



Economic and development analysis: Perspectives on economics, society, development, freedom & social justice. Leading issues in Oromo, Oromia, Africa & world affairs. Oromo News. African News. world News. Views. Formerly Oromia Quarterly
Related:-
The World Health Organization (WHO) is warning that climate change is threatening to exacerbate health problems in Ethiopia.
WHO Director-General Dr. Margaret Chan said: “Our planet is losing its capacity to sustain human life in good health”. She called for “strong, flexible and resilient health systems” as a defense against the impact of climate change.
Gaaffiin Oromoo Gaaffii Abbaa Biyyuummaa ti.
– Tokkuumma Baratoota Oromoo Jarmanii (TBOJ)
Akkumma bekkamuu Uummanni Oromoo bittaa fi dhittaa motootaa Habashaa fi motuummaa abbaa irree jalatti kufuun jaarraa heedduu lakkofsisuun, mirgaa isaa otoo falmaatuu yoona akka gahee ni hubataamaa.
Haata’uu maalee mootumootaa abbaa irree jalaattis kufuu Uummanni kun guyyaa tokkoo illee ykn yeroo tokko illee mirgaa isaa falmaachuu, waa’ee isaa dubachuu irraa dubaatti yeroo inni debi’ee tokko ille hin jiruu, yeroo amma kanatti immoo FDG fi Qabsoon ABO daraan jabachaa dhufuun motuumman biyyaa biitaa jiruu Uummaata Oromoo irratti kalaatti adda addaan duulaa banee akka jiruu nii beekamaa. Kanaafu Uummaata keenyaa biyyaa kessaaf sagalee tahuun Sadaasa 13, 2015 mormiin magaala Barliin, Jarmaanitti gaggeffame milkiin xumuramee.
Mormii hirirraa kana irratti namootaa heduun irra qodaa kan fudhataan yeroo tahuu, kessumaa dhalonii qubee heduminnan kan argamanii fi gara fulduratiis qabsoon keenyaa daraan akka jabatuu fi bilisummaan keenyaa gonfanuuf hundumtuu gahee mataa mataa isaa bahachuu akka qabuu dhamsii waalii galaa dabree jiraa.
Mormiin hirirra kun eddo fi bakka barbachisoo tahaan hundaa kan demamee fi iyyannon xalayyan kan galfamee yerroo tahuu, dhimmaa mormii motumaa abba irree halaan balaleffachaa olamee jirra.
Qabsoon Uummataa bal’aa Oromoo degartoota kayyoo fi dandii siyasaa ABOtti warrii amman dhabileen adda addaa heduminaan irra qoodaa fudhataaan jiruu.
Dhadanolee fi ejjennon TBOJ caayaa ABO fi hawassaa qabsoo bilisumma Oromoo degaraan,
(OMN:Oduu Sadaasa 15,2015): Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa barattoonni mana barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophaahinaa, rakkoo bulchiinsa gaarii fi, hanqinna tajaajila hawaasummaan wal qabatee, hiriira mormii geggeessaa ooluu isaanii himame.
Barattoonni mana barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophaahinaa Giddaa akkasumas, jiraattota magaalattii dabalatee guyyaa hardhaa, hiriira mormii dhageesisaa ooluu isaanii jiraattonni dubbatan.
Sababaan hiriira mormii kanaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, hanqinnaa bu’uuraalee misoomaa fi, tajaajila hawaasummaa, kana males magaalaa Giddaa keessaa tajaajilli ibsaa erga badee torbaan sadii ol laakkofsiise kan jiru yoo ta’u, kanaan wal qabatee mormiin jabaan geggeeffamee jira.
Jiraataan magaalatti tokko akka jedhanitti, mormiin kun barattootaan kan jalqabamee yoo ta’u, boodarra garuu jiraattonni magaalatti itti hirmaatuun mormiin kun itti fufee ooleera.
Hiriira mormii kana bittinneessuuf jecha, poolisoonni Federaalaa doorsisaa fi reebicha adda addaa geggeessaa kan turanii fi, Poolisoonni Oromiyaa ammoo namoonni karaa nagaan hiriira isaanii geggeessan reebamuu hin qaban jechuun yaada barattootaa kana deeggaruu isaanii namni kun himan.
Akka namni kun jedhanitti, barattoonni mormii isaanii kanaan, gaafilee adda addaa gara bulchiinsa magaalaa Giddatti dhiheeffatanis, deebiin bulchiinsa irraa kennamee akka hin jirre ibsan.
Hiriirri guyyaa hardhaa Sadaasa 16 bara 2015 magaalaa Giddaa keessatti geggeffamee oole kun, nagaan xumuramullee humnootiin poolisii Federaalaa baay’innaan magaalaa keessa qubatanii akka jiranis himamee jira.
Jiraattonni magaalaa Giddaa tajaajila hawaasummaa kan akka ibsaa, daandii geejjibaa fi kan biroo dhabuun rakkataa kan jiran yoo ta’u, rakkooleen kun furmaata haga hin argatinitti, mormiin amma jalqabame kun itti fufuu akka qabus namni kun himanii jiru.
Torbaan darbes godina Shawaa dhihaa aanaa Gincitti, dhimma maastar pilaanii Finfinneerratti, brattoonni mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Gincii, hiriira mormii geggeessuu isaanii gabaasuun keenna ni yaadatama.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.
This slideshow requires JavaScript.