???????????

Barattooti Oromoo Mooraa Yuuniversitii Wallaggaa Gaaffiileen Mirga Uummata Oromoo Kabajechiisu Bulchiinsa Mooraatti Dhiheessatan

Qeerroo JimmaaAkkuma beekamu barri itti dhalannee fi umurii irra jirru kun uummata keenyaaf biyya keenya Oromiyaadhaafis bara itti garbummaa fi roorroo alagaa jala jirru ta’uun ni beekama.
Garbummaa itti fufee fi fincila walirraa fuunee adeemsisaa jirruun hanga Bilisummaa,walabummaafi birmadummaatti kan itti fufu ta’uunis imaanaa goototaa fi jaalleewwan kaleessa kufaniiti. Haata’u malee diinni bara dhufee darbu dhiiga keenya dhangalaasu,nama keenya lubbuu baasu, qabeenyaa biyya keenyaa saamu kunoo qaanii tokko malee miseensa isin godhadha jedhee mooraa yuunibarsiitii wallaggaa keessa oliif gadi jooruun tokko shanee maqaa jedhuun afaan nufaajjessaa jira.
Akeeki mootummaa ash-kabeera kanaa uummati keenya biyya waloo akka hin ijaarranneef namoota ga’umsaa fi dandeettiillee hinqabne,eenyummaa isaanitti kan hin boonne,uummatichaaf kan hin quuqamne,firaafi alagaa uummata Oromootti hidhachuun bara bittaashee dheereffatuuf akka carraaqxu fi ittis jirtu beekamaa dha .Akkuma mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessa warri jirru arginutti namooti tokko shanee kanatti ijaaraman nama shan tiksaa,hojii basaastummaatti kan bobba’an yeroo ta’u, guyyaa jimaataa torbaniin gabaasaa wayyaanee fi jala deemtotasheef akka dhiyeessan beekamaadha.
Yeroo ammaa kana Yuunibarsiitiin Wallaggaa Yuunibarsiitota marsaa lammaaffaa keessaa sadarkaa tokkoffaa irra jira jechuun kan beekamaa jiruuf jijjiirama ajaa’ibaa fidee utuu hin taane,
1, Bara 2011 geggeessitooti mooraa barnootichaa ilma Oromoo rasaasaan ajjeesanii
2, Baruma 2011 barataa Tolaa damee barnoota afaan ingiliffaa waggaa sadaffaarraa dabarsanii kennuun qaallitti maqaa ABO tiin hisisanii barnootasaarraa hanga har’aatti ari’uun
3, Bara 2013 keessa maqaa hidha abbayyaa jedhuun nyaati barataa,bajatii yuunibarsiitichaa citee barataan ji’a tokko hanqisee barnoota addaan kutee gara maatiitti yeroo galu kunis bajatatu nu hanqate jedhanii yeroo ta’u, wayita baasiif galiin waggichaa hojjetamu kaasanaa mootummaatti miliyoona dhibba tokkoof soddomii afur deebisuun
4,Bara 2014 mormii maasterpilaanii finfinnee tiin wal qabatee yuunibarsiitiin Oromiyaa keessaa poolisa federaalaa mooraa seensisuu ifaan yoo eyyamuu didan  Pr Fiqaaduu Bayyanee Alaqaa  dhalootaan Habshaa waan ta’eef looggii taasisuun  uummatichallee gandaan walitti buusaa jiraatu,gara laafina tokko malee humna waraanaa itti ajajuun barattoota caccabsiise,kanis lubbuu galaafachiisun
Gameeyyii fi barattooti qaroon kan barnootarraa ari’aman,kan biyyaa bahan,kaanis dararaa maa’ikelaawwi,jaatoo Naqamtee, waajjira tikaa Naqamtee,fudhachiisuun  Bara 2015 keessa barattoota Oromoo irratti filmaata sobaa adeemsisamu irratti sodaa qabaniif jecha boombii dhukaasuun barattooti Oromoo shan garmalee gaaga’aman moorichi tika barbaachisu gochuufi utuu irraa eegamuu barattoota kan doorsisa garagaraa irratti geggeessuun qaama isaanii miidhameef beenyaa kaffalafiin haahafuutii wayita Hospitaala ciisanitti illee waan nyaataniif qaami isaan deeggaru waan hin jirreef barattooti Oromoo qofti kan itti waliif dhaabnachaa turan dhaabata hojii barnoota dalagurra hojii mana hidhaa diinaa dalagu ta’uun 5 hanga har’aatti gumii aadaafi dagaagina afaan Oromoo cufuun bakkasaa habashootaaf immoo “aarti club” maqaa jedhuun habashoota gurmeessuun amanammummaa Wayyaaneerraa argateen malee sadarkaa qulqullina barnootaa jedhamuun utuu hin taane tika barattoota Oromoo irratti raawwateen ta’uun ifaadha.
Geggeessitooti mooraa Yuunivarsiitii Wallaggaa akka adurree aannan bartee afaan mi’eeffatan, miseensummaa OPDO/TPLF Tigiraayitti makuuf afaan nufaajjessan akka hatattamaan nurraa dhaaban,guddina siyaasaatiin nuburjaajessurra guddina qabatamaa,barnoota qulqullina qabu akka nuuf laatan Moorichi mooraa siyaasarraa walaba ta’ee barnooti itti qixaan nuuf kennamu akka ta’u hubachiifna .

Dhumarrattis gocha qaanessaa fi salphina ta’e kanatti nama ijaarurraa fi warra didan warri tikasan gaafatama seenaa jalaa akka ofbaasan waamicha isaaniif goona