Advertisements
jump to navigation

Tribute to the Legendary Oromo artist Almaz Tafarraa (1957- 2014) March 24, 2014

Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Artist Almaz Tafarraa, Oromia, Oromiyaa, Oromo, Oromo Artists, Oromo Culture, Oromo First, Oromo Identity, Oromo Media Network, Oromo Music, Oromo Nation, Oromo Social System, Oromummaa, State of Oromia, The Oromo Library, Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , , , ,
add a comment

???????????

 

 

Artist Almaz Tafarra: the founding member of Afran Qalloo Band: Miseensa Baandi Afran Qalloo jalqabaa

Arstist Almaz Tafarra, the founding member  of the Afran Qalloo died on  22nd March 2014 at Police Referral Hospital in Finfinnee. Tafara began singing in Afaan Oromo in early 1970s.  Artist Almaz Tafarra  was born in 1957 in Oromia,Western Hararghe, Doba district.

In outstanding and successful career that extended across nearly four decades,  artist Almaz Tafara recorded and released a total of ten albums. Her lyrical message usually concentrates  on her own  and collective socio-political issues in Oromia. Tafara released her first solo album in 1983. During her career, Tafara has collaborated and worked with pioneering Oromo artists including Ali Shabo, Kadir Said, Adam Harun, Musa Turki,  Worku Bikila and the  late poet and singer Abdi Mohamed Qophe.  Tafara deeply loved her culture and sang  in Afaan Oromo. She released her tenth and final album in 2005.

(Oromedia, 23 Bitootessa 2014) Dhukkuba kaansarii dhiigaan dhukkubsattee yaalamaa kan turte, Artisti Almaaz Tafarraa Bitootess 22, 2014 addunyaa kana irraa du’aan boqochuun ishee beekame.
Bara jireenya ishii aartii fi Afaan Oromoo guddisuu irratti gahee guddaa kan gumaachaa turte artisti Alamaaz Tafarraa, addunyaa kana irraa kan dabarte hospitaala Poolisii Finfinnee keessatti otuu wal’aanamaa jirtu ta’uu oduun nu gahe addeesse jira.
Akka odeeffannoo argannetti, sirni awwaalchi ishe Duilbata- Bitootessa 23, 2014 waaree booda saatii 4:00 irrati magaalaa Harar keessatti akka ta’u beekameera.
Bara 1957 Oromiyaa Bahaa, Harargee Lixaa, Aanaa Doobbaatti kan dhalatte Artisti Almaaz Tafarraa, sirba ishii duraa bara 1983 kaasettaan baafte. Yeroo sanaa eegalees haga dhukkubsattee waltajjii irraa haftetti kaassettoota sirbaa sagal baaftee ummataaf gumaachitee jirti.
Akka seenaa artistoota Oromoo keessaa hubatamutti, artisti Almaaz Tafarraa miseensa baandii Afran Qalloo turte. Sirboota sirbaa turteenis ummta Oromoo biraa jaalalaa fi kabajaa guddaa yeroo argattu, humnoota guddinaa fi dagaagina aadaa fi eenyummaa Oromoo jibbaniin immoo hedduu dararamaa fi miidhamaa akka turte seenaan ishii kan ragaa bahuudha.
Bara 2014 keessa hedduu waan dhukkubsatteef mana yaalaatti deddeebi’aa kan turte, Artisti Alamaaz, deeggarsa ummataan wal’aansa adda addaa Harar irraa gara Finfinneetti deddeebitee fudhachaa akka turte beekameera.
Sirbooti Artisti Almaaz Tafarraa kan yeroo fi barri ittii hin darbinee fi kan dhalootaa dhalootatti barayyuu yaadatamuu dha.
Akka qormaata Oromediaatti, Artisti Almaaz Tafarraa hojii boonsaa aartii Oromoo keessatti gara waggoota 40f dalagneen dhaloota dhalootatti kan yaadatamuudha.
Kan malees, hojii boonsaa yeroo hamtuu fi sodaachisaa keessa ifatti baatee dalagdeen galmee sabboontotaa fi gootota Oromoo Oromummaa jiraachisan keessatti kan ramadamtuudha.
Kanaan dura oduu karaa Oromedia darbee tureen, sabboontoti Oromoo biyya Jarmanii, biyya Ameerikaa fi Sa’udi Arabiyaa qunnamtii karaa Oromedia argataniin gargaarsa maallaqaatiin birmatanii akka wal’aansa gahaa argattu godhan iyyuu, Artisti Almaaz Tafarraa dhukkubicha irra hafuu hin dandenye.
Akka Artisti Alamaaz Tafarraa akka fayyituu fi dhintu kanneen dhuunfaanis ta’ee gamtaan gumaachitan maraaf seenaan isin yaadata jechaa, Rabbi Isin haa jajjabeeysu jenna.
Gareen Oromedia du’aan adunyaa kana irraa boqochuu artistii fi qabsooftu Almaaz Tafarraatin gadda nuuti dhagahamee ibsaa, lubbuun isaanii Waaqin akka qananiisuuf yeroo kadhannu, firootaa fi hiriyyoota ishii akkasums mararfatootta ishiif jajjabin isinif haa kennu jenna.
Seenaa Artist Almaaz Tafarraa
Bara 1957 Aanaa Doobbaatti keessatti dhalatte.
Bara 1973 Hawwisoo poolisii Harar seente.
Bra 1983 kaassetta duraa baafte.
Bitootessa 22, 2014 addunyaa kana irraa boqotte.

http://oromedia.net/…/artisti-almaaz-tafarraa-boqotte…/ http://oromedia.net/…/artisti-almaaz-tafarraa-boqotte…/

http://www.oromiamedia.org/2014/03/breaking-news-artist-almaz-tefera-passed-away/

http://gadaa.com/oduu/24997/2014/03/23/artisti-almaaz-tafarraa-boqotte-1957-2014-artist-almaz-tefera-passes-away/#.Uy5h15LZj1E.facebook

http://www.opride.com/oromsis/news/horn-of-africa/3738-beloved-oromo-singer-almaza-tafara-dies

Advertisements