Sadaasa 25,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Najjoo
Akkuma beekamu har’a FDG lixa Oromiyaa fi giddu galeessatti haala Wayyaanee yaaddeesseen eegalee jira. lixa wallaggaa Najjoo fi Mandii irratti akka eegale gabaasnee jirra. Magaala Najjoo irratti manneen namootaa sakatta’amaa jira humnaan dirqiisiifamee, manneen barsiisotaa akkasuma sakata’amaa jira. barataan tokkkos humna federaala Wayyaaneen reebichi hamaan irratti raawwatee haala yaaddeessaa keessa jiraachuun gabaafameera. Magaala Mandii irratti hiriira mormii taasifameen waraanni wayyaanee mormii kana dura dhaabbachuu irrayyuu dhukaasa baneen namootni lamaa olis madoo tahanii akka jiran gabaasaan addeessaa jira. magaalota kanneen lamaanitti ijoolleen hedduun hidhamaa akka jiranis gabaasanii jiru. Itti fufuudhaan magaala Dambi Doollootti humni waraana wayyaanee diddaan achittis ka’a jedhamee waan shakkaniif har’a waraanni achitti ramadame uummanni nurraa deemaa isin hin barbaannu jechuunis fincila kaasan. Har’a ganama irra kaasuudhaan magaala DD keessa humni waraanaa buufate jira. poolisoonni fi milishootni gara uummataa dhaabbachuun diddaa uummataa deggeran.
Oromia: Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan. Wallagga Lixaa, Mandiittis Haaluma Walfakkaatuun FDG Geggeesan. November 25, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: #OromoProtests, Ambo, Giddaa Ayyaanaa, Gincii, Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoo, Mandii, Oromo Students Protests
trackback
Guyyaa Har’aa Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Mormii Maaster Palanii Finfinnee Fi Gaaffii Mirga Saba Oromoof FDG Bifa Addaa Ta’een Dhoosan,Daandiileen Konkolaataa Wallagga Geessu Cufame.
Sadaasa 25,2015 Amboo Gabaasa Qeerroo
Sadaasa 25,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo FDG mORMII MASTER Plan Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame fi gaaffii Mirga Abbaa biyyummaa dhiyeeffachuun fincila dhoosuun Daandii konkolaataa gara dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsu cufuun waraanaa wayyaanee waliin wal dura dhaabbachuun FDG dhoosan.
Guyyaa har’a ganama sa’a 1:30 irraa eegaluun Magaalaa Amboo keessatti goototni barattootni Oromoo M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa, M/B Liibaan Maccaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi M/B Carii Amboo sadarkaa 1ffaa fi dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo walitti dhufuun magaalaa Amboo utuu waraanaa wayyaanee guddaan eegamaa jirtuu FDG dhoosuun daandii Konkolaataa Finfinnee gara Dhiha Oromiyaa fi Wallaggatti dabarsuu cufuun hiriira mormii akkuma eegalanitti Waraana wayyaanee nafxanyaa hamma funyaanitti hidhate waliin wal dura dhaabbachuun Mormii guddaan itti fufee jira.
Goototni Barattootni fi Dargaggootni Oromoo lubbuun wareegamna malee, hidhatti ukkanfamna malee Oromiyaan kan uummata Oromooti, jechuun Karoorrii Master Plan Finfinnee fi Magaalota oromiyaa irratti xiyyeeffatee karooraa guddaa kan Oromoo lafarraa balleessuu ”DUULA GENOCIDE” jechuun goototni barattootnii fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Magaalaa Amboo FDGtti seenan. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii master plan Finfinnee bara 2014 dhiyeeffanneef deebiin nuuf kennamuu qaba, sabaaba karaa nagaa gaaffii mirgaa fi mormii Master Plan Finfinnee dura dhaabbatneef ilmaan Oromoo 80tti jumlaan Amboo keessatti fi Oromiyaa keessatti ajjeefamaniif Mootummaan itti gaafatamuu qaba, kanneen jumlaan ukkanfamanii hidhaman hiikamuu qabu,
Masterplaniin Finfinnee Haqamuu qaba, gaaffiin barattoota Oromoo Giincii gaaffii keenya deebii argachuu qaba, kanneen giincii irraa dheengadda hidhaman hiikamuu qabu jedhuu fi Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf kan bilisummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba gaaffii jedhu dhiyeeffachuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo fincila dhoosan.
Yeroo amma kanatti daandiin konkolaataa Finfinnee Gara dhihaa Oromiyaatti dabarsuu fi Wallaggatti geessuu magaalaa Amboo keessatti yeroof cufamee jira, Waraanni Wayyaanee hiriiraa mormii dargaggoota barattoota Oromoo dura dhaabbachuuf daandii cufuun hiriiruun gaazii summaa’aa barattoota irratti dhukaasuu eegalan, Sochiin mormii warraaqsaa kun itti fufee jira.. Gabaasaa guutuu waraabbii sagaalee dhaadannoo fi suuraa qabanne walitti deebina…. FDG golee Oromiyaa
cufa keessatti itti fufa!!
Barattooni fi uummani godina Wallagga Lixaa magaala Mandii guyyaa 25/11/2015 FDG dhoosuun dhaadanno cimaa dhageesisaa Oolan:-
*karoori maaster pilani dhaabachuu qaba.
*Qtee bulaan lafaa isaa irra ka’e ala buluu hin qabu.
*Brattooni oromoo mirga isaanif falman yakka tokko malee hidhamaa du’aa turaniifi ta’aa jiran haa dhabbatu.
*Finfinnee keessatti manni baruumsaa Afaan Oromoo haa banamuu.
* Afaan Oromoo Afaan sabni uummati miliyoona 40 ol waan dubbatuuf akka Afaan Amaaraa afaan ojii federaalaa haa ta’u.
* Barattooni magaala ginci namooni 80 ol yakka tokko male oromoo ta’u isaanif qofa hidhaman atattaman akka gadi nuf lakkifaman.
Dhaadannoo kan armaa olii fi kan kana fakkatan dhageessisaan. sirboota qabsoo Oromoo jajjabeesus wallisuun. karaa konkolaata baha gara dhiha Asoosatti darbu cufanii gooma konkolaata karaa irratti gubanii hojii boonsa hojjachaa oolani.
Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa FDG Kaasan,Loltooti Mootummaas FDG Dhaamsuuf Jecha Gaaza Summaawaa Dhimma Bahaan.
Sadaasa 25/2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Godina Lixa Wallaggaa Magaalaa MANDII FDG Mormii MASTER Plan Finfinnee Fi Labsii Magaalota Oromiyaa Irratti Dabarfame Mormuun Gaaffii Mirga Abbaa Biyyummaa Dhiyeeffachuun Fincila Dhoosuun Daandii Konkolaataa Magaalicha Keessa Jiru Cufuun Waraanaa Wayyaanee Waliin Wal Dura Dhaabbachuun FDG Dhoosan. Barattootni Oromoo Lama Rasaasa Wayyaaneen Rukutamuu Maddeen Keenya Gabaasan.
Goototni Barattootni Oromoo Magaalaa Mandii sadarkaa 2ffaa hanga sadarkaa 1ffaatti jiran Fincilli Kun Akkuma kan Magaalaa Amboo
Eeggichaa guddaan humna Waraana WayyaaneMagaalaa Mandii fi Dhiha Wallaggaa Irra qubsiifameen humnaa ol eegamaa utuu jiruu, Goototni
barattootni Oromoo Mandii FDG dhoosuun diina dura dhaabbachuun falmii mirga abbaa biyyummaa fi mormii Master Plan Finfinnee fi Magaalota
Oromiyaa akka haqamuu gaafatan. FDG kun Godina Lixa Wallaggaa Aanaawwaan Kanneen akka Mandii, Najjoo magaalaa Najjoo,Qiltuu Karraa,
Gorii fa’aa keessatti uummataa fi barattootaan finiinaa jiraachuun ibsame jira.
Mootummaan abbaa irree Nafxanyaan wayyaanee TPLF/EPRDF/OPDO jedhamtu gaaffii uummataa karaa nagaan itti dhiyaachaa jiruuf deebii afaan qawwee fi rasaasa gochaa kan jirtu humna waraana Agaazii fi kora Bittinneessaa barattootaatti bobbaasuun dhukaasaa irratti banuun
barattootni lama Magaalaa Mandii keessatti rukutamuu madden keenya gabaasan.
Mootummaan Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata irratti banuun addatti immoo HIRIIRAA MORMII QABSIIFAMEE IRRATTI DHUKAASA GAAZII SUMMA’AA IJA NAMA BOOSISUUN DEEMICHAA NAMA DHORKUU dhukaasuun uummata gooluun warraaqsaa uummataa dura dhaabbachaa kan Olte ta’uu Maddeen ibsame jira. Warraaqsa uummataa fi Gootota ilmaan Sabaa Qeerroo barattoota Oromoon Godinaalee Dhiha Oromiyaa Amboo,Mandii, Giincii, Najjoo ,fi Giddaa Ayyaanaatti qabsiifameen Oromiyaan gara dhihaa Waraanaa fi dirree FDGtti jijjiramaa jirti. FDG kun Godinaalee Oromiyaa fi Maagaaloota Gurguddoo Biyyatti keessatti jaabaatee kan itti fufuuf kutannoo fi murannoo guddaan qabsaa’otni Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo irratti hojjetanii xummuruu ifa godhan. Mootummaan wayyaanee akkuma amaleeffannaa isaa network fi ibsaa dhihaa Oromiyaa irraa balleessuu itti fufee jira, bakka jirtaan hundaa karaa danda’amu hundaan barruulee warraaqsaa walitti daddabarsuun harka wal qabannee ni falmanna.Gabaasaa Itti fufinsa FDG godinaalee Oromiyaa gaggeeffamaa jiruun walitti deebina.Qabsoon haalaan finiinuu eegalee kun kan hin dhaabbanne ta’uu uummaatni dugda duuba jira. hanga KAROORRI MASTER PLAN FINFINNEE fI MAGAALOOTA OROMIYAA haqamutti fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti qabsoon wal irraa hin citnee jabaatee
itti fufa!!
(OMN:Oduu Sadaasa 25,2015): Haaluma walfakkaatuun Maastar Pilaanii Finfinnee fi labsii dhiheenna kana Magaaloota Oromiyaa Federaala jala galchuuf karoofamee ture irratti, mormiin itti fufuun, Godina shawaa lixaa magaalaa Ambootti babaldhatee akka jiru himame.
Labsii qindaawaa magaalaawwan Oromiyaa Caffee Oromiyaatiin karoorfamee turee fi, mastar pilaanii Finfinnee ilaalchisuun, bakka gara garaatti mormiin jabaan dhagahamaa jira.
Haaluma kanaan godina Shawaa lixaa magaalaa Amboo keessatti, barattoonni manneen barumsa sadarkaa lammaffaa fi qophahina Amboo hiriira mormii gaggeessaa oolanii jiru.
Humnootiin tikaa mootummaa fi, humnoonni kora bittineessaa, hiriira mormii kana dhaabsisuuf gaaza imimmaan boochisutti fayyadamuun, namoota hedduu irratti miidhaa dhaqqabsiisuu isaanii jiraattonni dubbatan.
Qorataa seenaa fi aadaa kan ta’an, Obbo Tafarii Nugusee wayta ammaa kana Ambo irraa yaada nuuf kennaniin, barattoonni gaafiilee sadii kaasaa jiraachuu fi, dhaadannoolee adda addaa dhageesisaa akka jiran himanii jiru.
Mormii ka’e kanaan, manniin baruumsa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa magaalaa Amboo keessatti argamu cufamee jira.
Barattoonni yunivarsiitii Amboos hiriira kanatti makamuu malu soda jedhuun, eegumsa cimaa keessatti kan argaman yoo ta’u, sa’aa tokko oliif ammoo yuniversiitichi barumsa addaan dhaabuullee himan.
Wayta mormiin kun eegalamee turetti, yuniversiitii Amboo seenuus ta’ee bahunis hin danda’amne kan jedhan obb Tafariin, sa’aatiilee muraasaan booda garu barumsi eegalee jira.
Manniin barumsaa biroo kan magaalattii keessatti argaman akkuma cufametti jiraachuun himame.
Gaafileen baratoonni Amboo kaasaa turan, bosonni Cillimoo maalif cirame?, bosonni kun ciramuu hin qabu jechuun, baratonni mormii dhageesisuun baruumsa isaanii irra ari’amanii turan barumsatti maaf deebi’uu dhabanii? fi, mastar pilaaniin Finfinnee harka lafa jalaan hojirra oolaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhudhaa.
Jiraataan magaalaa Amboo tokko ammoo akka jedhanitti, wayta ammaa kana daandiin magaalaa Amboo loltoota mootummaatiin cufamee jira. Haalli magalaattii keessatti muldhataa jiru gar malee yaaddessaadha.
Torbaan darbe kana keessa mormii godina Shawaa lixaa aanaa Daandii magaalaa Gincitti jalqabamee tureen, namoonni 80 ol hidhamuu isaanii kan jiraattonni nutti himan gabasuun keenya ni yaadatama.
Kominikeeshiiniin komishiinii poolisii Oromiyaa ibsa ‘’VOA’’f kennaniin ammoo magaalaa Gincii keessaa, barattoonni hidhaman 14 qofa. Namoota 70 hidhaman kan jedhamu sirrii akka hin taane dubbatanii jiru.
Mormii Gincitti jalqabamee tureen, yoo xiqqaate namoonni 80 ol kan hidhamnii fi, ammayyuu namoonni qabamanii hidhaaf barbaadamaa akka jiranis jiraattonni dubbatanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa naatoo uummata Oromoof hinqabne, murtee dogongoraa dabrsee itti deemaa jiru kana, hatattamaan dhaabee fedhii uummata Oromoo kabajuu baannaan, guutummaa Oromiyaa keessatti rakkinoonni akkaan hamaa ta’an uumamu akka malu tajjabdoonni siyaasaa hubachisaa jiru.
Gabaasaan Usmaan Ukkumee ti.
Usmaan Ukkumeetiin qindaaye.
https://www.oromiamedia.org/2015/11/barattoonni-magaalaa-amboo-hiriira-mormii-gaggeessaa-oolan/
https://www.oromiamedia.org/2015/11/omn-oduu-sad-25-2015/
Hiriira Barattoota Oromiyaa Keessaa fi Deebii Mootummaa
Torban tokko duraa jalqabee, hiriirri barattootaa, Shawaa Lixaa magaalaa Giincii keessatti geggeessame, hidhamuu namoota hedduu dhaqqabsiise – jedhu – jiraattonni magaalattii. Paartiin mormituu Kongiresiin Federaalawa Oromoo immoo, kaleessa magaalaalee lama ka biroo, Jalduu fi Najjoo keessatti, har’a immoo Ambo, Mandii fi Qilxuu-Kaarraa keessatti hiriirri barattootaa kun itti fufee geggeessamuu isaa dubbatu.
Giincitti lafti mana-barnootaa fuudhatamee, kaabinee aanaa sanaaf kennamuu, isteediyeemiin Giincii gurguramuu, ka magaalaa Giincii cina jiru – bosonni Cillimoo namoota dhuunfaatti gurguramee muramuu jalqabuu mormina – jechuun, hiriira barattoonni geggeessanii fi tarkaanfii humnoota mootummaatiin fudhatan – jedhame, akkasumas, hiriirawwan wal-fakkaatoo Jalduu fi Najjootti, Mandii fi Qilxuu Kaarraatti itti fufan jedhamaniif, qaamni mootummaa Raadiyoo Sagalee Amerikaatiif deebii kenne.
Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti, Abbaan Deemsa Hojii Dhimmoota Koominikeeshinii Koomishina Poolisii Oromiyaa – Solomoon Taaddesee, Giinci keessatti hiriirri geggeessame sun hiriira bifa nagaan geggeessame otuu hin taane, ka qabeenyaa namoota dhuunfaa caccabsuu fi humnoota nagaatti dhagaa guuruutti deeme waan ta’eef, tarkaanfiin seeraa fudhatamuu dubbatu.
Sababaa kanaan barattoonni adda durummaan geggeessuun isaanii beekame kudha-afur qabamanii ka seeratti dhiheeffaman ta’uu dubbatu. Ka magaalaa Jalduu keessaa garuu, hiriirri geggeessame nagumaan xumurame, jedhan.
Hiriirawwan barattootaa Oromiyaa keessaa ilaachisuuf gabaasaalee dhiheessinee fi deebii Aangawaa Poolisii Oromiyaa guutummaa isaa dhaggeeffadhaa.
http://www.voaafaanoromoo.com/content/oromo-protest-land-grab/3073756.html
Ethiopian Towns Rocked By Protests
http://thehornpost.com/ethiopian-towns-rocked-by-protests/
[…] https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/11/25/oromia-sadaasa-252015-gootootni-qeerroon-barattoot… […]