jump to navigation

TV4: Journalist Martin Schibbye who was imprisoned in Ethiopia : “I never thought I would see Chala again” November 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

???????????Stop Torture

Journalist Martin Schibbye who was imprisoned in Ethiopia together with his colleague Johan Persson heard strange noises.In the next cell was subjected dissident poet and his cellmate Chala Hailu Abata of torture. They got in touch and it was the start of a friendship that eventually took Martin and Chala to Färila in Hälsingland.

http---prima.tv4play.se-multimedia-vman-VMan-P321-VMan-P3218475

Click the following link to listen to:-

http://www.tv4.se/efter-tio/klipp/martin-schibbye-jag-trodde-aldrig-jag-skulle-f%C3%A5-se-chala-igen-3218475?utm_campaign=tv4.se-framework&utm_content=http%3A%2F%2Fwww.tv4.se%2Fefter-tio%2Fklipp%2Fmartin-schibbye-jag-trodde-aldrig-jag-skulle-f%25C3%25A5-se-chala-igen-3218475&utm_medium=facebook-like&utm_source=www.tv4.se

Oromia: Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname: Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe. November 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
add a comment

???????????OLF logofb367-alaabaanew

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe.

(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname, Sadaasa 05, 2015) Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru . Duulli maqaballeessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru. Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, …kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa Forum, Tigraay Online, Waarkaa, mana pal talk, akkasumas Youtube Gadaa TV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aaragalfii dhabaa jiru. Akeekni olola Wayyaanee inni guddaan bara baraan ummata Oromoo gandaa fi gosaan wal irratti kakaasee tokkummaa isaa laaffisuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu akka tahe amma kan hin hubanne jira hin fakkatu. Fedhiin isaa duula qorqalbii ummata Oromoo irratti oofuudhaan akka ummatichi boquu gadi qabatee sirna saamichaa fi hacuuccaa isaa ameen jedhee jalatti bulu taasisuuf ummaticha shoororkeessuu dha. Shoororkaa uumee ittiin ummata sodaachisa, doorsisa. Addatti ammoo yeroo ammaa ummatni Oromo Wayyaanee irratti tokkummaa isaa jabeeffatee sochii cimaa bifa gara garaatiin gochaa jiru irraa rifaatuu guddaa keessa waan seeneef olola kana haaromfate. Kana malees ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo empaayerattii keessa jiran kan biroo gidduutti shakkii uumuun akka waliif hin tumsine taasisuuf tattaafata. Mootummaan farra ummataa kun shakkii fi sodaa ummattoota gidduutti uumuun imaammata qoqqooodanii bituu akka hordofu ifaa dha. Ummatoota cunqurfamoo walitti diree dhiiga wal dhangalaasisaa ofii nagaadhaan giddduutti jiraachuun imaammata Wayyaanee dhaabbataa dha. Mootummaan Wayyaanee duula ololaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti oofutti dabalee, maqaa miseensota ABO, shoororkeessitoota fi kkf. itti maxxansuun lammiiwwan Oromoo mana hidhaatti guura. Lammiiwwan Oromoo nagaa mana hidhaa keessatti dararee beelaa fi dhukkubaan akka du’an taasisa. Mootummaa nama ajjeesee qaanii tokko malee “of ajjeese.” jedhu dha. Namoota miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ti jedhu shoororkeessummaan yakkee mana murtii!

federaalaa ofii itti ajajutti dhiheessee murtii jal’aa itti dabarsa. Sababa Bilisummaa Saba ofiif falmatan qofaaf yakka tokkoon maleetti hidhaa umrii guutuu fi du’aan adabuun mootummaa dabaa fi cubbuu guddaa ummata Oromoo fi kanneen biroo irrattis raawwataa jiruu dha. Mootummaan Wayyaanee, shoororkeessaan Sabboontota Oromoo mirga Oromoof falman bak ka argamanitti akka ajjeefaman maqaa isaanii tarrisee facaasaa akka jirus ragaa waliin ifa bahee jira. Duula Oromoo bara baraan shoororkeessuu bal’inaan itti fufee jira. Kana malees humnooti in tikaa Wayyaanee baqattoota Oromoo sirna isaa jalaa baqatanii biyya ollaa keessa jiraatan ad amsanii ukkaamsuu fi ukkaamsisuu irratti argamu. Obbo Dabbasaa Guyyoo Saafarroo, jaarsi umriin waggaa 80, Fulbaana 27, 2015 Naayiroobii keessaa ukkaamsamanii hanga ammaa achi buuteen isaanii hin baramne. Akkasumas baqattootni Oromoo maqaan tarrifame garii wal ta’iinsa humnoota tikaa Wayyaanee fi poolisoota Keeniyaatiin Naayiroobii fi bakkoota birootii guuramanii maqaa gooltummaatiin mana hidhaa biyya ormaa keessatti dararamaa jiru. Akka kanaan dalagaan gooltummaa mootummaa Wayyaaneetiin raawwatamu daangaa biyyaa fi biy yoota ollaa irra utaalee sadarkaa idiladdunyaatti tarkaanfateera. Wayyaaneen soba ija baasee fi olola dharaa oofuudhaan umrii bittaa ofii dheereffachuuf dhama’a. Soba tarrisuun, soba dhugaa fakkeessuu fi ummatoota gidduutti shakkii fi sodaa uumuun aangoo irra of tursuuf tattaafata. Kun tooftaa dhaabbataa fi dulloomaa murni kun kana tu na baasa, kana malee jiraachuu hin danda’u jedhee waggoota digadamii afuriif itti gar gaarame; ittis gargaaramaa jira. Olola dharaa oofuu mala jireenyaa taasifate. Murni aangoo dhuunfatee deggersa ummataa hin qabnee fi yeroo hunda bir’ataa jiraatu kun, fuula duras hanga gaafa aangoo irraa darbamuutti shira akkasii dalaguu irraa if duuba hin deebi’u. Umrii bittaa ofii dheereffachuuf olola diiggaa fi sum’aawaa oomishee ummata keessa facaasuun shakkii fi afanfaajja’iinsa uumuu irraa hin dhaabbatu. Mootummaa deggersa ummataa fi hundee hin qab ne humnaa fi ololaan biyya bulchuuf tattaafatu dha. Wayta amma Addi Bilisummaa Ummata Tigraay wal dhabbii of keessatti qabuu fi beela dabalatee rakkoolee hawaasummaa adda addaa ummatoota empaayerattii hudhanii qaban dhok suuf oduu fi fiilmii sobaa oomishee ilaalcha ummataa gara dabarsuuf abbala. Kana malees dhi hee bari’u mootummaa fi ummata biyya ollaa irratti olola jibbaa facaasuun ilaalcha ummatoota Itoophiyaa keessa jiranii gara dabarsuun bara bittaa isaa dheereffachuu barbaada. Hunda caalaa immoo, Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii Ummatootaa dhaabotni ummatoota cunqurfamoo shan dhiheenya ijaaran mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusee jira. Kanaaf waan qabatuu fi gadi dhiisu isa wallaalchisee akka saree maraatuu olii fi gadi kaachuun, keessaahuu, ummata Oromoo unkuruu irratti fuulleffate. Adda Bili summaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti olola dharaa kan maqaballeessii oofee bulguu fakkeessuudhaan ummatoota biroo fi hawaasa addunyaa duratti dhiheessuuf tattaafata. Haa ta’u malee ummata Oromoos ta’e ummatootni cunqurfamoon empaayerattii keessa jiran olola dharaa fi tooftaa dulloomaa Wayyaanee kanaaf gurra kennaa hin jiran. Ummatootni em paayerattii Mootummaan Wayyaanee mootummaa ummata sobuu fi sobaan jiraatu ta’uu erga itti dammaqanii tureera. Mootummaa osoo ummatni beela’uu quufatu jira, dinagdee biyyaa da chaadhaan guddisnee jirra jedhuu fi kijibaan jiraatu ta’uu hundatu beeka. Mootummaa mirga dhala namaa gara jabinaan dhiitaa, bilisummaa namtokkee fi sabaa irra ejjetaa sirna dimokraasiin ijaaree na faarsaa, jedhee ija dhiibee ummatoota nin bulcha jedhuu fi hawaasa

addunyaa sobu dha. Haa ta’uu yeroon isaa yeroo itti ummatatti hurrii maranii bulchuun dan da’amu miti. Yeroo itti dammaqiinsi ummataa fi guddinni teknooloojii beeksisaas guddate ak kasii keessa miidiyaadhaan uummata sobuu yaaluun of gowoomsuu dha. Akkasumas umma tootni empaayerattii, keessaahuu, ummatni Oromoo har’a ololaa fi tarkaanfii shoororkeessum maa mootummaa Wayyaanee fi lukkeelee isaaf jilbeenfataa hin jiran. Hidhaa fi ajjeechaan qab soo keenya hin dhaabu, warri har’a karaa baay’ee nutti duulaa jiran boru karaa itti dhugaa fi ol’aantummaa ummataa jalaa bahan tokko illee hin qabaatan jechuudhaan hamilee fi muran noodhaan diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhabbataa jiru. Dhuma irratti injifannoon kan ummataa akka ta’us shakkiin hin jiru.

Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo Sadaasa 05, 2015

The 2015 annual Prosperity Index:Ethiopia ranks 126, coming in at 17 of the bottom 20 least most prosperous countries, and 137th in a sub-category that measures Entrepreneurship & opportunity. Theranking has named Norway as the world’s most prosperous economy. November 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , ,
add a comment

???????????Legatum prosperity index 2015Legatum prosperity index 2014 bottom 20

 

Ethiopia ranked 126 out of 142 countries on a new prosperity index, and  137th in a sub-category that measures Entrepreneurship & opportunity. The index ranked Ethiopia 132nd in education.

The index was released by the London based  The Legatum Institute on 2nd November 2015. According to the institute, the index assesses how prosperous an economy is based on more than just macroeconomic factors – it also takes into account wellbeing. Using rigorous research and in-depth analysis, the Index ranks countries based on their performance in eight sub‐indices—Economy, Entrepreneurship & Opportunity, Governance, Education, Personal Freedom, Health, Safety & Security and Social Capital.

The Index assesses 142 countries, representing more than 96% of the world’s population and 99% of the world’s GDP.

The latest ranking has named Norway as the world’s most prosperous economy. Norway topped the list for the seventh consecutive year. Along with Norway, three other Scandinavian countries (Denmark, Sweden, and Finland) made the top 10, and Iceland (another Scandinavian country) coming in at number 12, behind the United States, in the top 20.

Ethiopia ranks 126, coming in at 17 of the bottom 20 least most prosperous  countries. Ethiopia is ranked between Nigeria (125th) and Republic of Congo (127). The bottom 20 nations are mostly  sub Saharan African countries, with the exception of  countries like Afghanistan (141), Syria (136), Yemen (135), Pakistan (130), and Iraq (123).

The least prosperous nation of all the 142 nations sampled for the second year in a row is the Central African Republic.

In terms of specific sub categories of performance, the following countries were ranked number 1 in the world:

1. Economy: Singapore

2. Entrepreneurship & Opportunity: Sweden

3. Governance: Switzerland

4. Education: Australia

5. Health: United States

6. Safety & Security: Hong Kong

7. Personal Freedom: Canada

8. Social Capital: New Zealand

 

 

See interactive rankings table in the following link:-

http://prosperity.com/#!/ranking

GAADDUUN WAYYAANEE SADDEET SAAXILAME November 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment
???????????Roobsan Falmataa Roorroo's photo.

(Oromedia, Finfinnee, 3 Sadaasa 2015) Mootummaan Wayyaanee karooraa Gaaduu (spy) haaraa Raawwii Saddeet biyya keessa, biyya ollaa fi biyya alaatti facaasuun beekame.

Odeessi nu gahe akak addeessetti, mootummaan Wayyaanee tasgabbii fi jabina moora qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti uumamaa dhufetti yaaddaúun gaadduu haaraa bobbaasaa jirti.

“Walii galteen ABO fi jaarmiyooti bilisummaa sabootaa gidduu kana tolfatan naasuu fi yaaddoo itti uumee jira,” kan jedhu odeessi nu gahe kun, “naasuu fi sodaa itti bule kana keessaa bahuuf ijoolleen Tigiree karooraa haaraa saddeet qopheefatanii socho’aa jiran,”jedheera.

A. Ummatni biyyaa akka hin baqanne gochuu fi kan baqatellee tooftaa fi mala adda addaatiin biyyatti akka deebi’an gochuu,

B. ABO dadhabsiisuuf jecha, ilmaan Oromoo biyya ambaatti baqatan gara biyyaatti galchuu,

C. Miseensotaa fi qondaalota, akkasumas namoota sab-boonummaa fi dhageettii ummata biratti qaban ofitti qabuu,

E. ABO keessatti caasaa diriirsuuf waan barbaachisu qopheessuun jaarmayichaa diiguu,

F. Murna Gaadduu (tikaa) jabaa fi qaroo qopheessuun hawaasa fakkaatee hawaasa keessatti maadheffachuun murni kun hawaasa Oromoo akka laaffisu keessaan irratti hojjechuu,

G. Hoogganootaa ABO-jidduutti wal-shakkiin akka uumamu gochuu,

H. Namooti maqaa diyaasporaa jedhamuun biyyatti afeeramanii magaalaa Adaamaa turan biyya alaatti deebisuun akka isaan leenjii kennameef hojjaa irra oolchan gochuu, fi

I. Jaarmiyaa hawaasa Oromoo Oromummaa irratti hundaaée ijaaramee jiruu fi ijaaramaa jiru akka gosaan walqoodanii waldiigan irratti hojjachuun dha.
Odeessi kun dabalee akka adeessetti, miidiyaalee biyya alaa keessa jiran keessatti immoo odeeffannoon sobaa kan maqaa ABO xureessu facaasuun akka umamti Oromoo ABO irraa abdii dhabu taasisuuf karoorfamee jira.
Karoorri wayyaane biraa bahe kun dhuma irrattis, keessayyuu namootiin amma dura hooggana ABO-turanii wayyaanetti galan dirqama kana olaantummaan akka raawwataniif ramadamanii jiru.

Gareen gaadduu kun raawwii hojii kanaa hoggantoota humna tikaa wayyaaneef guyyuu kan gabaasu taúun hubatameera.

Yeroo ammaa kanas namni Biqilaa jedhamu, Lichoo Bukuraa fi Kumsaa Gadaa waliin icciitiin wal qunamuudhaan ABO diiguuf hojjachaa akka jiran odeessi kun dabalee saaxileera.

Oromia (Buraayyuu): OFC Urges Ethiopian Govt to Stop the Master Plan of Eviction Against Oromo Farmers, and to Respect Constitutional Rights of the People: OFC Also Calls for Public Meeting in Burraayyuu on Sunday, Nov. 8, 2015: Kongirasiin Federaalaawaa Oromoo (KFO), dhimmaa Maastar Pilaani irratti mari’achiisuuf Sanbata Guddaa (Dilbata) as deemuu ( Sadaasa 8 bara 2015) Magaalaa Burraayyutti walgahii ummataa waamee jira. November 5, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , ,
add a comment

???????????Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo peopleOromo Federalist Congress Public Meeting in Finfinnee to protest TPLF's landgrab in the name of Master Plan. picture3KFO Marii Uummataa, Oromo Federalist Congress public meeting in Buraayyuu Oromia

The Oromo Federalist Congress (OFC) has written a letter to the various organs of the Ethiopian government – urging the government to stop the  genocidal  Finfinnee (Addis Ababa) Master Plan, whose goal is to evict millions of Oromo farmers from their ancestral land in the name of ‘development’ around the city of Finfinne; in the same letter, OFC has also urged the Ethiopian government to respect the constitutional rights of the people, especially Article-49 of the Constitution – which deals with the special interests of the State of Oromia over Finfinnee.

OFC will also hold a public meeting in Burraayyuu town in Oromia at the town’s stadium on Sunday, 8th November 2015  – from 9am to 1pm  to discuss with the public about the genocidal Finfinnee (Addis Ababa) Master Plan.

VOA: Maqaa Maastar Pilaaniin Eenyummaa Uummata Oromoo Dhabamsiisuun Haa Dhaabatu Jedhu Momitoonni

OFC PUBLIC DISCUSSION
ON FINFINNEE MASTER PLAN
PLACE: BURAAYYUU, OROMIA
VENUE: CITY STADIUM

DATE: Sunday, 8th November 2015
TIME: 9:00 am 

Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo, dhimma Maastar Pilaanii Finfinnee ilaalchisee, torban dhufu magaalaa Burraayyutti, marii ummataa geggeessuuf qophaayaa akka jiru beeksisee jira.
================================
Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo, dhimma maastar Pilaanii finfinnee ilaalchisee, Hawaasa magaalaa Burraayyuu fi naananwa ishii waliin marii taasisuuf qophaahaa kan jiru yoo ta’u, mariin kunis, Sadaasa 7 bara 2015 tti akka ta’e ibsamee jira.

Marii kanarratti namoonni hundi qoodarraa fudhachuu akka qabanis waamich darbeera.
Karoorri Mastar pilaanii Finfinnee mootummaan hujii irra oolfachuuf karoorfatee jiru kun, magaalota 37 fi aanaalee 17 kan ufi jalaa qabu yoo ta’u, namoota hedduu, lafa qonnaa isaanii irraa kan buqqisu ta’uulleen himamee jira. Bal’inni lafti pilaanii kanaa kan inni ufi jalatti hammatu, hektaara miiliyoona 1.2 yoo ta’u, lafti kun yoo fudhatame, qotee bultoota naannawa san jiraatan hedduu irrattis dhiibbaa hamaa kan qabudha jedhamaa jira.

“Yaa Oromoo yaa lammi koo
Jabeeffadhu irre Oromiyaan hin ciciramtuu nutuu du’a malee ……….” Dr Mararaa Guddinaa

Oromo Federalist Congress (OFC) will hold a public meeting in Burraayyuu at the town’s stadium on Sunday, Nov. 8, 2015 (Onkoloolessa 28, 2008 ALH)

Xalayaa Kongirasiin Federaalaawaa Oromoo Wayyaanetti barreesse

Xalayaa Kongirasiin Federaalaawaa Oromoo Wayyaanetti barreesse1