qeerroo-edit

 

 

 

 

 

 

FDG Eegale Tokkummaa  Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummatni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti kufe jedhee guyyaan itti tole jedhee bule hin jiru. Hin jiraatus. Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo gaggeeffamaa asiin gahe keessatti uummatni Oromoo waanjoo garbummaa of irraa buusuuf qabsoo hadhaawaa gaggeessaa tureera. Addatti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa bara 2011 akka Jaarmayaatti erga of labsee asitti FDG mootummaa Wayyaanee hundeen raasan gaggeessaa turee ammas itti jira. Keessumaa ammoo bara 2014 keessatti uummatni Oromoo tokkummaadhaan diina dura dhaabbatee ‘‘ Haqa Keenyaa fi Biyya Keenya Diinaaf!’’ jechuudhaan wareegama qaqqaalii kaffaleera. Kumaatamaan mana hidhaatti ukkaamsamanii jiru. Dhibbootaan ammoo irbaata rasaasaa tahuudhaan dargaggootni Oromoo abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf rasaasa dura dhaabatanii ammas itt jiru.

FDG amma Oromiyaa keessatti qabatee finiinaa jiru galmaan geessisuudhaaf gumaatni nama tokkee murteessaa dha. Kanaaf uummatni Oromoo FDG kanatti dabalamuudhaan mirga saba Oromoof falmuun saba keenya “Mootummaa Dhablee” tahee bara baraan itti roorrifamaa jiruu fi qabeenyi biyyaa irraa saamamaa jiru bilisa maasuuf jecha, hiree murteffannaa isaa akka mirkaneeffatuuf dirqamni olaanaan nurra jiraachuu hubachuu barbaachisa. Keessumaa ammoo FDG amma eegale galmaa geessisuudhaaf dirqamoota armaan gadi hojiitt hiikuuf jabaatnee hojjechuun dirqama.

  1. FDG amma eegale namuusa FDG tiksinee galmaan geessisuuf gumaata barbaachisu gumaachuu;
  2. Qajeelfamootaa fi ajaja mootummaa kan dantaa umamta keenyaa tuqu kamuu hojiitti hiikuu diduu fi dura dhaabbatuu;
  3. Tooftaawwan Qabsoo Fincilaa kan karaa caasaa fi bifa adda addaan baafaman hordofuun FDG dhaabbataa gaggeessuuf murannoon socho’uu;
  4. Bakkeewwan garaa garaatti dhaadannoowwan garaa garaa maxxansuu;
  5. Omisha mootummaan dantaa uummataa miidhuuf fayyadamutti dhimmi bahuu dhiisuu;
  6. Mirgi dimokraasii dhugaa fi sagaleen uummataa kabajamee hireen murteeffatnaa hanga argamutti haqaaf jecha wareegama karaa hundaan nu gaafatu baasuu.

Akkuma beekamu yeroo ammaa kana FDG Oromiyaa bakkeewwa garaa garaa addatti magaalaa Gincii, Amboo, Najjoo, Mandii, Gidaamii fi bakkeewwan birootti finiinuu eegaleera. FDG kun itti fufinsi isaa mirkaneeffamee uummatni Oromoo tokkummaadhaan FDG kanatti makamaa deemaa jira;  mootummaan Wayyaanee guyyaan itti hundeen buqqaatu dhiyaachun mirkana. Kana taasisuuf ammoo nuyi miseensotnii fi deeggartooni Qeerroo Bilisummaa dirqama olaanaa ofitti fudhatnee soho’uun nurraa eegama.

FDG Eegale Tokkummaa Ilmaan Oromoon Jabaatee Mootummaa Abbaa Irreetti Xumura Ni Taasisa!