jump to navigation

Oromia (Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa): Gazaxessoonii bayyeen dhaabbiilee sabqunnamtii itoophiyaa irra Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa (miidhagaa lolaa) dhaquun waa’ee hoongeefi abaar yeroo isan nama gafachuu barbadaan, Bulchaan Aanaa Miidhagaa namonni akkaa ittii dhihatanii hin dubanne dhorkaa turan. Boodarra garuu nama dhalaa takkaa kanuma warrii Aanaa qopheysee qabanii haseysaan. Isiiniis waan isaan dhooysuu barbadaan osoo hin dhooysiin ittii himtee November 23, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
trackback

???????????Famine in Ethiopia 2015

 

(Oromia Press): Gaaafa sadaasa 21, 2015 gazaxessoonii bayyeen dhaabbiilee sabqunnamtii itoophiyaa irra Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaa (miidhagaa lolaa) dhaquun waa’ee hoongeefi abaar yeroo isan nama gafachuu barbadaan, Bulchaan Aanaa Midhaga namonni akkaa ittii dhihatanii hin dubanne dhorkaa turan. Boodarra garuu nama dhalaa takkaa kanuma warrii Aanaa qopheysee qabanii haseysaan. Isiiniis waan isaan dhooysuu barbadaan osoo hin dhooysiin ittii himtee.

Waan dubartiin san gaazexeessitootattii himtee keysaa akkana jatteen “Nuti hoongeen nuttii hammattee jirtii. Namnii goodanaa jiraa. Anuu ammaa goodansafiin demaa. Edaa edaatuu hiraata osoon hin nyatiniin bulee. Gargaarsi yeroo dhufe mallaqaa kaffalleeti katabamnaa. Abbaan araddaa maallaqa nurraa guurrateeti nu galmeeysaa. Qarshii san kan beeyladaa qabu horii gargureetii ittii kannaa. Walumaagalatti kan qarshii dhibbaa 300 hin qabnee gargaarsa kana hin fudhatu. Gargarsii osoo ummata hoongeen miidhame biraa hin geenye namootuma muraasaaf hiramee dhuma. Gargarsi aanaa keenyaa kan caasaalee araddaatifi kanuma nama qabenyaa qabuu tahe.” jattee icitii silaa isaan dhoysuu barbadaan mara jalaa bafte.

Galgaluma san TV Oromiyaa sagantaa kana dabarsee ture. Garuu kan nama aja’ibsisuu gazaxessooni kun waan intaltii dhala san ittii himtee hin dabarsine. Kan isaan dabarsan “rakkoo beelaa hin qabnuu tan nuti qabnu rakkoo bishaan dhugatiiti” tan jattu dabarsan. Kanaas kan ja’e nama bulchaan aanaa qopheesseen kan dubbatamee dha. Wanni nama gaddisiisu garuu bulchaan ummata bulchaa jiru kun ummata moo mootummaaf akka dhaabbateedha. Sagaleen ummataa ukkamamtee ummanni beelaan dhumaa jiraachuun kun akkamitti xiqqolee garaa isaan hin nyaanne jechuun ummanni bal’aan kaabinoota aanaa komachaa jiran.

Akka odeeffannoon gara Miidhagaa Lolaatii arra nu gahe tokko ibsitutti, hoongeefi beelaan wal qabatee haalli amma naannoo sanitti argamuu akka malee yaaddeessaa tahuu irraa kan ka’e abaar akka baroota dheeraa dura naannoo sanii namoota kumaatamaan baqachiisee turee san daran tahuun shakkisiisaa jira ja’an. Gargaarsi waajibir naannoo san dhufaa jiruus kan kallattiin ummata bira gahaa jiru osoo hin taane kan aangawoota araddaafi nama qarshii qabuu qofa akka tahe ijaan agartoonni naannoo sanii himaa jiran.

Haaluma wal fakkaatuun aanaalee walakkaan horsiifatee bultootaa tahan kan akka Qumbii, Mayyumuluqqee, Gola Odaa, Baabbile, Gursumiifi Cinaaksaniis beeyladaan isaani margaaf bishaan dhabaaf jalaa dhumaa kan jirtuufi ummanniis haala yaaddeessaa taheen beelaan xuruurfamaa jiraachuufi gargaarsi dhufu eessa akka gahu wanni beekan akka hin jirre odeeffannooleen garasii nu dhaqqabaa jiru ni hima.

http://www.oromiapress.com/oduu-amma-nu-gahe-2/

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: