jump to navigation

Oromia: Knoweldge and Society: Mammaaksa Oromoo March 4, 2017

Posted by OromianEconomist in 10 best Youtube videos, 25 killer Websites that make you cleverer, Afaan Oromoo, African Literature, Black History, Chiekh Anta Diop, Culture, Cushtic, Indigenous People, Kemetic Ancient African Culture, Khemetic Africa's culture, Oromia, Oromiyaa, Oromo, Oromo Art, Oromo Literature, Oromo Wisdom, Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , , ,
2 comments
OOromianEconomist
True Knowledge is wisdom.  The Oromo value wisdom to the highest degree: ‘Rather than to be kissed  by foolish man, I prefer to slapped by  a wise man.’ How is true knowledge acquired?  The Oromo proverbs  answers: By inference, by study, through suffering, by moulding another person, by heart. ‘  One who does not  understand  an inference  will never  understand  the thing as it is.. …  But the great school of knowledge is  experience, long life and old age. … The Oromo proverb  offers  no definition of  knowledge; they are not interested so much in nature of knowledge  as the type of knowledge  they propose  as  a model for  man-in-society, and  it is clearly  a knowledge  obtained through  experience through proximity  to the object, as ‘the calf  is known by the enclosure to have become a bull.’ See  Claud Summer, Ph.D., Dr.h.c (1995), Oromo Wisdom Literature,  Volume I , Proverbs Collection and Analysis.

Makmaaksa Oromoo (Oromo proverbs):

Abba hin qabdu akaakyuuf boochi
Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu
Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aawu
Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee
Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata
Afaan gaariin afaa gaarii caala
Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba
Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa
Akkuma cabannitti okkolu
Akukkuun yeroo argate dhakaa cabsa
Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi
ama of komatu namni hin komatu
Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin
Ana haa nyaatuun beela hin baasu
Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne
arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti
Asiin dhihoon karaa nama busha
“Aseennaa natu dide, kennaa warratu dide otoo nabutanii maal ta’a laata”,jette intalli haftuun
Badduun fira ishee yoo hamattee, baddubaatuun niiti ishee hamatti
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya
Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu

Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti!!
Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba
Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa
Barri gangalata fardaati
Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu
Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku
Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti
Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin, namni du’a gahe si hin abaariin
Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe
Bishingaan otoo gubattuu kofalti
Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama
Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu
Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka
Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu
Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti
Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu
Dabeessa uleen (jirmi) shani
Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon
Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu
Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti
Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu
Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani
Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba
Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu
Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti
Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu
Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe
Dubbii baha hin dhorkani galma malee
Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani
Duulli biyya wajjinii godaansa
Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani
Edda waraabessi darbee sareen dutti
Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani
Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin
Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette
Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti
foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe
fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli
Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette
Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani
Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu
Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema
Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade

Gama sanaa garbuun biile (asheete) jennan warra sodaanne malee yoom argaa dhabne jedhe  jaldeessi
Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha
Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani
Gara barii ni dukkanaa’a
Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya
Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati
Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju
Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti
Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata
Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota
Gowwaan gaafa deege nagada
Gubattee hin agarre ibiddatti gamti
Guulaa hin bitiin jiilaa biti
Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu
Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti
haadha laalii intala fuudhi
Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani
Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi
Hanqaaquu keessa huuba barbaada
Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti
Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa
Haati hattuun intala hin amantu
Haati hattuun intala hin amantu
Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe
Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte
Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee
Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa

Hantuunni hadha ishee jalatti gumbii uruu bartii

Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani
Harki dabaruu wal dhiqxi
Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu
Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan
Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu
Hidda malee xannachi hin dhiigu
Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase
Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii baatu

hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe
Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu
hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata
Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte
Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti
Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti
Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti
Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi
Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu
Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee
Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu
Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa
Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu
Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a
Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti
Intallii haati jajju hin heerumtu
Itti hirkisaan kabaa hin ta’u
Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti
Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe
Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu
Jabbiin hootu hin mar’attu
Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti
Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
Jarjaraan re’ee hin horu
Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku
Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha
Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani
Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa

Kan abbaan quba kaa’e oromi(namni, halagaan) dhumdhuma kaa’a
Kan afaanii bahee fi kan muccaa bahehin deebi’u
Kan bishaaan nyaate hoomacha qabata
Kan citaa qabaa tokko namaa hin kennine mana bal’isii gorsiti
Kan dandeessu dhaan jennaan gowwaan galee nitii dhaane Adaamiin ollaa hagamsaa jiru bara baraan boo’aa jiraata
Kan gabaa dhagahe gowwaan galee niitii dhokse
Kan hanna bare dooluutu sosso’a
Kan hordaa natti fiiges, kan haaduun natti kaates bagan arge jette saani du’uuf edda fayyitee booda
Kan humnaan lafaa hin kaane yaadaan Sudaanitti nagada
Kan ilkaan dhalchu kormi hin dhalchu
Kan namni nama arabsi irr, kan abbaan of arabsutu caala

kan qabuuf dabali jennaan harreen laga geesse fincoofte
Kan of jaju hin dogoggoru
Kan quufe ni utaala, kan utaale ni caba
Kan tolu fidi jennaan, sidaama biyya fide
Kan tuffatantu nama caala, kan jibbanitu nama dhaala
Kan tuta wajjin hin nyaanne hantuuta wajjin nyaatti
Kan waaqni namaa kaa’e cululleen hin fudhattu
Karaa foolii nun hin jedhani jette wacwacoon
Karaan baheef maqaan bahe hin deebi’u
Karaan sobaan darban, deebi’iitti nama dhiba
Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa
Karaa fi halagaatu gargar nama baasa
Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti
Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata
Keessa marqaa boojjitootu beeka
Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya
Kokkolfaa haati goota hin seetu
Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar’ata
Kursii irra taa’anii muka hin hamatani
Lafa rukuchuun yartuu ofiin qixxeessuu dha
Lafa sooriin du’e baataatu garmaama
Lafaa fuudhuutti ukaa nama bu’a

Lafti abdatan sanyii nyaatee namni abdatan lammii nyaate
Laga marqaa jennaan ijoolleen fal’aanaan yaate
Lama na hin suufani jette jaartiin qullubbii hattee
Leenci maal nyaata jennaan, liqeeffatte jedhe, maal kanfala jennaan, eenyu isa gaafata jedhe
Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti
Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baafti
Maa hin nyaatiin jedha dhirsi hamaan
Maal haa baasuuf dhama raasu
Mammaaksi tokko tokko dubbii fida tokko tokko dubbii fida
Mana haadha koon dhaqa jettee goraa bira hin darbiin
Mana karaa irra kessumaatu itti baayyata
Manni Abbaan Gube Iyya Hin Qabu
Maraataa fi sareen mana ofii hin wallalani
Maraatuun jecha beektu, waan jettu garuu hin beektu
Marqaa afuufuun sossobanii liqimsuufi
Marqaan distii badaa miti, irri ni bukata, jalli ni gubata
Marxoon otoo fiiganii hidhatan otuma fiiganii nama irraa bu’a
Mataa hiyyaassaatti haaduu baru
Midhaan eeguun baalatti hafe
Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa
Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu
Morkii dhaaf haaduu liqimsu
Nama foon beeku sombaan hin sobani
Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata
Namni beela’e waan quufu hin se’u
Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhakaa afaan nama kaa’a
Namni gaafa irrechaa duude, sirba irreechaa sirbaa hafa
Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa
Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu
Namni nama arabsu nama hin faarsu
Namni badaan bakka itti badutti mari’ata
Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du’a
Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha
Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko
Niitiin dhirsaaf kafana
Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
Niitiin afaan kaa’aami’eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti
Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabne
Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya
Obsaan aannan goromsaa dhuga
Obsan malee hn warroomani
Ofii badanii namaa hin malani
Of jajjuun saree qarriffaan udaani

Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti
Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan
Okolee diddu okkotee hin diddu
Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri
Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka
Ollaafi garaan nama hin diddiin
Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti
Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa’aa keetu bushaa’a
Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen
Otoo garaan tarsa’e jiruu, darsa tarsa’eef boossi
Otoo farda hin bitiin dirree bite
Otoo fi eegeen gara boodaati
Otoo garaan dudda duuba jiraate, qiletti nama darbata
Otoo sireen nama hin dadhabiin tafkii fi tukaaniin nama dadhabdi
Qaalluun kan ishee hin beektu kan namaa xibaarti
Qaban qabaa hin guunnee gad-lakkisan bakkee guutti
Qabbanaa’u harkaan gubnaan fal’aanan
Qabanootuharkaa, hoo’itu fal’aanaan
Qabeenyi fixeensa ganamaati
Qalloo keessi sibiila
Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon
qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti
Qarri lama wal hin waraanu
Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte
Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa’a
Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde
Qorichaofii beekan namaa kudhaamu
Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaa, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe
Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedhe
Raadni harree keessa ooltedhuufuu barattee galti
Sa’a bonni ajjeese ganni maqaa fuudhe
Saddetin heerume jarjarrsaa akka baranaa hin agarre jette jaartiin, salgaffaa irratti waraabessi bunnaan
Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu
Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya
Sareen duttu nama hin ciniintu
Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba
Sareen warra nyaattuuf dutti
Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti
Shanis elmamu kudhanis, kan koo qiraaciitti jette adurreen
Sirbituu aggaammii beeku
Sii uggum yaa gollobaa, anaafoo goommani ni dorroba inni gurr’uu soddomaa jette jaartiin horii ishee gollobaan fixnaan
Sodaa abjuu hriba malee hin bulani
Soogidda ofiif jettu mi’aayi kanaachi dhakaa taata
Sombaaf aalbee hin barbaadani
Suphee dhooftuun fayyaa gorgurtee, cabaatti nyaatti
Taa’anii fannisanii dhaabatanii fuudhuun nama dhiba
Takkaa dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha
Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti
Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti
Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee
tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha
Tufani hin arraabani
Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa
Ulee bofa itti ajjeesan alumatti gatu
Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya
Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata
Waa’een garbaa daakuu fi bishaani
Waan ergisaa galu fokkisa
Waan jiilaniin kakatu
Waan kocaan kaa’e allaattiin hin argu
Waan namaa kaballaa malee hin quufani
Waan samii bu’e dacheen baachuu hin dadhabu
Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi
Waan warri waarii hasa’aan, Ijoolen waaree odeesiti
Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi
Wali galan, alaa galan
Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka
Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee
Warra gowwaa sareen torba
Waraabessi bakka takkaa nyaatetti sagal deddeebi’a
Waraabessi biyya hin beekne dhaqee gogaa naa afaa jedhe
Waraabessi waan halkan hojjete beekee guyyaa dhokata
Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuufi
Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan
Yoo boora’e malee hin taliilu
Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re’eetiin
Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti
yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
yoo ta’eef miinjee naa taata jette intalli


Mammaaksota Dubartootaa Oromoo

1.     Heeruma dharraanee(hawwinee) heerumnaan rarraane (rakkannee)

2.     Asuu oolle jette tan heerumaaf muddamte”

3.     Takkattii qayyannee taduraa hanqannee  ykn takkaa qayyannee lukaa gubanne

4.     Bakka dhiiganii hin fiigan.

5.     Kana muranii kamiin fincaayan jette haati manaa inni ofirraa mura jennaan.

6.     Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan.

7.     Intalti ariifattuun haadha ciniinsuubarsiifti

8.     Akka beekutti dhalaa(dahaa) nadhiisaa jette intalti harka namaa diddu

9.     Sirbaaf bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee.

10.  Akka ebaluutti sirbaan morma nama jallifti jette intalti qalbii qabdu.

11.  Mucaa deenna malee mucaa hin geennu jette intalti of tuffatte.

12.  Wol  akkeessee ollaan marqa balleesse jette intalti ofiin bultun .

13.  Akka aadaa teennaa gaara gubbaa baanee teenna jedhe harmi dubartootaa.

14.  Ati baldi ta dhiirsa ka’imaa jette intalti abbaan manaa isii jaarsaa.
(Baldu : ashuu,qoosuu,taphachuu, busheesuu)

15.  Har’allee moo jette haati ijoolleen beelofne (shoomofne) jennaan isiin bakka cidhaatii quuftee waan galteef

16.  Ani ufiif hin jennee, mucaan keessan ka hangafaa sun fuudha hin geennee? jette intalti mucaa kajeelte.

17.  Soddaa fi dayma hin duudhatan.

18.  Osoo dhukubsataan jiru, fayyaalessi du’a.

19.  Ana bakki na dhukubu asii mitii maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe san kooba jette bookeen.

20.  Makkitu malee makkaa hin hajjan

(Makkitu : naamaaf mijooftu/mijaa’u)

21.  Akka dida’aa fi akka didanaatti na galchi

22.  Daalun xaraan kaanu tara.

Qopheessan : Abdii Boriiti

Source: http://opride.com/hamba/?p=231


Related:

Hiibboo Afaan Oromoo

Hiibboo Afaan Oromoo December 28, 2016

Posted by OromianEconomist in Afaan Oromoo, Oromo Literature.
Tags: , , , , , , , , , , , , ,
1 comment so far

Odaa OromooOromianEconomistAfaan Oromo is the ancient indigenous language of AfricaThe six widely spoken languages in Africahibboo-afaan-oromoooromo-samsung

Hiibboo Afaan Oromoo


1• Ari’anii hin qaban utaalanii hin dhaaban (Gaaddidduu)
2• Soba dhugaa fakkaatu (Abjuu)
3• Abbaan bokkuu marmaratee rafe (Boqqoolloo)
4• Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdu (killee)
5• Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti (ija)
6• Funyaan qabdii furrii hin baafattu (Baaqelaa)
7• Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse (Jirbii)
8• Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte (gurra)
9• Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu (mixii)
10• Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti (kibriitii)
11• Funyaan qabdii hin haxxifattu (Shumburaa)
12• Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu (Harma sa’aa)
13• Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu (ibidda)
14• Osoon kolfuun gubadhe (Akaayii/Akaawwii)
15• Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa (Addeessa)
16• Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii (Doobbii)
17• Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu (Hindaaqqoo)
18• Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti (Majii)
19• Gabaabaa qalbii dheeraa (Hindaaqqoo)
20• Dheeraa qalbii gabaabaa (Farda)
21• Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu (Tafkii)
22• Loon hin qabduu ni elmiti (Silmii)
23• Hamma majii geessii biyya waliin geessi (Aduu)
24• Bifaan gurraattii amalaan giiftii (Eelee)
25• Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi (Hiddii)
26• Ganama argee guyyaa dhabe (Fiixensa)
27• Lafarra kaattii saree fakkaatti (Sardiidoo)
28• Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu (Fardaafi kooraa)
29• Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala (Gaafa re’ee)
30• Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e (dabaaqula)
31• Ani silaalaa ati waaqa ilaalta (eegee re’ee)
32• Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba (Qilleensa)
33• Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a (ibidda)
34• Balbala cufattee sirbiti (ittoo)
35• Sangaa gurraachi bosona keessa deema (injiraan)
36• Baala fakkaataa waaqarra kaata (Billaacha)
37• Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu (Lukkuu kormaa)
38• Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa (Boqqolloo)
39• Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata (Barbaree)
40• Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti (Mooyyee fi bolotaa)
41• Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii (dhagaa daakuu)
42• Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu (Boraatii)
43• Ganama hiyyeessaa galgala dureessa (Mooraa loonii)
44• Godoo gamaa balballi ishee lama (Funyaan)
45• Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase (Bishingaa)
46• Asuma taa’ee walitti qabe (Yaada)
47• Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu (Gaangee)
48• Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya (Harma)
49• Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti (Bilbila)
50• Lafee hin qabuu ija hin dhabu (Biddeena)

51• Karaarra teessee qullubbii qollaati (Gufuu)

52• Asii fiigee gunbii diige (Hantuuta)
53• Afur taatee boolla tokkotti fincoofti (Mucha sa’aa)
54• Abbaa garbee iyyaa darbe (Waraabessa)
55• Isuma tumuu isumaan qabuu (Sibiila)
56• Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani (Xaafii)
57• Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti (Kanniisa)
58• Tokko ganama jibba Tokko gagala jibba Tokko ganna jibba (kan ganama jibbu nama liqiin irra jiru, kan galgala jibbu nama niitiin qoccoltu, kan ganna jibbu nama manni dhimmisu)
59• Fuuldura mootii teessee fincoofti (Jabanaa)
60• Bisingaa gaara irraa gadi jige (Eegee sa’aa)
61• Uleen abbaan koo naaf kenne hin cabduus hin dabduus (Maqaa)
62• Ani ergaan dhaqaa ati eessa dhaqxa (Gaaddidduu)
63• Luka Afur qaba garuu laga hin cee’u (Siree/teessoo)
64• Kaballaan dhahee Albaase (Gingilchaa)
65• Ooyiruu guddaa baaqelaa facaase (Waaqaf urjii)
66• Bakka saani gurraachi ka’e adiin ciise (Daaraa)
67• Sabbata aayyoo maree mareen dadhabe (Karaa)
68• Yoo loo’u akka bofaa, yoo taa’u akka dhagaa (Dabaaqulaa)
69• Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata (Fal’aana)
70• Abbaan gabaabaan lafa jala fiiga (Maarashaa)
71• Gamaanis gaara gamanaanis gaara keessi fardaan magaala (Marqaa)
72• Calaq calaqqisee meetii sodaachise (Bakakkaa)
73• Muree muree manarra tuule (Citaa)
74• Jabbii jabbii hootu (Furriifi quba harkaa)
75• Sangaan gaafa dalgee bookkisaa gadi darbe (Xiyyaara)
76• Qotiyyoon abbaa kiyyaa eegee qaban malee hin qottu (Maqasii)
77• Sulula qal’oo araddaa bal’oo (Qoonqoo)
78• Ejersa jigoo bo’oo kanniisaa (Numa du’e)
79• Namichi daboo kadhatee warri daboo deebi’ee, inni achumatti hafe (Reeffa)
80• Ulee awwaalarraa bareeddeef hin muratan (Obboleettii)
81• Obboleettii gabaabduu qaqqabdee hin dhungattu (irree)
82• Boollatti galti yaa shurrubbaa ishee (Xaddee)
83• Mucaan koo shaalee shaalee gara waaqaatti ol erge (Gaagura)
84• Fayyaan du’aa dhalaa du’aan fayyaa dhala (Lukkuu,buuphaa,cuucii)
85• Balluxee fi qalluxeen wal qabattee wal huute (Qacceefi muka)
86• Karaan gibee naannoo naannoo (Gundoo)
87• Fardeen laga wancii mudhii qaqallatti (Goondoo)
88• Dukkanni gumbii guute (Nuugii)
89• Bishaan Buutu xabuluq hin jettuu daggala seentu shokok hin jettu (Lilmoo)
90• Osoon kaadhuun wanta adii gatee darbe (Hancufa)
91• Shaa jedhe hin dhangala’u (Eegee fardaa)
92• Afaan banatee nama ilaala (Hubboo)
93• Ulee gantuu mataan gadi jedhe (Ookkoo)
94• Bakkalcha fakkaatti lapheerra kaatti (Amartii)
95• Ni deemaa ni deemaa hin dhaabbatu (bishaan)
96• Yoo tuqan ni boo’a (Adaamii)
97• Hiriyoonni lamaan wal fakkaatuu waliin deemu (kophee)
98• Kophaa deemtii hin sodaattu (Biiftuu)
99• Ganama luka afur, guyyaa luka lama, galgala luka sadi (Daa’ima,Dargaggeessa,Jaarsa)
100• Ija waliin dhalattee osoo hin laalin duute (Biddeena)
101• Laga bu’een ulee qajeelaa dhabe (Lafee cinaachaa)
102• Guutan hin ulfaattu (yeroo/sa’aatii)
103• Hamma fudhattu gadhiisaa deemti (Tarkaanfii miilaa)
104• Yoo haadduun murtees godaannisa hin qabu (Bishaan)
105• Kan ol-deemu tasa kan gadi hin deebifamne (umurii)
106• Gamana taa’ee gamatti waraane (ija)
107• Aayyoo baruxeen karaatti duute (Qaanqee)
108• Kittaa buufattee waajjira seentee (Muuzii)
109• Ani anuma hin nyaadhuu hin dhugu (suuraa)
110• Hinuman si dhiqa maaf daalachoofta (Qodaa bukoo)
111• Obboon bulukkoo uffatee rafe (Dibaa abiddaa)
112• Ejersa dabe falli hin deebisu (Gaafa hoolaa)
113• Mataa filattee gabaa baate (Suufii)
114• Lafa keessaa lafa abaaramaa (Boolla)
115• Re’een maraatte abdola afuufti (Buufaa tumtuu)
116• Morma qabdi mataa hin qabdu (Buqqee)
117• Hibakka bookkise dallaatti si rakkise (Bubbee)
118• Ulee qal’oo qabatee farda sadi yaabbate (Distii/Marqaa)
119• Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti (Rasaasa)
120• Ganama kaatee lafa arraabdi (Hartuu)
121• Dura Diigamee booda ijaarama (kaarra loonii)
122• Abbaan eeboo dhibbaa laga keessaa sirba (Meexxii)
123• Galgala faca’u galgala dhabamu (Urjii)
124• Gaaraa gugatee daaraa uffate (Qoraan)
125• Ollaa walii ta’anii wal hin argan (Ija)
126• Kan bu’ee hin banne kan hattuun hin hanne (Beekumsa)
127• Fardeen gamaa dhuftu luugamni hin deebisu (Hoqqisaa)
128• Burqaa gaaraa balballi saddeeti (Mucha/Harma saree)
129• Muka diimaa diimate jedhanii bira hin darban (Harbuu)
130• Akka bofaa loo’aa addunyaa hundaa mo’aa (Hirriiba)
131• Tokko ni deemna jedha, Tokko ni dhaabbanna jedha, Tokko ni teenya jedha (Bishaan, Muka, Dhagaa) 132• Hiddi isaa lafa lixee ijji isaa nama fixe (Qaaraa)
133• Ninyaata hin dhugu (Daana’oo)
134• Gaara guddaa jala re’een adiin cicciiste (ilkaan)
135• Bixxilleen aayyoo jilbarratti hin cabu (Missira)
136• Mana ijaaree karaa isaa wallaale (Tuulaa midhaanii)
137• Maree sirra taa’e (Gogaa)
138• Damee qabdii hin yaabbatamtu ija qabdii hin nyaatamtu (Hiddii)

 BEEKSISA: barumsa oromsamsung bifa suur-sagaleetin (video) hordofuudhaf As tuqaa youtube irratti subscribe godhaa ykn link☞ www.youtube.com/oromsamsung9578
Related:
Qaaccessa Adeemsaafi Faayidaa Hiibboon Oromoo Qabu

Oromia: Haqni Dhara Hin Qabu: Birraa 5, bara 2015, magaalaa Finfinne, galma aadaa Oromoo keessatti – CD-iin kuusaa walaloolee waloo Lataa Qana’ii bakka uummatni hedduun argametti eebbifamee gabaa irra oole. September 8, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromo Literature.
Tags: , , , ,
2 comments

???????????Hagayya 5, bara 2015, magaalaa Finfinne, galma aadaa Oromoo keessatti – CD-iin kuusaa walaloolee waloo Lataa Qana’ii bakka uummatni hedduun argametti eebbifamee

Haqni Dhara Hin Qabu

Sirna eebba CD walaloo Lataa Qana'ii

Sirna eebba CD walaloo Lataa Qana’ii

 VOA Afaan Oromoo, Namoo Daandii, 08.09.2015

 5, bara 2015, magaalaa Finfinne, galma aadaa Oromoo keessatti – CD-iin kuusaa walaloolee waloo Lataa Qana’ii bakka uummatni hedduun argametti eebbifamee gabaa irra oole. Akka qopheessitoonni qophii kanaa jedhanitti, maanguddootaa jalqabee haga ijoollee xixiqqootti  uummatni hedduun, walaloolee Lataa jaallatanii fi dinqsiifatan argamanii jiran. Qophiileen bashannansiisan akka koomediilee gaggabaaboo fi walaloolee illee dhihaatanii jiran. Qindeessitoota qophichaa keessaa tokko ka ta’e – ogeessi Koomiyunikeeshinii, Obbo Gammadaa Olaanaa, uummatni hedduun galmicha keessatti walga’uuf kan baay’ee nu fayyade miidiyaa hawaasummaa keessumaa karaa Feesbuukii dhaamsawwanii fi beeksisawwan walitti daddabarsine, jedha. Waloo Lataa Qana’ii illee waa’ee waloolee isaa ennaa ibsu “walooleen kiyya jireenya hawaasaa yeroo ammaa argaa jirru irraa ka madde” jedha.

Sirna eebba walaloo Lataa Qana’ii Asagadii VOA Afaan Oromoo tuqaatii dhaggeeffadhaa:-

#HELOO, KANNEEN BEEKTUU LAATA??? July 8, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromo Literature, Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

???????????