biratti haalaan beekamee waan jiruuf akkuma beekames kabajamuun isaa ifatti waan mul’ataadha. kanumaan wal qabsiisuudhaan:-
Godina wallagga lixaa, Gimbii, Najjoo, Dambi Doolloo, Anfilloo, Jimmaa Horroo, Aayira Gullisoo, fi buufata manneen barnootaa keessatti caasaa OPDO irraas amantaa waan dhabeef, humna waraana isaa keessaa kanneen sabaan Oromoo hin taane filee gara kanatti erguuf karoora keessa galchee jira jechuun odeessaan qaama mootummaa keessaa bahe nu gahaa jira. naannolee kanatti guddaa kan shakkee jiru yeroodhaa yerootti kan gabaafamaa ture uummanni ilaalcha ABOn dhugamee, ajaja ABOtiin socho’aa jira malee mootummaadhaan miti, fincilli ka’uun dura caasaa OPDO irraa abdiin waan hin jirreef humnuma waraana isaa keessayyuu kan sabaan Oromoo hin taanetti fayamuuf akka jiru qophii mootummaa Wayyaanee gama kanaan dursee odeessaan ibsa.
http://qeerroo.org/2015/01/06/godinaalee-oromiyaa-garagaraa-keessatti-uummanni-ajaja-wayyaanee-lagachuu-fi-fesheleessuu-eegale%e2%80%8f/
For 2014 reports on Oromians Protests click and read @
Copyright © OromianEconomist 2015 & Oromia Quarterly 1997-2015, all rights are reserved. Disclaimer.
You must be logged in to post a comment.